Hojii Ergamootaa 8

GAZBIBAfaan Oromoo40 Keeyyattoota7:35 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:35 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Saa'ol ajjeefamuu Isxifaanositti walii galee ture. Kana irratti immoo guyyuma sana waldaa amantoota Yerusaalem keessa jirtu irratti ari'atamuu guddaatu ka'e; ergamoota irraa kan hafe amantoonni hundinuu kutaa biyya Yihudaatii fi Samaariyaa keessa bittimfaman.

2Jarreen Waaqayyoof bulan tokko Isxifaanosiif boo'icha guddaa isaa boo'anii, reeffa isaa awwaalan.

3Saa'ol garuu waldaa amantootaa lafa irraa balleessuudhaaf manneen keessa adeemee, dhiirotaa fi dubartoota amantoota ta'an harkisee, mana hidhaatti in kenna ture.

4Amantoonni warri bittimmaa'an biyya keessa naanna'anii, dubbicha in lallaban.

5Filiphos gargaartota keessaa tokko, mandara Samaariyaa tokkotti gad bu'ee, namoota mandarichaatti Kristosin lallabe.

6Tuuti jaraas gurra qeensanii, dubbii Filiphos dubbate dhaggeeffatan; milikkita inni hojjetes in argan.

7Hafuuronni hamoonni sagalee guddaadhaan caraananii, namoota baay'ee keessaa ba'an; namoonni baay'een dhagni isaanii gar tokko kan du'e, warri hokkolanis in fayyifaman.

8Kanattis warri mandara sanaa guddaa in gammadan.

9Mandara sana namichi Simoon jedhamu, qoricha namatti gochuu isaatiin namoota Samaariyaa dinqisiisee, nama guddaa kan ofiin jedhe tokko jira ture.

10Namoonni mandara sanaa hundinuu xixinnayyootaa hamma gurguddootaatti dubbiin isaa dhugaa dha jedhanii fudhatanii, ?Namichi kun, humna Waaqayyoo isa guddaa jedhamee waamamu, of keessaa qaba? jedhan.

11Isaan, Simoon kun yeroo dheeraadhaa jalqabee qoricha namatti gochuu isaatiin waan isaan dinqifachiiseef, isa duukaa rarra'aa turan.

12Amma garuu namoonni kun, Filiphos waa'ee mootummaa Waaqayyootii fi, waa'ee maqaa Yesus Kristos misraachoo yommuu isaanitti lallabe amananii, dhiironnis dubartoonnis in cuuphaman.

13Simoon ofii isaatii iyyuu amanee, erga cuuphamee milikkitaa fi dinqii gurguddaa, Waaqayyo harka Filiphosiin hojjete arginaan dinqifatee Filiphos biraa adeemuu jibbe.

14Yommus ergamoonni Yerusaalem jiran warri Samaariyaa dubbii Waaqayyoo fudhachuu isaanii dhaga'anii, Phexrosii fi Yohannisin erganiif.

15Isaan Samaariyaatti gad bu'anii, hafuura qulqulluu akka argataniif amantootaaf kadhatan.

16Maqaa gooftaa Yesus duwwaatti cuuphamanii turan malee, hafuurri qulqulluun isaan keessaa nama tokko irratti illee hin buune.

17Ergamoonni harka isaanii isaan irra kaa'an, isaan immoo hafuura qulqulluu argatan.

18Simoon yommus harki ergamootaa nama irra kaa'amuudhaan, hafuurichi akka kenname arginaan, horii ergamootaaf fidee,

19?Harka koo kanan irra kaa'u hundinuu hafuura qulqulluu haa argatuuf; humna akkasii anaafis immoo kennaa!? jedhe.

20Phexros garuu deebiseefii, ?Kennaan Waaqayyoo horiidhaan in bitama jettee waan yaaddeef, horiin kee sii wajjin haa badu!

21Yaadni garaa kee Waaqayyo duratti qajeelaa waan hin ta'iniif, ati dubbii kana keessaa hin qabdu, qoodas hin qabdu.

22Kanaafis hammina kanattii yaada garaa kee geddaradhu, gooftichas kadhadhu, hamaa yaaduu kee kana dhiifamuu siif godha ta'a.

23Yaadni hadhaa'aan akka si keessa guuteef, cubbuun akka si hidhate nan arga? jedhe.

24Kana irratti Simoon deebisee, ?Hadaraa jecha isin anaan jettan keessaa, tokko illee ana irra akka hin geenyeef gooftaa anaaf kadhadhaa!? jedhe.

25Ergamoonni sun waa'ee Yesus dhugaa ba'anii, dubbii gooftaas dubbatanii, gandeen warra Samaariyaa baay'eetti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebi'an.

