2ffaa Qorontos 3

GAZGAZAfaan Oromoo18 Keeyyattoota3:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:11 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ammas keessa deebinee ofiif dubbachuu jalqabnaa ree? Yookiis akka namoota tokko tokkoo caaffata nuuf dubbatu gara keessanitti fiduu yookiis isin biraa argachuu nu barbaachisa moo ree?

2Caaffanni keenya inni nuuf dubbatu, inni namni hundinuu akka beekuuf akka dubbisuuf garaa keenyatti caafame, isinuma.

3Isin caaffata Kristos warra nuyi hojjennuuf ta'uun keessan beekamaa dha; caaffatichis qalamiidhaan utuu hin ta'in hafuura Waaqayyoo isa jiraataatiin, gabatee dhagaattis utuu hin ta'in garaa namaatti caafame.

4Amanannaan nuyi karaa Kristos Waaqayyo biraa qabnu kan akkasii ti.

5Nuyi ofii keenyaa wanti tokko illee nu biraa in ba'a jennee himachuu waan dandeenyu hin qabnu; hammi danda'aa keenyaa Waaqayyo biraa in ba'a.

6Isumatu seera caafamee kennameen utuu hin ta'in, hafuura qulqulluudhaan kakuu haaraadhaaf hojjechuu nu dandeessise; seerri caafamee kenname du'a in farada, hafuurichi garuu jireenya in kenna.

7Seerichi gabatoota dhagaatti fidalaan qirixamee, yeroo kennametti ulfinaan mul'ate; booddee irraa darbaa yoo adeeme iyyuu calaqqifni fuula Musee yeroo sana jabaa waan tureef, ijji saba Israa'el itti ejjechuu hin dandeenye. Egaa seerichi inni du'a faraduudhaan hojjetu ulfina akkasiitiin erga dhufee,

8inni hafuurri hojjetu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree?

9Wanti firdii du'aaf hojjetu ulfina-qabeessa erga ta'ee, wanti qajeelaa nama gochuuf hojjetu immoo hammam caalaa ulfina-qabeessa haa ta'u ree?

10Ammas wanti caalaatti ulfina qabu waan argameef, inni takka ulfina-qabeessa ture ulfina kan hin qabne ta'eera.

11Egaa inni yeroodhumaaf jiraate ulfina erga qabaatee, inni itti fufee jiraatu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree?

12Abdii akkasii erga qabaannee nuyi guddaa ija in jabaanna.

13Nuyi akka Musee hin goonu; inni, sabni Israa'el calaqqisa fuula isaa isa irraa darbu sana akka hin arginetti fuula isaa golgate.

14Yaadni isaanii garuu hadoodchifameera, hamma guyyaa har'aatti iyyuu kakuu moofaa keessatti isa caafame yeroo dubbisan, golgaan sun isaan irratti in hafa, irraas hin fuudhamu; golgaan sun karaa Kristos duwwaa isaan irraa fuudhamuu in danda'a.

15Hamma har'aatti iyyuu yeroodhuma isaan seera Musee dubbisanitti golgichi yaada garaa isaanii in golga.

16Caaffanni qulqullaa'aan, ?Yeroo inni gara gooftaatti gara galutti, golgichi isa duraa in fuudhama? in jedha.

17Egaa inni ?Goofticha? jedhame kun, hafuura qulqulluu dha; iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo, birmadummaatu jira.

18Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufetti in diddiiramna.

Ibsa

3:1-11

Ofii of jajjuu fi dinqisiifannaa namaa barbaaduun illee, sammuu gadadoo fi hafuura qabeessaaf nama gaddisiisaa dha. Tajaajiltoota amanamaadhaaf yookiin isaan jajuudhaaf, hojiin tajaajila isaanii milkaa’uun, akka hafuuraa fi jireenya warra isaan gidduutti hojjetan irraa mul’atutti, caalaatti nama gammachiisu yookiin caalaatti isaan jaju hin jiru. Seerri Kiristoos garaa isaanii keessa barreeffameera, akkasumas jaalalli Kiristoos achitti naqa’eera. Seerri kun gabatee dhagaa irratti, akkuma seera Waaqayyo Museef kennameetti, hin barreeffamne; garuu gabatee foonii garaa irratti barreeffame, Hizq. 36:26. Garaan isaanii mallattoo kana fudhachuudhaaf, humna Hafuura Qulqulluu haaraa uumuudhaan gadadoo fi laafeera. Inni ulfina hundumaa Waaqayyoof kenna. Yaadadhaa, akkuma harki guutuun hirkannaan keenya Gooftaa irratti ta’u, ulfinni guutuun isa qofaaf kenname. Barreeffamni ni ajjeesa: Barreeffamni seeraa tajaajila du’aa ti; yoo nuti barreeffama wangeelaa qofa irratti hirkannaa keenya goone, kanaan faayidaa hin arganne: garuu Hafuurri Qulqulluun jireenya hafuuraa fi jireenya bara baraa kenna. Sirni Kakuu Moofaa tajaajila du’aa ture, garuu Kakuun Haaraan kan jireenyaa ti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንደ ገና ራሳችንን ልናመሰግን እንጀምራለንን? ወይስ እንደ ሌሎች የማመስገኛ መልእክት ወደ እናንተ ወይስ ከእናንተ ያስፈልገን ይሆንን? አማርኛ ENGNIV Are we beginning to commend ourselves again? Or do we need, like some people, letters of recommendation to you or from … English BCV ከምዙይ ክንብል እንተለና፥ ገና ንባዕልትና ንንእድ ዲና ዘለና? ወይ ከምቲ ገሊኣቶም ዝገብርዎ፥ ናባኻትኩም ወይ ከዓ ኻባኻትኩም፥ ናይ ናእዳ መልእኽቲ የድልየና ድዩ? ትግርኛ GAZBIB Ammas keessa deebinee ofiif dubbachuu jalqabnaa ree? Yookiis akka namoota tokko tokkoo caaffata nuuf dubbatu gara keess… Afaan Oromoo BCV GIZ አኀዊነ ነአኀዝኑ ካዕበ ይእዜ ንንግርክሙ ንወድስ ርእሰነ? ወቦኑ ዘንፈቅድ ከመ እልክቱ ካልኣን እስከ ንጽሕፍ ኀቤክሙ በእንቲኣነ መጽሐፈ አው ከመ ትጽሐፉ አንትሙ? giz BCV aksum ከምዙይ ክንብል እንተለና፥ ገና ንባዕልትና ንንእድ ዲና ዘለና? ወይ ከምቲ ገሊኣቶም ዝገብርዎ፥ ናባኻትኩም ወይ ከዓ ኻባኻትኩም፥ ናይ ናእዳ መልእኽቲ የድልየና ድዩ? ትግርኛ AMHNIV እንደ ገና ራሳችንን ልናመሰግን እንጀምራለንን? ወይስ እንደ ሌሎቹ ለእናንተ ወይም ከእናንተ የተጻፈ የምስጋና ደብዳቤ ያስፈልገን ይሆንን? አማርኛ SWAHSUV Je! Tunaanza tena kujisifu wenyewe? Au tunahitaji, kama wengine, barua zenye sifa kuja kwenu, au kutoka kwenu? Kiswahili