2ffaa Qorontos 7

GAZBIBAfaan Oromoo16 Keeyyattoota3:58 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:58 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessina; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafanna.

2Garaa nutti bal'adhaa! Nuyi nama tokko iyyuu hin yakkine, nama tokko iyyuu amala hin balleessine, nama tokko iyyuu gowwoomsinee waa irraa hin nyaanne.

3Kanas dubbachuun koo yakka isinitti muruudhaaf miti; akkuman kanaan dura jedhe, nuyi isinii wajjin du'uudhaaf isinii wajjin jiraachuudhaafis isinitti garaa bal'anneerra.

4Ani waanan isin amanadhuuf mul'isee isinitti nan dubbadha; isiniinis guddiseen of jaja. Garaa guutuudhaan nan jajjabaadha; rakkina keenya hundumaa keessattis, gammachuun koo irra-darbaa dha.

5Erga Maqedooniyaa geenyee iyyuu nuyi boqonnaa hin arganne; waan hundumaatti karaa alaa lolaan, karaa keessaa sodaadhaan rakkachaa turre.

6Waaqayyo inni warra yaadni isaanii gad qabame jajjabeessu garuu, dhufa Tiitoosiin nu jajjabeesse.

7Dhufa isaa duwwaadhaan miti, jajjabina inni ofii waa'ee keessaniif argateenis jajjabaadheera; Tiitoos ana yaaduu keessan, gadduu keessan, hinaaffaa isin anaaf qabdanis yommuu anatti hime, ani caalaa nan gammade.

8Caaffata kootiin yoon isin gaddisiise iyyuu ani amma hin gaabbu; yeroodhaaf isin gaddisiisuu isaa yommuun arge illee gaabbeen ture.

9Amma garuu waanan isin gaddisiiseef utuu hin ta'in, gaddi keessan yaada garaa keessanii akka geddarattan waan godheef nan gammada; wanta nuyi hojjenneen karaa kam illee akka hin miidhamnetti gaddi keessan isa Waaqayyo biratti fudhatamu ture.

10Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun, yaada garaa geddarachuu fida; inni immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabsiisu; akka biyya lafaa keessatti fudhatamutti gadduun garuu du'a fida.

11Egaa akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun keessan dhimmamuu attamii, falmachuudhaafis duudhamuu attamii, dheekkamsa attamii, naasuu attamii, ana yaaduu attamii, hinaaffaa attamii, adaba attamii akka isin keessaa kaase ilaalaa! Karaa hundumaas isin dubbii kanatti yakka akka hin qabne argisiiftaniittu.

12Ani kana yoon isiniif caafe iyyuu, hinaaffaan isin nuyiif qabdan Waaqayyo duratti isinumatti akka mul'atuuf malee, isa balleesseef yookiis isa itti balleeffameef jedhee miti.

13Kanatti nuyi jajjabina arganneerra. Jajjabina ofii keenyaa itti gammanne irratti immoo, isin hundumti keessan yaada isaa waan ciibsitaniif gammachuu Tiitoositti nuyis caalchifnee gammanneerra.

14Isiniin akkan of jaju isatti himeen ture, isinis ana hin qaanessine; akkuma wanti nuyi isinitti himne hundinuu dhugaa ture, wanti nuyi Tiitoos duratti of jajaa turres dhugaa ta'e.

15Akka itti isin hundumti keessan barsiisa isaatiif abboomamtan, sodaadhaa fi rom'aanis akka isa simattan yommuu yaadatu, isa durii caalaa garaan isaa isin bira in jiraata.

16Anis waan hundumaatti isin amanachuu waanan danda'uuf nan gammada.

Ibsa

7:1-4

Kakuuwwan Waaqayyoo sababiiwwan cimaa dha akka nuti qulqullina duukaa buunuuf; xuraa'ummaa foonii fi hafuuraa hundumaa irraa of qulqulleessuu qabna. Yoo Waaqayyotti Abbaa keenya akka ta'etti abdannu, akka inni qulqulluu ta'etti, nutis qulqulluu ta'uuf carraaquu qabna, akkasumas akkuma Abbaan keenya samiirra jiru mudaa hin qabne, nutis mudaa dhabuu qabna. Ayyaanni isaa, dhiibbaa Hafuura isaaatiin, qofa nu qulqulleessuu danda'a; garuu qulqullinni kaayyoo kadhannaawwan keenya warra yeroo hundaa ta'uu qaba. Yoo tajaajiltoonni wangeelaa tuffatamoo jedhamanii yaadamanii, wangeelli mataan isaa tuffatamuu danda'a jedhamuun sodaan jira; fi yoo tajaajiltoonni nama tokkollee jajachuu hin qaban ta'us, garuu hundumaatti garraamii ta'uu qabu. Tajaajiltoonni ulfinaa fi jaalala eeguu danda'u, yoo isaan namootatti haala tasgabbaa'aan himachuu danda'an; eenyummaasaanis barumsa sobaa yookiin dubbii jajaa'aa hin balleessine; eenyummaasaanis hin gannne; yookiin fedhii mataa isaanii kan nama tokko miidhu hin barbaadne. Jaalala isaanitti qabu ture inni ergamaan isaanitti akkasitti bilisaan dubbatu godhe, fi isaanitti akka inni boonu isa taasise, bakka hundumaatti, yeroo hundumaattis.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንግዲህ፥ ወዳጆች ሆይ፥ የዚህ ተስፋ ቃል ካለን፥ በእግዚአብሔር ፍርሃት ቅድስናን ፍጹም እያደረግን ሥጋንና መንፈስን ከሚያረክስ ሁሉ ራሳችንን እናንጻ። አማርኛ ENGNIV Since we have these promises, dear friends, let us purify ourselves from everything that contaminates body and spirit, … English BCV እምበኣርከስ፥ ኣቱም ፍቑራተይ፥ እዝ ዅሉ ተስፋ እዙይ ካብ ሃለወናስ፥ ካብቲ ዅሉ ስጋን መንፈስን ዘርክስ፥ ርእስና ነንፅህ። ንእግዚኣብሄር ብምፍራሕ፥ ቅድስናና ፍፁም ንግበሮ። ትግርኛ BCV GIZ ወበእንተ ዘብነ ዝንቱ ተስፋ አኀዊነ ናንጽሕ ርእሰነ ወኢናግምን ነፍስተነ ወንግበር በዘንትቄደስ በፈሪሀ እግዚአብሔር። giz GAZGAZ Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qullees… Afaan Oromoo BCV aksum እምበኣርከስ፥ ኣቱም ፍቑራተይ፥ እዝ ዅሉ ተስፋ እዙይ ካብ ሃለወናስ፥ ካብቲ ዅሉ ስጋን መንፈስን ዘርክስ፥ ርእስና ነንፅህ። ንእግዚኣብሄር ብምፍራሕ፥ ቅድስናና ፍፁም ንግበሮ። ትግርኛ AMHNIV እንግዲህ፣ ወዳጆች ሆይ፤ ይህ የተስፋ ቃል ስላለን፣ ሥጋንና መንፈስን ከሚያረክስ ነገር ሁሉ ራሳችንን እናንጻ፤ እግዚአብሔርንም በመፍራት ቅድስናችንን ፍጹም እናድርገው። አማርኛ SWAHSUV Basi, wapenzi wangu, kwa kuwa tuna ahadi hizo, na tujitakase nafsi zetu na uchafu wote wa mwili na roho, huku tukitimiz… Kiswahili