Hojii Ergamootaa 24

GAZBIBAfaan Oromoo27 Keeyyattoota6:00 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:00 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Guyyoota shan booddee Ananiiyaas angafni lubootaa, maanguddootaa fi nama seera falmuuf Xerxilos jedhamu tokkoo wajjin gara Qiisaariyaatti gad bu'e. Isaan fuula abbaa biyyaa Feeliksitti dhi'aatanii, hadheessa Phaawulos irratti qaban in dhi'eeffatan.

2Yeroo Phaawulos ol waamametti Xerxilos himata isaa jalqabee, ?Yaa ulfaataa Feeliks, nagaa yeroo dheeraadhaaf hin boora'in kana argachuun keenya maqaa keetiif, karaa argachiisuu keetiinis geddaramni baay'een saba kanaaf ta'aa jira.

3Karaa hundumaa iddoo hundumaattis isa kana galata guutuudhaan fudhanna.

4Kana caalaa garuu si dadhabsiisuu hin barbaadu; haa ta'u iyyuu malee, himata gabaabduu nuyi qabnu, gara-laafinaan akka nuuf dhageessuuf sin kadhadha.

5Namichi kun sodaachisaa akka dhukkuba darbu ta'uu isaa, Yihudoota biyya lafaa irra jiraatan hundumaa gidduutti immoo goolii qaqabsiisuu isaa, garee warra Naazireet warra amantii keenya irraa addaan cabsate sanaaf immoo, dura-buutuu ta'uu isaa bira geenyeerra.

6Mana qulqullummaa iyyuu xureessuudhaaf yaaleera, nuyi garuu [akka seera keenyaatti isatti faraduudhaaf] qabannee turre. [

7Liisiiyaas angafni kumaa immoo dubbii kanatti dhufee, humnaan isa nu harkaa baafate.

8Booddee immoo warri Phaawulosin hadheessan fuula kee duratti akka dhi'aatan abboome;] atis ofii keetii qortee, isa nuyi ittiin namicha kana hadheessinu hundumaa, isa irraa baruu in dandeessa? jedhe.

9Warri Yihudootaas, ?Wanti kun akkuma inni amma dubbatee dha? jechaa hadheessa inni Phaawulos irratti dhi'eessetti walii galan.

10Yommus abbaan biyyaa akka inni dubbatuuf Phaawulosin hawwate. Phaawulos immoo, ?Akka ati waggaa baay'eedhaaf saba kana irratti abbaa firdii turte waanan beekuuf, fuula kee duratti falmachuu nan jaalladha.

11Erga ani sagaduudhaaf gara Yerusaalemitti ol ba'ee, guyyaa kudha lama hin caalu, atis kana hubachuu in dandeessa.

12Mana qulqullummaa keessatti, manneen sagadaa keessatti, mandara keessattis eenyuu wajjin iyyuu anaa wal diduu, anaa nama walitti naquus arganii hin beekan.

13Isa amma ittiin na hadheessan kanattis, dhugaa itti baasuu hin danda'an.

14Waan tokko garuu mul'inatti sitti nan himadha; ani karaa amantii isa isaan, ?Karaa warra addaan cabsatee ti? jedhan sana irra bu'eetan, Waaqayyo isa kan abaabilii keenyaa waaqeffadha. Haa ta'u iyyuu malee, waan macaafa seeraa keessatti, macaafota raajotaa keessattis caafame hundumaa nan amana.

15Warra qajeelotaa fi warra jal'ootaafis du'aa ka'uun akka jiru, akkuma isaan abdatan, anis Waaqayyoon abdiidhaan nan eeggadha.

16Kanaanis guyyaa hundumaa Waaqayyoo fi nama duratti, garaa qulqullaa'aadhaan argamuudhaaf, ani ofii kootii nan dhama'a.

17?Akkasittis waggaa baay'ee turee gargaarsa saba kootiif geessuudhaaf, aarsaas Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf Yerusaalem nan dhaqe.

18Yihudoonni kutaa biyya Asiyaa keessaa dhufan tokko, anaa seeraan qullaa'ee aarsaa koo dhi'eessaa jiru, mana qulqullummaa keessatti na argan; namni na biratti hin tuutofne, waci tokkos hin turre.

19Ana irraa utuu waa qabaatanii illee, isaan kun fuula kee duratti dhi'aatanii ana hadheessuun in ta'aaf ture.

20Yookiis yaa'ii warra biyya seerratan duratti yommuun dhi'aadhe, yakka maalii akka ana irratti argan, warri as jiran kun ofii isaaniitii haa himan.

21Yookiis dubbiin tokkichi inni ani isaan gidduu dhaabadhee, sagalee koos ol fudhadhee, ?Sababii ka'uu warra du'aniitiif har'a na gaafachaa jirtu? jedhe, yakka anatti ta'aa?? jedhe.

22Feeliks waa'ee karaa amantii sanaa ba'eessa godhee waan beekuuf, ?Gaafa Liisiiyaas angafni kumaa dhufu, dubbii keessanitti murtoo nan kenna? jedhee dhaaba dabarse.

23Ergasii angaficha dhibbaa isa Phaawulosin eegu waamsisee, Phaawulosin hidhaa ijaatiin akka eeguuf, firoota isaa keessaas tokko illee isa gargaaruu irraa akka hin dhowwamne, isa abboome.

24Takka bubbulees Feeliks haadha manaa isaa Drusilaa, ishee Yihudiidhaa wajjin dhufe; Phaawulosin fichisiisee, waa'ee Yesus Kristositti amanuu isa Phaawulos dubbate dhaggeeffate.

