2ffaa Saamu'eel 14

GAZBIBAfaan Oromoo33 Keeyyattoota9:10 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:10 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yeroo sanatti Yo'aab inni Zeruyaan deesse, garaan Daawit mootichaa Abiishaalom duukaa akka jiru in hubate.

2Yo'aab mandara Teqo'aatii dubartii beektuu tokko in fichisiise; isheedhaan,“Hadaraa, akka waan amma gaddutti jirtutti uffata gaddaa uffadhu, dibatas hin dibatin! Dubartii yeroo dheeraa nama du'eef gaddaa turte of fakkeessi!

3Akkasitti gara mootichaa dhaqii dubbii ani sitti himuuf jedhu kana itti dubbadhu!” jedhee, wanta isheen dubbattu isheetti in hime.

4Dubartiin mandara Teqo'aa sun gara mootichaa dhaqxee, ulfina isaatiif hamma lafa geessutti qoommaatee,“Yaa mootii, na gargaari!” jetteen.

5Mootichi,“Maal rakkatte?” jedhee ishee in gaafate; isheen immoo deebiftee mootichaan,“Ani dhugumaan dubartii abbaan manaa irraa du'ee dha;

6ani garbittiin kee ilmaan laman qaban ture; isaan lachuu bakkeetti wal in lolan; namni gargar isaan qabee isaan oolchu waan hin turiniif, inni tokko isa kaan rukutee in ajjeese.

7Kunoo lammiin guutummaatti ana garbittii kee irratti ka'anii,“Ilma kee isa obboleessa isaa ajjeese sana gumaa obboleessa isaa isa inni ajjeesee akka baafnutti, dhaalas akka inni hin fudhannetti dabarsii harka keenyatti kenni!” naan jedhan; isaan akka nama muka tokkittii boba'aa jirtu dhaamsutti, ilma koo isa hafe kana ana duraa ajjeesanii maqaa abbaa manaa kootii yookiis sanyii isaa lafa irraa balleessuuf jedhu” jette.

8Mootichi kana irratti dubartittiidhaan,“Ani waa'ee keetiif abboommii nan dabarsaatii, ati gara mana keetti gali!” jedhe.

9Dubartiin mandara Teqo'aa sun mootichaan,“Yaa gooftaa ko mootichaa, waa'ee dubbii kanaatiif, lammiin ana irratti, sanyii abbaa kootii irrattis balleessaa lakkaa'uu hin dhiisan; isaan,“Mootiin, mootummaan isaas balleessaa qabu” hin jedhan” jette.

10Mootichis isheedhaan,“Yoo namni waa siin jedhe, gara kootti isa fidi! Inni iyyuu sitti hin deebi'u!” jedhe.

11Isheen immoo,“Warri gumaa baasuu barbaadan ilma koo isa hafe ajjeesanii, badiisa irratti badiisa akka hin daballetti, yaa mootii maqaa Waaqayyo gooftaa keetiin anaaf kakadhu!” jette; mootichi yommus,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, namni tokko illee ilma keetti quba hin buusu” jedhe.

12Yommus dubartittiin “Hadaraa, ani garbittiin kee si gooftaa koo mootichatti dubbii tokko dabalee nan dubbadha” jette; innis,“Dubbadhu!” jedheen.

13Dubartittiin itti fuftee,“Ati mootii taatee utuu jirtuu, ilma kee isa biyyaa ba'e sana deebisuu yommuu dhiiftu, dubbii kee kanaan ofitti faraduu kee ti mitii ree” Maaliif wanta akkasii kana saba Waaqayyoo irratti yaaddee qopheessite”

14Nuyi lafa irratti hin hafnu, akka bishaan lafatti dhangala'ee, deebi'ee hin buduqfamne in taana; Waaqayyo garuu, namni biyyaa yoo ba'e iyyuu, isa irraa akka hin fagaanneef, karaa qopheesseera; inni lubbuu namaa hin balleessu.

15Ani sababii namoonni ana sodaachisaniif, dubbii kana si gooftaa koo mootichatti dubbachuudhaaf dhufeera;“Wanta ani garbittiin kee sitti dubbadhu, tarii ati mootichi anaaf in raawwatta” jedhee waanan yaadeef, dhimma koo sitti himadheera.