26Ergasii ergamaan Waaqayyoo Filiphosiin, ?Ka'i, waareetti gara mirgaa gara karaa onaa, isa Yerusaalemii Gaazaatti geessuu dhaqi!? jedhe.

27Filiphos yommus ka'ee dhaqe. Kunoo, namichi xu'aashiin tokko itti dhufe; namichi kun qabeenya ?Kandaakee? mootittii warra Itiyoophiyaa hundumaa irratti abboomaa ture; inni Waaqayyoof sagaduudhaaf Yerusaalem dhaqee ture.

28Utuu achii galuus konkolaataa kottee duudaadhaan harkifamu irra taa'ee, macaafa raajicha Isaayaas dubbisaa in adeema.

29Hafuurri qulqulluun yommus Filiphosiin, ?Konkolaataa kanatti dhi'aadhuutii, isa duukaa adeemi!? jedhe.

30Filiphosis konkolaataa sanatti fiigee, namichi macaafa raajicha Isaayaas utuu dubbisuu dhaga'e, ?Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?? jedhee isa gaafate.

31Namichi immoo, ?Utuu namni anaaf hin ibsin, attamittan hubachuu danda'a?? jedhee deebise; akka Filiphos konkolaataa yaabee isa bukkee taa'uufis in kadhate.

32Dubbiin macaaficha inni dubbisaa ture, ?Inni akka hoolaa qalamuudhaaf geeffame, akka ilmoon hoolaa, namni rifeensa ishee yommuu muru sagalee ishee hin dhageessifne, akkasuma innis afaan isaa hin saaqqatu.

33Nama gad deebi'aa waan ta'eef, dhugaan isaa hin ilaalamne; hidda dhala dhala isaas eenyutu hima ree? Jireenyi isaa lafa irraa in fuudhama? kan jedhu ture.

34Namichi Itiyoophiyaa sun yommus Filiphosiin, ?Raajichi waa'ee eenyuutiif kana dubbata? Hadaraa anatti himi! Waa'ee ofii isaatii moo yookiis waa'ee nama biraa ti?? jedhee gaafate.

35Filiphos kutaa macaafa kanaatii jalqabee, waa'ee Yesus misraachoo itti himuutti ka'e.

36Utuma karaa sana adeemanii, bishaan tokko bira ga'an; namichi immoo Filiphosiin, ?Bishaan kunoo ti, akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?? jedhe. [

37Filiphos yommus, ?Garaa kee hundumaan yoo amanteef, siif in danda'ama? jedheen; kana irratti inni, ?Yesus Kristos ilma Waaqayyoo akka ta'e nan amana? jedhee deebise.]

38Namichi immoo konkolaatichi akka dhaabatuuf abboome; Filiphosii fi namichi bishaan keessa lixanii, Filiphos isa in cuuphe.

39Bishaanicha keessaa yommuu ba'an, hafuurri gooftaa Filiphosin butee, fuudhee adeeme. Namichi deebi'ee isa hin argine; haa ta'u iyyuu malee, karaa isaa itti fufee gammadaa adeeme.

40Filiphos garuu Azoxonitti argamee, biyyicha keessa naanna'ee, mandara hundumaatti wangeela lallabaa mandara Qiisaariyaa dhufe.

Ibsa

8:1-4

Ari'atni hojii keenya irraa nu ari'uu hin qabu ta'us, bakka biraatti akka hojjennu nu erguu danda'a. Amanaan cimaan bakka itti ari'atame hundumaatti, beekumsa wangeelaa fidee deema, akkasumas bakka hundumaatti gatii Kiristoos inni guddaan beeksisa. Fedhiin tola ooluu salphaan garaa namaa yoo dhiibe, nama tokko carraa hojii gaarii hunda irraa cufuluun waan hin danda'amne ta'a.

8:5-13

Hanga wangeelli baballatutti, hafuuronni hamoon, keessattuu hafuuronni xuraa'oon, ni ari'atamu. Fedhiin foonii kan lubbuu irratti lola qaban hundinuu, akkuma hafuurota hamoo sana ti. Dhibeen asitti eeraman, kan uumamaan fayyisuuf baay'ee ulfaatan, akkasumas dhibee cubbuu kan sirriitti mul'isanidha. Boonni, hawwiin guddaan, fi guddinaaf hawwuun yeroo hundumaa addunyaadhaafis, waldaadhaafis miidhaa baay'ee fidaniru. Waa'ee Simoon namoonni, ‘Namni kun humna Waaqayyoo isa guddaadha,’ jedhan. Mee ilaalaa namoonni wallaalaa fi yaada dhaban akkamitti dogoggoran! Haa ta'u malee, humni ayyaana Waaqayyoo, kan isaan gara Kiristoos, Dhugaa mataa Isaa ta'eetti, fide sun hammam jabaadha!