25Yeroo Phaawulos dubbii isaa kana keessatti waa'ee qajeelummaa, waa'ee of dhowwuu akkasumas waa'ee firdii isa dhufuu dubbatetti garuu, Feeliks in sodaate; ?Ammaaf dhaquu in dandeessa, yommuu ani fucha argadhu immoo sin waamsisa? ittiin jedhe.

26Achumaan immoo Phaawulos horii anaaf kenna se'ee abdate; kanaaf si'a baay'ee fichisiisee isaa wajjin in haasa'a ture.

27Waggaan lama erga darbee garuu, Phorkii'os Fesxoos iddoo Feeliks in fudhate; Feeliks yommus Yihudoota gammachiisuu barbaadee Phaawulosin akka hidhetti dhiise.

Ibsa

24:1-9

Asuma kana keessatti rakkina warra guguddaa kana ilaali. Inni immoo rakkina guddaadha, tajaajilli isaanii daangaa malee jajamuu isaanii fi cubbuun isaanii yoomiyyuu amanamummaan itti himamuu dhabuu isaati; kanaanis, akka Feeliksii, hammina keessatti goggoomanii, jajjabina argatu.

Raajonni Waaqayyoo biyya booressuudhaan himataman turan, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos immoo saba jallise jedhamee himatame; himannaan walfakkataan kun Phaawuloos irrattis dhiyaateera. Hawwiin ofittummaa fi fedhiin hamaa namootaa isaan dura oofa, akkasumas miidhaginni dubbii fi humna haasaa isaanii, yeroo baay'ee dhugaa irratti namoota dogoggorsuufii loogsuuf gargaarameera.

Amalli Phaawuloosii fi Feeliksii, dubbii Tarxullos keessatti akkamitti akka dhiyaatan irraa, guyyaa firdii garaagarummaa guddaan akkamitti akka mul'atu ilaali! Kiristaanonni jajabina namootaa yookiin arraba warra Waaqayyoo hin sodaannerratti iddoo guddaa hin kennin, hin dhiphatin, warri nama hamoota hundarraa akka waaqotaatti dhiyeessan, warra lafa irra jiran keessaa warra baay'ee gaggaarii immoo akka tasaqaa (dhukkuba bal'aa) fi kakaasitoota fincilaatti ilaalan.

24:10-21 Phaawuloos waa'ee ofii isaa dhugaa dubbate; kunis yakka irraa isa biliseessuudhaan, akkasumas sababa dhugaa ari'atama isaa ni mul'isa. Maqaan hamaan waan jiruufis karaa gaarii kamirraayyuu gonkumaa akka hin deebine. Waaqayyoon waaqeffachuudhaan, isa akka Waaqa abbootii keenyaa ilaaluun, akkasumas Qulqullaa'aa Caaffata qofa malee, daandii amantii yookiin hojii biraa tokkollee hin hundoofne jedhanii fudhachuun baay'ee nama jajjabeessa. Kun du'aa ka'uun gara firdii dhumaatti akka jiru ni agarsiisa. Raajonnii fi barumsi isaanii firii isaaniitiin qoratamuu qabu turan. Kaayyoon Phaawuloos qalbii yakka irraa bilisa ta'e qabaachuu ture. Dhimmi isaa fi carraaqqin isaa wantoota baay'ee irraa of qusachuudhaan, yeroo hundumaa hojii amantaatiin guutuu ta'uu ture; gama Waaqayyoo fi gama namaatti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከአምስት ቀንም በኋላ ሊቀ ካህናቱ ሐናንያ ከሽማግሌዎችና ጠርጠሉስ ከሚሉት ከአንድ ጠበቃ ጋር ወረደ፤ እነርሱም ስለ ጳውሎስ ለአገረ ገዡ አመለከቱት። አማርኛ ENGNIV Five days later the high priest Ananias went down to Caesarea with some of the elders and a lawyer named Tertullus, and… English BCV ድሕሪ ሓሙሽተ መዓልቲ፥ ሓናንያ እቲ ሊቀ ካህናት፥ ምስ ሽማግለታትን ጠርጠሉስ ምስ ዝበሃል ሓደ ወዳኢ ነገርን ወረደ፤ ንሳቶም ድማ፥ ንጳውሎስ ኣብ ቅድሚ እቲ ሹም ከሰስዎ። ትግርኛ BCV GIZ ወአመ ኀሙስ ዕለት ወረደ ሐናንያ ሊቀ ካህናት ምስለ ረበናት ወአሐዱ ዐቃቤ ነቢብ ዘስሙ ጠርጠሉስ ወአስተዋደይዎ ለጳውሎስ ኀበ መልአክ። giz GAZGAZ Guyyoota shan booddee Ananiiyaas angafni lubootaa, maanguddootaa fi nama seera falmuuf Xerxilos jedhamu tokkoo wajjin g… Afaan Oromoo BCV aksum ድሕሪ ሓሙሽተ መዓልቲ፥ ሓናንያ እቲ ሊቀ ካህናት፥ ምስ ሽማግለታትን ጠርጠሉስ ምስ ዝበሃል ሓደ ወዳኢ ነገርን ወረደ፤ ንሳቶም ድማ፥ ንጳውሎስ ኣብ ቅድሚ እቲ ሹም ከሰስዎ። ትግርኛ AMHNIV ከአምስት ቀን በኋላ፣ ሊቀ ካህናቱ ሐናንያ ከአንዳንድ ሽማግሌዎችና ጠርጡለስ ከሚባል ጠበቃ ጋር ወደ ቂሳርያ ወረደ፤ በጳውሎስም ላይ ያላቸውን ክስ ለአገረ ገዡ አቀረቡ። አማርኛ SWAHSUV Baada ya siku tano, Anania, Kuhani Mkuu, akatelemka na baadhi ya wazee pamoja naye, na msemi mmoja, Tertulo, nao wakamw… Kiswahili