2ffaa Qorontos 10

GAZBIBAfaan Oromoo18 Keeyyattoota3:15 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:15 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Phaawulos ofiin koo garraamummaadhaa fi garalaafummaa Kristosiin cimsee isin nan gorsa; ani yommuun isin bira jiru ?Ija-laafessa?, yommuun isin irraa fagaadhu immoo ?Ija-jabeessa? jedhameera.

2Yommuun isin biratti argamu ija-jabinaan akka ana hin dubbachiifne isinan kadhadha; warra akka yaada fooniitti deddeebi'u nuun jedhan irratti, ani ija-jabinaan dubbachuudhaaf yaada koo keessaa akkan qabu of nan amana.

3Nama foonii yoo taane iyyuu, akka yaada fooniitti nama lolla miti.

4Mi'i waraanaa keenya mi'a da'oo jajjabaa jigsuudhaaf Waaqayyoof hojjechuu danda'uu dha malee, mi'a namni foonii ittiin hojjetu miti; yaada amansiisa hin qabne isa nama wallaalchisuuf qophaa'es in diiga.

5Waanuma ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu hundumaa diignee, yaada namootaa Kristosiif abboomsisuudhaaf in boojina.

6Erga isin raawwattanii abboomamtanii, nuyis immoo abboomamuu diduu hundumaa adabuudhaaf qophoofnee jirra.

7Wanta ija keessan duratti mul'atu ilaalaa! ?Ani kan Kristos? jedhee namni of amanatu yoo jiraate, inni kan Kristos akkuma ta'e, nus immoo kan Kristos ta'uu keenya itti haa yaadu!

8Aboo gooftaan ittiin isin diiguuf utuu hin ta'in, ittiin ijaaruuf nuuf kenneen utuun caalaatti of jajee iyyuu, ana hin yeellaasisu ture.

9Anis nama, caaffata isaatiin isin sodaachisuu barbaade hin fakkaadhun ture.

10Jarri tokko waa'ee kootiif, ?Caaffata isaa keessatti dubbii dhimma baasuu fi jajjabaa in caafa; yommuu nu biratti argamee afaaniin dubbatu immoo dadhabaa dha, dubbiin isaas dhimma hin kutu? jedhaniiru.

11Nuyi waan isaan irraa fagaannee caaffata keenyaan isaanitti dubbannu, yommuu isaan biratti argamnus isuma hojii irra oolchuuf akka jirru jarri kun haa beekan.

12Nuyi warra ofiif dubbatan sanatti of lakkaa'uudhaaf yookiis isaanitti of qixxeessuudhaaf ija hin jabaannu; isaan ija ofii isaaniitiin wal safaru, walii isaaniittis of in qixxeessu, kunis gowwummaa isaanii ti.

13Nuyi garuu safara malee of hin jajnu; of jajuun keenya isa Waaqayyo hojiidhaaf safaree nuuf laannaan, nuyis immoo ittiin isin bira geenye keessaa hin ba'u.

14Nuyi akka waan kanaan dura isin bira hin ga'in jirrutti isinitti hin hiixannu; nuyi duraan dursinee wangeela Kristos fidne gara keessan dhufneerra.

15Hojii namoonni biraa itti dadhabaniin safara malee of hin jajannu; yeroo amantiin keessan guddatu immoo, nuyis akka hojii Waaqayyo safaree nuuf kennetti, isin biratti nama guddaa akka taanu in abdanna.

16Ammas nuyi isa namni kan biraa lafa hojii isaatiitti hojjetee qopheesseen utuu of hin jajin, isin garasitti iyyuu darbinee wangeela in lallabna.

17Akkuma caafamee jiru iyyuu, ?Namni of jaju, gochaa gooftaatiin of haa jaju!?

18Nama gooftaan dubbatuuftu fudhatamaa ta'uu danda'a malee, namni ofiif dubbatu fudhatamaa ta'uu hin danda'u.

Ibsa

10:1-6

Namoonni kaan ergamaa sana xiqqeessanii yaadaniifi salphisanii yeroo dubbatan, innimmoo of-gad deebisee ofii isaa ilaalaa ture; of-gad deebisees dubbate. Nu dadhabina keenya hubachuu, akkasumas namoonni yoo nu ceepha'anillee, of-gad deebifnee ofii keenya yaaduu qabna. Hojiin tajaajilaa lola hafuuraati; diinota hafuuraa wajjin, kaayyoo hafuuraatiifis godhama. Humna alaa fayyadamuun karaa wangeelaa miti, garuu amansiisa cimaatiin, humna dhugaatiifi garraamummaa ogummaa fayyadamuudha. Garaa-garaa Waaqayyoo qofaatti gaafatamaa dha; namoonnis gara Waaqayyoottiifi gara hojii isaaniitti amansiifamuu qabu malee, humnaan dirqamuu hin qaban. Kanaaf, meeshaan lola keenyaa baay'ee humna-qabeessa; ragaan dhugaas amansiisaa dha. Humna cubbuutiifi Seexanni garaa namaa keessatti wangeela irratti mormii akkamii akka kaasan! Garuu Dubbiin Waaqayyoo injifannoo argatu hubadhaa. Maloonni ramadaman, namoota tokko tokkotti yoo dadhabaa fakkaatanillee, Waaqayyo biraan humna-qabeessa ta'u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እኔም ራሴ ጳውሎስ፥ በእናንተ ዘንድ ፊት ለፊት ሳለሁ ትሑት የሆንሁ፥ ከእናንተ ግን ብርቅ የምደፍራችሁ፥ በክርስቶስ የዋህነትና ገርነት እመክራችኋለሁ፤ አማርኛ ENGNIV By the meekness and gentleness of Christ, I appeal to you–I, Paul, who am “timid” when face to face with you, but “bold… English BCV ኣነ ጳውሎስ፥ ኣብ ቅድሜኹም ትሑት፥ ካባኻትኩም እንትርሕቕ ግና፥ ደፋር ዝተብሃልኩ፥ ብናይ ክርስቶስ ሕያዋይነትን ለውሃትን፥ እልምነኩም ኣለኹ። ትግርኛ BCV GIZ አስተበቍዐክሙ አኀዊነ አነ ጳውሎስ በየውሀት ወበምሕረተ ክርስቶስ፣ እስመ ሶበ እሄሉ ኀቤክሙ መጠነ አነ በገጽ፣ ወበኀበሰ ኢሀሎኩ እተፊ ላዕሌክሙ፣ ብቍዑኒ እስመ እንዘ ኢሀለውኩ እትአመን በተ… giz GAZGAZ Ani Phaawulos ofiin koo garraamummaadhaa fi garalaafummaa Kristosiin cimsee isin nan gorsa; ani yommuun isin bira jiru … Afaan Oromoo BCV aksum ኣነ ጳውሎስ፥ ኣብ ቅድሜኹም ትሑት፥ ካባኻትኩም እንትርሕቕ ግና፥ ደፋር ዝተብሃልኩ፥ ብናይ ክርስቶስ ሕያዋይነትን ለውሃትን፥ እልምነኩም ኣለኹ። ትግርኛ AMHNIV እኔ ጳውሎስ፣ በእናንተ ፊት ስሆን “ዐይነ ዐፋር”፣ ከእናንተ ስርቅ ግን፣ “ደፋር” የተባልሁ በክርስቶስ የዋህነትና ገርነት እለምናችኋለሁ። አማርኛ SWAHSUV Basi, mimi Paulo mwenyewe nawasihi kwa upole na utaratibu wa Kristo; mimi niliye mnyenyekevu nikiwapo pamoja nanyi, bal… Kiswahili