Namoonni dubbii Filiphositti xiyyeeffannaa kennuu qofa osoo hin taane, kan inni Waaqayyo biraa malee nama biraa akka hin taane guutummaatti amanan, akkasumas ofii isaanii sanaan akka geggeeffaman dabarasan. Warri hamoonillee, akkasumas warri garaansaa qabeenyaaf hawwuu qabu, akka saba Waaqayyoo duratti dhiyaachuu danda'u, yeroo murtaa'eefis isaan wajjin turuu danda'u. Namoonni baay'een dhugaa Waaqayyoo argisiistuu isaa dinqisiifatu, garuu humna isaa gonkumaa hin muudane. Wangeelli lallabame lubbuu tokko irratti hojii idilee qabaachuu danda'a, garuu achitti qulqullina keessoo hin uumne. Warri wangeela amanuu dubbatan hundumtuu kan fayyinaaf hin jijjiramne.

8:14-25

Hafuurri Qulqulluun, humnoota addaa Buʼiinsa Hafuuraa guyyaa Phenxeqostee irratti argaman sanaan, warra jijjiiraman kana keessaa homa tokko irratti hin buʼin ture. Fakkeenya kanarraa jajjabina argachuu dandeenya, Waaqayyo akka ayyaana haareessaa Hafuura Qulqulluu warra nagaa hafuuraa isaanii irratti dhiphannu hundumaaf kennuuf kadhachuudhaan; sababiin isaa kun eebbawwan hundumaa of keessaa qabata. Namni tokko illee harka isaa irra kaaʼuudhaan Hafuura Qulqulluu kennuu hin dandaʼu; garuu warra isaaniif kadhannu barsiisuuf tattaaffii keenya isa gaarii gochuu qabna. Simoon Falfalaan ulfina ergamaa qabaachuuf fedhii guddaa qaba ture, garuu hafuuraa fi amala Kiristaanaa qabaachuuf gonkumaa hin yaanne.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ሳውልም በእርሱ መገደል ተስማምቶ ነበር። በዚያን ቀንም በኢየሩሳሌም ባለች ቤተ ክርስቲያን ላይ ታላቅ ስደት ሆነ፤ ሁሉም ከሐዋርያትም በቀር ወደ ይሁዳና ወደ ሰማርያ አገሮች ተበተኑ። አማርኛ ENGNIV And Saul was there, giving approval to his death. On that day a great persecution broke out against the church at Jerus… English BCV ሳውል ድማ ኣብ ቅትለት እስጢፋኖስ ተሓባቢሩ ነበረ። በታ መዓልቲ እቲኣ ኸዓ፥ ኣብ ልዕሊ እታ ኣብ ኢየሩሳሌም ዝነበረት ቤተ ክርስቲያን ብርቱዕ ስደት ኮነ። እንትርፊ ሃዋርያት፥ ኵሎም ናብ ሃ… ትግርኛ BCV GIZ ወሳውልኒ ኮነ ኅቡረ ውስተ ቀቲለ ዚኣሁ። ወውእተ አሚረ ኮነ ዐቢይ ምንዳቤ ወሁከት በቤተ ክርስቲያን ዘኢየሩሳሌም፣ ወተዘርዉ ኵሎሙ ውስተ ኵሉ በሐውርተ ይሁዳ፡ ወሰማርያ፡ ወገሊላ፣ ዘእንበለ … giz GAZGAZ Saa'ol ajjeefamuu Isxifaanositti walii galee ture. Kana irratti immoo guyyuma sana waldaa amantoota Yerusaalem keessa j… Afaan Oromoo BCV aksum ሳውል ድማ ኣብ ቅትለት እስጢፋኖስ ተሓባቢሩ ነበረ። በታ መዓልቲ እቲኣ ኸዓ፥ ኣብ ልዕሊ እታ ኣብ ኢየሩሳሌም ዝነበረት ቤተ ክርስቲያን ብርቱዕ ስደት ኮነ። እንትርፊ ሃዋርያት፥ ኵሎም ናብ ሃ… ትግርኛ AMHNIV ሳውልም በእስጢፋኖስ መገደል ተስማምቶ ነበር። በዚያ ቀን በኢየሩሳሌም በነበረችው ቤተ ክርስቲያን ላይ ታላቅ ስደት ተነሣ፤ ከሐዋርያትም በስተቀር አማኞች በሙሉ በይሁዳና በሰማርያ አውራጃዎች … አማርኛ SWAHSUV Siku ile kukatukia adha kuu ya kanisa lililokuwa katika Yerusalemu; wote wakatawanyika katika nchi ya Uyahudi na Samari… Kiswahili