16Ani itti fufees,“Ati mootichi nuuf dhageessee harka nama dhaala Waaqayyo nuuf kenne keessaa ana garbittii kee fi ilma koo balleessuu barbaadu jalaa nu baafta” jedheera.

17Ani garbittiin kee ammas dabalee,“Ati gooftaan koo mootichi wanta gaarii fi wanta hamaa gargar baaftee hubachuutti akka ergamaa Waaqayyoo waan taateef, dubbiin kee boqonnaa anaaf in kenna” jedhee nan abdadha; Waaqayyo gooftaan kee sii wajjin haa ta'u!” jette.

18Mootichi yommus dubartittiidhaan,“Wanta ani si gaafachuuf jedhuuf deebii anaaf kenni malee, ana hin dhoksin!” jedhe; dubartittiin immoo,“Yaa gooftaa ko, yaa mootii ko, dubbadhu hadaraa!” jette.

19Mootichi,“Yo'aab dubbii kee kana hundumaa keessaa qabaa?” jedhee dubartittii in gaafate; isheen immoo deebiftee,“Du'a lubbuu keetii ti! Gooftaa ko, yaa mootii ko, namni wanta ati dubbatte irraa gara mirgaatti yookiis gara bitaatti jal'atu raawwatee hin jiru; eyyee, Yo'aab garbicha keetu kana akkan godhu na abboome, wantan dubbadhu hundumaas ana garbittii keetti hime.

20Yo'aab garbicha keetu dubbii ilma kee kana gara gaariitti geddaruudhaaf akkas godhe; yaa gooftaa ko, ati ogeessa akka ergamaa Waaqayyoo ti, biyyattii keessatti wanta ta'u hundumaas in beekta” jette.

21Mootichi yommus Yo'aabiin,“Haa ta'u, wanta ati barbaaddu raawwachuuf murtoo godheera, dhaqiitii Abiishaalom dargaggeessicha sana fidi!” jedhe.

22Yo'aab ulfina mootichaatiif hamma lafa ga'utti qoomma'ee, mooticha in eebbise; itti fufees,“Yaa gooftaa ko, mooticha ko, dubbii ani garbichi kee si yaadachiise kana hojii irra oolchuu keetiin akka ati faara tolaadhaan ana ilaalte har'a bira ga'ee hubadheera” jedhe.

23Kana booddee Yo'aab ka'ee gara biyya Geshuur dhaqee Abiishaalomin deebisee gara Yerusaalem in fide.

24Mootichi garuu,“Inni gara mana isaatii haa dhaqu malee, ani ija kootiin isa arguu hin barbaadu” jedhe; kanaaf Abiishaalom mana isaatti gale malee, ija mootichaatti hin mul'anne.

25Israa'eloota hundumaa keessaa namni miidhagummaa isaatiif akka Abiishaalom jajamu tokko illee hin turre; faana miilla isaatiitii jalqabee hamma gubbee mataa isaatiitti mudaa tokko illee hin qabu.

26Rifeensi mataa isaa isa irratti guddatee waan itti ulfaatuuf, yeroo yerootti in murmursiifata ture; rifeensi isaa murmuramee yommuu safaramu, akka miijana mootichaatti gara kiilo graamii lamaa fi walakkaa baasa.

27Abiishaalom ilmaan sadii fi intala tokko godhate; maqaan intala isaatii“Taamaar” jedhama; isheenis intala miidhagduu turte.

28Abiishaalom ija mootichaatti utuu hin mul'atin, Yerusaalem keessa waggaa lama in taa'e.

29Inni yommus Yo'aabin mootichatti ergachuudhaaf, nama itti in erge; Yo'aab garuu gara isaa dhufuu in dide; Abiishaalom si'a lammaffaa nama itti in erge; Yo'aab immoo ammas dhufuu in dide.

30Abiishaalom kana booddee hojjetoota isaatiin,“Kunoo, Yo'aab maasii koo bukkeedhaa maasii qaba, maasii isaa kana irras garbuun jira; isin dhaqaatii midhaan isaa kanatti ibidda naqaa!” jedhe; hojjetoonni Abiishaalomis maasii midhaanichaatti ibidda in naqan.

