Hojii Ergamootaa 6

GAZBIBAfaan Oromoo15 Keeyyattoota3:27 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:27 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara sana lakkoobsi warra Yesusitti amananii baay'atee, Yihudoonni warri afaan Griikii dubbatan warra afaan Yihudootaa dubbatan irratti guunguman; kun immoo haadhotiin hiyyeessaa isaanii gargaarsa guyyaa guyyaatti in argatu kan turan, waan dagatamaniif ta'e.

2Yommus warri kudha lamaanuu tuuta amantootaa walitti waamanii, ?Nuyi soora jara kanaaf kurkuruudhaaf jennee, dubbii Waaqayyoo lallabuutti hir'isuun nuuf hin ta'u.

3Yaa obbolootaa, namoota hojii kana itti kenninu torba, warra maqaa gaarii qaban, warra hafuurri qulqulluunii fi ogummaan keessa guute, of keessaa barbaadaa!

4Nuyi garuu kadhataa fi lallaba dubbii Waaqayyoof ergamuutti in qabamna? jedhanii yaadachiisan.

5Tuuti sun guutummaatti dubbii ergamoonni dhi'eessan jaallatanii, Isxifaanos kan jedhamu amantii isaatti jabaa kan ta'ee fi hafuurri qulqulluun kan keessa guute, dhi'eessan; akkasumas Filiphosii fi Phrokorosin, Niqaanooraadhaa fi Ximoonaa, Pharmenaa, Niqolaawosin nama biyya Anxokiyaa isa amantii warra Yihudootaa fudhatee tures.

6Isaan kana hundumaa ergamoota dura dhaabachiisan; ergamoonni yommus Waaqayyoon kadhatanii, harka isaanii mataa tokkon tokkon isaanii irra kaa'an.

7Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal'achaa, baay'inni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa adeeme; luboota keessaas baay'een amanticha fudhatan.

8Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqayyootiin guutee, dinqiidhaa fi milikkita gurguddaa namoota keessatti argisiise.

9Yommus jarreen Qareeneetii fi Iskindriiyaa tokko, warra ?Mana sagadaa warra hurrii ba'anii? jedhamu tokkoo wajjin akkasumas biyya Qiliiqiyaatii fi Asiyaatii kan dhufan tokko ka'anii Isxifaanositti falman.

10Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa fi hafuura isa Isxifaanos ittiin dubbateen mormuu hin dandeenye.

11Kanaafis, ?Musee fi Waaqayyoon utuu arrabsuu isa dhageenyeerra? akka jedhaniif namoota itti kaasan.

12Isaan akkasitti namootaa fi maanguddoota, barsiisota seeraas isatti aarsanii, Isxifaanosin qabatanii, harkisanii yaa'iitti dhi'eessan.

13Namoota sobaan isa irratti dhugaa ba'uuf jedhanis fidan; warri sobduun kun immoo, ?Namni kun yeroo hundumaa iddoo qulqullaa'aa kanaa fi seera Museetiin mormuu hin dhiisu.

14?Yesus namni Naazireet kun iddoo kana balleessuuf, wanta amala ta'e isa Museen nutti dabarses geddaruuf jira? jedhee utuu inni dubbatuu dhageenyeerra? jedhan.

15Yaa'icha keessa kan turan hundinuu fajajanii Isxifaanosin yommuu ilaalan, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqayyoo ta'ee argan.

Ibsa

6:1-7

Hanga ammaatti bartoonni garaa tokko turan; kunis yeroo baay'ee ulfina isaaniif yaadatama ture; garuu amma yeroo baay'atan, gungumuu jalqaban. Dubbiin Waaqayyoo yaada, yaaddoo fi yeroo ergamootaa guutuu fudhachuuf ga'aa ture. Namoonni hojii nyaataa irratti tajaajiluuf filataman ga'umsa sirrii qabaachuu qabu. Isaan kennaa fi ayyaana Afuura Qulqulluutiin guutamuu qabu, kunis hojii amanamaa kana sirriitti gaggeessuuf barbaachisaa dha; namoota dhugaa fi sassatta jibban ta'uu qabu. Hunduu warri tajaajila Waldaa Kiristaanaa keessa hojjetan, kadhannaa Waldaa Kiristaanaatiin ayyaana Waaqayyootti dabarfaamuu qabu. Isaan maqaa Gooftaatiin isaan eebbisan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚህም ወራት ደቀ መዛሙርት እየበዙ ሲሄዱ ከግሪክ አገር መጥተው የነበሩት አይሁድ በይሁዳ ኖረው በነበሩት አይሁድ አንጐራጐሩባቸው፥ በየቀኑ በተሠራው አገልግሎት መበለቶቻቸውን ችላ ይሉባቸው … አማርኛ ENGNIV In those days when the number of disciples was increasing, the Grecian Jews among them complained against the Hebraic J… English BCV በቲ እዋን እቱይ፥ ደቀ መዛሙርት ብቝፅሪ እናበዝሑ ምስ ከዱ፥ እቶም ካብ ግሪክ ዝመፁ ኣይሁድ፥ እተን ናታቶም መበለታት፥ ኣብቲ ዕለታዊ ምዕዳል ምግቢ ሸለል ስለ ዝተብሃላ፥ ኣብ ልዕሊ እቶም … ትግርኛ BCV GIZ ወውእተ አሚረ በዝኁ ሕዝብ ወግዕዝዎሙ እለ እምአረሚ አርድእት ለአይሁድ እስመ ይሬእይዎን ለመበለታቲሆን እንዘ ኢይፀመዳ ኵሎ አሚረ ወያሰትታ ተልእኮቶን። giz GAZGAZ Bara sana lakkoobsi warra Yesusitti amananii baay'atee, Yihudoonni warri afaan Griikii dubbatan warra afaan Yihudootaa … Afaan Oromoo BCV aksum በቲ እዋን እቱይ፥ ደቀ መዛሙርት ብቝፅሪ እናበዝሑ ምስ ከዱ፥ እቶም ካብ ግሪክ ዝመፁ ኣይሁድ፥ እተን ናታቶም መበለታት፥ ኣብቲ ዕለታዊ ምዕዳል ምግቢ ሸለል ስለ ዝተብሃላ፥ ኣብ ልዕሊ እቶም … ትግርኛ AMHNIV የደቀ መዛሙርት ቍጥር እየጨመረ በሄደበት በዚህ ወቅት፣ ከግሪክ አገር የመጡ አይሁድ በይሁዳ ይኖሩ በነበሩት አይሁድ ላይ አጒረመረሙ፤ ምክንያቱም በየዕለቱ በሚከናወነው ምግብ የማደል አሠራር … አማርኛ SWAHSUV Hata siku zile wanafunzi walipokuwa wakiongezeka hesabu yao, palikuwa na manung'uniko ya Wayahudi wa Kiyunani juu ya Wa… Kiswahili