1ffaa Mootota 1

GAZBIBAfaan Oromoo53 Keeyyattoota10:56 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:56 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara Daawit mootichi baay'ee dulloometti, hojjetoonni isaa “Itti haa ho'u” jedhanii uffata sobbooqa utuma itti uffisanii iyyuu isatti ho'uu hin dandeenye.

2Kanaaf hojjetoonni isaa isatti dhi'aatanii,“Yaa mootii, durba siif ergamtee si gargaartu siif in barbaanna! Isheen akka sitti ho'uuf si bira in ciifti” jedhan.

3Kana booddee isaan guutummaa biyya Israa'el keessa durba bareedduu barbaadanii, intala “Abiishaag” jedhamtu tokko mandara Shuneemii argatanii gara mootichaatti in fidan.

4Intalattiin baay'ee miidhagduu, dhimmitees kan isa gargaartu turte; mootichi garuu ishee bira hin geenye.

5Baras Adoniyaan inni Haagiit deesse,“Ani mootiin ta'a” jedhee of in dhi'eesse; inni konkolaattotaa fi abboota fardeenii akkasumas namoota shantama isa dura kaatan in qopheeffate.

6Adoniyaan kun Abiishaalom irratti dhalate, baay'ee miidhagaa tures; Daawit abbaan isaa erga gaafa inni dhalatee jalqabee,“Maaliif kana yookiis sana goote?” jedhee takkaa isa gaafatee hin beeku.

7Adoniyaan waan gochuu yaade Yo'aab isa Zeruyaan deesse sanaaf Abiyaataar lubichaa wajjin in mari'ate; isaanis yaada isaa duukaa bu'anii isa in gargaaran.

8Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaan ilmi Yehoyaadaa, Naataan raajichi, Shime'iinii fi Re'iin akkasumas loltoonni Daawit mooticha eegan yaada Adoniyaa hin fudhanne.

9Adoniyaan garuu dhagaa “Zohelet” isa boolla bishaanii En-Rogeelitti dhi'oo jiru biratti hoolota, sangootaa fi jiboota coccoomoo qalee aarsaa yeroo dhi'eessetti obboloota isaa ilmaan mootichaa fi hojjetoota mana mootummaa Yihudaa warra gurguddoota hundumaa in waame; [“Zohelet” jechuun “Bofa” jechuu dha].

10Garuu Naataan raajicha, Benaayaa, loltoota Daawit mooticha eeganii fi obboleessa isaa Solomoonin hin waamne.

11Yommus Naataan, Baat-Sheebaa haadha Solomooniin,“Daawit gooftaan keenya utuu hin beekin Adoniyaan ilmi isaa inni Haagiit deesse mootii akka ta'e ati hin dhageenyee”

12Amma akka ati lubbuu kee fi lubbuu Solomoon ilma keetii itti oolfattu sin gorsa;

13ammuma gara Daawit mootichaatti ol galiitii,“Yaa mootii, yaa gooftaa ko, ilmi koo Solomoon iddoo ati hin jirretti teessoo kee irra taa'ee akka mo'u ati kakaadhaan ana garbittii kee abdachiiftee hin turree ree” Egaa Adoniyaan attamitti mootii ta'e ree?” jedhiin!

14Utuma ati mootichaa wajjin dubbachaa jirtuu, ani si booddeedhaan dhufee, dubbii ati dubbatte kana nan cimsa” jedhe.

15Kana irratti Baat-Sheebaan gara iddoo ciisicha mootichaatti ol in galte; yommus mootichi baay'ee dulloomee waan tureef, Abiishaag isa biratti argamtee isa in gargaarti turte.

16Baat-Sheebaan akkuma ol galteen mootichaaf qoommaatee fuula isaa duratti in jilbeenfatte; mootichi immoo,“Maal akkan siif godhu feeta?” jedhee ishee in gaafate.