31Yo'aab kana irratti ka'ee gara mana Abiishaalom dhaqee,“Hojjetoonni kee maaliif maasii kootti ibidda naqan?” jedhee Abiishaalomin in gaafate.

32Abiishaalom deebisee Yo'aabiin,“Kunoo, ani akka ati ana bira dhuftee, mooticha bira dhaqxee,“Abiishaalom:- Geshuurii maaliifan dhufe” Hamma ammaatti achi utuun jiraadhee anaaf wayya ture jedha” jettee mooticha akka anaaf gaafattuufan sitti ergadhe; ani amma mooticha arguu nan barbaada; yakkan qaba yoon ta'e inni ana haa ajjeesu!” jedhe.

33Yo'aab yommus gara mootichaa dhaqee, kana isatti in hime; mootichi kana irratti Abiishaalomin in waamsise; Abiishaalomis ol lixee hamma lafa ga'utti mootichaaf in qoomma'e; mootichis Abiishaalomin dhudhungatee nagaa in gaafate.

Ibsa

14:1-20 Asitti, dubartiin abbaan manaa irraa du'e kun akkamiin gara laafina Waaqayyoo fi obsa isaa cubbamoota hiyyeessota yakka qabanitti kadhattu hubachuu dandeenya. Haalli cubbamootaa haala Waaqayyo irraa adda ba'uu ti. Waaqayyo nama tokkoofillee araara hin kennu; seera isaa fi firdii isaa xureessuudhaan, yookaan nama hin gaabbineef, yookaan yakka jajjabeessuudhaan yookaan warra kaan miidhuudhaan.

Boqonnaa 14

Akka Abeshalom eegumsaafi jaalala abbaa isaa mootichaa keessaa of baase boqonnaa darbe keessatti dubbisneerra; innis baqataa, seeraan ala ta'eefi ari'atamee ture. Boqonnaa kana keessatti immoo, isaafi abbaa isaa deebisanii walitti fiduuf tooftaawwan fayyadamaman, akkasumas dhuma irratti akkamitti akka raawwatame qabna. Kunis gowwummaa Daawit isa Abeshalomiin dhiisuufi hammina isaa keessatti isa jajjabeessuu isaa agarsiisuuf galmeeffameera; sababii kanaafis yeroo gabaabaa booda fincila isaa isa uumama hin taaneen cimaatti adabame.

I. Yoo'aab, dhimma sobaa (akka abbootii seeraa jedhanitti) isa duratti akka ilaalamu gochuudhaan, dhimma haadha hiyyeessaa Taqoo'aa tokkoo irratti, murtoo waliigalaa, nama ajjeese tokko ajjeesuu dhiisuun danda'ama jedhu isa irraa argate (Lakk. 1–20).

II. Kana hojiirra oolchuudhaan, Abeshalomiin Yerusaalemitti deebisuuf ajaja isarraa argate, garuu yeroo sana mana mootummaa seenuun isaaf dhoorkamee ture (Lakk. 21–24).

III. Abeshalom, nama isaa, maatii isaa ilaalchisee erga ibsamee booda, dhuma irratti akkamitti akka Yoo'aabiin fuula mootichaa duratti dhiyaateefi mootichis guutummaatti isa waliin araarame nutti himameera (Lakk. 25–33).

Lakk. 1-20

Kunoo,

I. Karoora Yoo'aab isa Abeshalomiin baqaa irraa deebisuuf, yakka isaa dhiifama gochuufi adaba isaa balleessuuf ture, Lakk. 1. Yoo'aab dhimma kana keessatti baay'ee hojjete.

1. Akka nama mana mootummaa keessa hojjetu tokkootti, karaa danda'amu hundaan mootii isaa biratti of jaalachiisuufi jaalala isaa keessatti faayidaa isaa guddisuuf carraaquu isaa: Inni garaa mootichaa Abeshalomitti akka ta'eefi, dallansuu isaa erga dhiisetti, jaalala isaa isa durii isaaf akka qabu, akkasumas michuu tokko qofa akka barbaadu, isa araarsuufi akkamitti akka kabaja haqaa isaa hin tuqneetti kana gochuu akka danda'u isaaf karoorfatu. Yoo'aab, Daawit akkamitti akka yaade erga hubatee booda, hojii gaarii kana fudhate.

