Daani'eel 12

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota3:30 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:30 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus inni anatti dubbachaa ture,“Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a; yeroon rakkinaas in ta'a; sanyiin rakkinichaas erga sabni jiraachuutti ka'ee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee kan hin beekne in ta'a; sabni kee warri maqaan isaanii macaaficha keessatti caafame garuu adduma addaan isa jalaa in ba'u.

2Warra obbaafatanii garaa lafaa keessa rafan keessaas baay'een dammaqanii, kaan jireenya bara baraaf, kaanis yeelloo jibbisiisaa bara baraaf in ka'u.

3Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri namoota baay'ee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru.

4Ati garuu Daani'el, hamma bara isa dhumaa sanatti dubbicha cufii, macaafichattis mallattoo godhii kaa'i! Baay'een isa bira ga'uudhaaf in dhama'u, beekumsis baay'achuuf jira” jedhe.

5Ani Daani'el ilaalee, ergamoota biraa lama immoo, inni tokko hidhii lagaa gamana, inni kaanis hidhii lagichaa gama keessa utuu dhaabatanii nan arge.

6Tokkos isa uffata quncee talbaa uffatee, bishaan lagichaa gara irraa ture sanaan,“Wanti dinqisiisaan kun dhumuun isaa hamma yoomiitti tura?” jedhe.

7Namichi wayyaa quncee talbaa uffatee, bishaan lagichaa gara irraa ture sun, harka isaa mirgaa, harka isaa bitaas gara bantii waaqaatti ol kaasee, kun bara tokkoof, bara lamaaf, bara walakkaadhaafis turuuf akka jiru, inni humna saba qulqullaa'aa cabsu sun yeroo badduu ba'u, dubbiin kun hundinuu raawwatamuuf akka jiru, isa bara baraan jiraatu sanaan kakatee hime.

8Ani kana nan dhaga'e, garuu hin hubanne; kanaaf,“Yaa gooftaa ko, dhumni wanta kanaa maali?” nan jedheen.

9Yommus inni deebisee,“Dubbichi hamma bara isa dhumaa sanatti cufamee waan malatteeffameef, ati karaa kee dhaqi, yaa Daani'el!

10Namoonni baay'een in qulleeffamu, in qoramu, in calalamus; warri jal'oonni garuu jal'ina isaanii ittuma in dabalu, warra jal'oota keessaa tokko illee kana hin hubatu; warri ogeeyyiin garuu hubachuuf jiru.

11Aarsaan walitti fufee aarfamu sun erga balleeffamee, wanti jibbisiisaan nama rifachiisu sunis erga achi kaa'amee jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi sagaltama in ta'a;

12namni hamma guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii fi soddomii shaniitti turee, dhuma isaa bira ga'u haa gammadu!

13Ati garuu hamma dhuma jireenya keetti dhaqi! In boqottas, guyyaa isa dhumaa sanattis kaatee in dhaabatta, ga'aa kees in argatta!” jedhe.

Ibsa

12:1-4.

Mikaa'el jechuun, 'Eenyutu Waaqa fakkaata?' jechuudha; maqaan isaa, maqaa ulfinaa 'Angafa Guddaa' jedhu waliin, Fayyisaa Waaqummaa kan agarsiisuudha. Kiristoos saba keenyaaf bakka isaanii bu'ee aarsaa ta'eera, abaarsa isaaniif baatee, isaaniirraa akka fudhatuuf. Inni teessoo ayyaanaa irratti bakka isaanii bu'ee isaaniif kadhata. Kiristoosiin mormituun erga balleeffamtee booda, Gooftaan Yesuus guyyaa dhumaa lafa irratti ni dhaabata; innis furamuu guutummaa saba isaa hundaatiif ni mul'ata. Yeroo Waaqayyo ari'atama irraa isaan baasu, akka du'aa ka'anii jiraatanitti argama. Yeroo wangeelli isaa lallabamu, baay'een dachee keessa rafan, Yihudootas ta'an saboota biraa, amantii Yihudummaa du'aa fi amantii Waaqa hin beekne isaaniirraa ni dammaqfamu. Dhuma irrattis, baay'een dachee keessa rafan ni dammaqu; baay'een jireenyaaf, baay'eennis yeella'uuf ni ka'u. Ulfinni warra qulqulloota hundaaf jireenya gara fuulduraatti qophaa'ee jira; kunis warra ogummaa qaban hundaaf, warra lubbuu isaanii fi bara baraaf ogummaa qaban hundaafidha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG “በዚያም ዘመን ስለ ሕዝብህ ልጆች የሚቆመው ታላቁ አለቃ ሚካኤል ይነሣል፤ ሕዝብም ከሆነ ጀምሮ እስከዚያ ዘመን ድረስ እንደ እርሱ ያለ ያልሆነ የመከራ ዘመን ይሆናል፤ በዚያም ዘመን በመጽሐፉ… አማርኛ ENGNIV “At that time Michael, the great prince who protects your people, will arise. There will be a time of distress such as … English BCV “በቲ ዘመን እቱይ፥ እቲ ምእንቲ ደቂ ህዝብኻ እስራኤል ዝቐውም፥ ዓብዪ ሓለቓ ሚካኤል፥ ክትስእ እዩ። ሽዑ መንግስቲ ኻብ ዝተመስረተ ጊዜ ጀሚሩ፥ ክሳዕ እቲ ዘመን እቱይ ተርእዩ ዘይፍለጥ፥ ዓ… ትግርኛ GAZBIB Yommus inni anatti dubbachaa ture,“Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a; ye… Afaan Oromoo BCV GIZ ወውእተ አሚረ ይትነሣእ ሚካኤል መልአክ ዓቢይ ዘይትቃወም ለደቂቀ ሕዝብከ ወይከውን ዐቢየ ሕማመ እምኔሁ ወምንዳቤ ዘኢኮነ ከማሁ እምአመ ተፈጥረ አሕዛብ ዲበ ምድር እስከ ውእቱ አሚር፤ ወይድኅ… giz BCV aksum “በቲ ዘመን እቱይ፥ እቲ ምእንቲ ደቂ ህዝብኻ እስራኤል ዝቐውም፥ ዓብዪ ሓለቓ ሚካኤል፥ ክትስእ እዩ። ሽዑ መንግስቲ ኻብ ዝተመስረተ ጊዜ ጀሚሩ፥ ክሳዕ እቲ ዘመን እቱይ ተርእዩ ዘይፍለጥ፥ ዓ… ትግርኛ AMHNIV “በዚያን ዘመን ስለ ሕዝብህ የሚቈመው ታላቁ አለቃ ሚካኤል ይነሣል። መንግሥታት ከተመሠረቱበት ጊዜ ጀምሮ እስከዚያ ዘመን ድረስ ታይቶ የማይታወቅ ታላቅ የመከራ ጊዜ ይሆናል። ነገር ግን በዚያ… አማርኛ SWAHSUV Wakati huo Mikaeli atasimama, jemadari mkuu, asimamaye upande wa wana wa watu wako; na kutakuwa na wakati wa taabu, mfa… Kiswahili