2. Akka michuu Abeshalomitti, isaaf jaalala addaa qabaachuu danda'a, yookiin yoo xiqqaate akka aduu baatuutti isa ilaalaa ture, isaaf of beeksisuun faayidaa isaa ture. Inni abbaan isaa dhuma irratti isa waliin akka araaramu ifatti raage, kanaafis yoo inni kana raawwachiisuuf gargaare, michuu lamaanuu akka godhatu yaade.

3. Akka nama siyaasaafi faayidaa ummataaf yaadu tokkootti. Inni Abeshalom ummata biratti hammam jaalatamaa akka ture beeka ture, yoo Daawit yeroo inni baqaa keessa turetti du'e, itti fufiinsaan waraana siviilii warra isaaf deeggaraniifi warra isa morman gidduutti uumuu danda'a; sababiin isaas, Israa'el hundi nama isaa jaallatanis, dhimma isaa irratti baay'ee wal qoodanii turan.

4. Akka nama Abneer ajjeesuudhaan yakka raawwate tokkootti. Inni dhiiga dhangalaasuudhaan yakka akka qabu, akkasumas inni mataan isaa haqa ummataaf saaxilamaa akka ta'e beeka ture, kanaafis jaalala Abeshalomiif argamsiisuu danda'u kamiyyuu dhiifama isaa cimsa.

II. Too'annaa isaa isa dhimma wal fakkaatu tokko mootichatti dhiyeessuudhaan kana raawwachuuf, kanas nama inni itti fayyadamee ture sanaan haala ogummaa qabuun waan hojjetameef, mootichis akka dhimma dhugaatti fudhatee, akka fakkeenya Naataan irratti godhetti, murtoo kenne; murtoon sunis nama yakka raawwateef waan ta'eef, nama dhimma sana hojjetu sanaaf, yaada isaa hanga dhimma sana hojiirra oolchuufi dhimma maatii isaa akka ta'e agarsiisuuf dandeettii kenne. Kunis, yoo murtoon mootichaa dhimma ishee irratti cimaa ta'e, akka itti hin fufneef ajajamtee turte.

1. Namni inni itti fayyadame hin eeramne, garuu dubartii Taqoo'aa akka taate dubbatameera, isheenis hojii akkanaatiif kan taatu akka taate beeka ture: akkasumas bakki dhimma sanaa fagaatee jiraachuun barbaachisaa ture, akka Daawit dhimma kana dura hin dhageenyeetti hin yaanneef. Isheen dubartii ogeettii, kan dubartoota naannoo ishee irra sammuu fi arraba saffisaa qabdu turte, Lakk. 2. Dhugaan seenaa sanaa, akka yaadametti, afaan nama sanaa irraa yoo dhufe shakkamuun isaa ni xiqqaata.

2. Amalli isheen ofitti uffatte kan haadha hiyyeessaa gaddituu ture, Lakk. 2. Yoo'aab namni akkanaa mootichatti salphaatti akka dhiyaatu beeka ture, inni yeroo hundumaa warra gaddan, keessumaa haadholii hiyyeessaa gaddan jajjabeessuuf qophaa'aa ture, inni mataan isaa maqaa kabajaa Waaqayyoo keessaa tokko akka inni Abbaa Hiyyeessotaa ta'e waan dubbateef, Faarfannaa 68:5. Dhugumatti, gurri Waaqayyoo iyyata warra rakkatanitti, akkasumas garaa isaa, mootota lafa irraa warra baay'ee gara laafina qaban irra caalaa banaadha.

3. Dhimmi isheen mootichatti dhiyeessuuf qabdu dhimma gara laafinaa ture, akkasumas dhimma inni seera mootummaa keessaa malee gargaarsa biraa hin qabne ture, seera (akkasumas murtoon mana murtii gadi aanaa hundaas) ishee irratti waan tureef. Isheen mootichatti abbaa manaa ishee awwaallattee akka turte (Lakk. 5),—ilmaan lama kan jireenya ishee haadha hiyyeessaa keessatti deeggarsaafi jajjabina ishee turan akka qabdu,—ilmaan lamaan kun (akka dargaggoonni godhanitti) wal lolaanii, tokkoon isaanii gaddisiisaatti isa kaan ajjeese (Lakk.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6