17Isheen immoo deebiftee mootichaan,“Yaa gooftaa ko, ilmi koo Solomoon iddoo ati hin jirretti teessoo kee irra taa'ee akka mo'u maqaa Waaqayyo goftaa keetiitiin kakattee ana garbittii kee hin abdachiifnee ree”

18Amma garuu kunoo, Adoniyaan mootii ta'eera; yaa mootii, yaa gooftaa ko, ati immoo waa'ee kanaa hin beektu.

19Inni sangoota, jiboota coccoomoo fi hoolota baay'ee qalee aarsaa yeroo dhi'eessetti ilmaan kee warra kaan, Abiyaataar lubicha, Yo'aab ajajjuu humna waraanaas waameera; hojjetaa kee Solomoonin garuu hin waamne.

20Yaa mootii, yaa gooftaa ko, egaa si booddeedhaan teessoo kee irra taa'uuf kan jiru eenyu akka ta'e ati akka himtuuf, namoonni Israa'el guutummaatti si dhaggeeffachaa jiru.

21Yoo ati himuu dhabaatte garuu akkuma ati mootichi gooftaan koo boqottee geggeeffamtuun anii fi Solomoon ilmi koo jibbamoo in taana” jette.

22Utuu isheen mootichaa wajjin dudubbachaa jirtuu, Naataan raajichi ol in gale.

23Naataan raajichi akka dhufe mootichatti in himan; Naataanis fuula mootichaa duratti dhi'aatee hamma lafa ga'utti in qoomma'e.

24Naataan raajichi yommus mootichaan,“Yaa mootii, yaa gooftaa ko,“Iddoo ani hin jirretti Adoniyaan mootii ta'ee teessoo koo irra haa taa'u!” jetteettaa ree”

25Kunoo, inni har'a gad bu'ee sangoota, jiboota coccoomoo fi hoolota baay'ee qalee yeroo aarsaa dhi'eessetti ilmaan mootichaa, angafoota loltootaa fi Abiyaataar lubicha waameera; kunoo isaan amma isa duratti nyaachaa, dhugaa,“Yaa Adoniyaa, yaa mootii, bara dheeraa jiraadhu!” jechaa jiru.

26Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehoyaadaa fi Solomoonin garbicha kee hin waamne.

27Dubbiin kun si gooftaa koo mooticha biraa ba'ee, iddoo ati mootichi gooftaan koo hin jirretti teessoo kee irra kan taa'u eenyu akka ta'e nuyi garboota keetti hin himamin hafee ree?” jedhe.

28Yommus Daawit mootichi,“Baat-Sheebaa ol anaaf waamaa!” jedhe; isheenis ol lixxee fuula mootichaa dura in dhaabatte.

29Yommus mootichi kakatee,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa rakkina koo hundumaa keessaa na baasee,

30“Solomoon ilmi kee iddoo ani hin jirretti in mo'a, iddoo koo teessoo koo irra in taa'a” jedhee maqaa Waaqayyo gooftaa Israa'eliin isan siif kakadhe, har'a nan raawwadha” jedhe.

31Yommus Baat-Sheebaan hamma lafa geessutti qoommaatee, fuula mootichaa dura jilbeenfattee,“Gooftaan koo Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.

32Kana booddee Daawit mootichi,“Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehoyaadaa ol waamaa!” jedhe; jarri waamamanis gara mootichaatti ol in galan.

33Mootichi isaaniin,“Hojjetoota gurguddoota mana mootummaa kootii waammadhaa, ilma koo Solomoonin gaangoo koo yaabbachiisaatii gara burqituu Giihonitti geessaa!

34Achitti Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi isa dibanii saba Israa'el irratti isa haa moosisan! Isin immoo fiingee afuufaatii,“Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhaa!

35Inni teessoo koo irra taa'ee iddoo koo mootii ta'ee, Israa'elii fi Yihudaa irratti akka mo'uuf ani isa fo'adheeraatii isin of dura isa buusaatii deebi'aa ol ba'aa!” jedhe.

36Benaayaan ilmi Yehoyaadaa mootichaaf deebisee,“Ameen! Waaqayyo, gooftaan gooftaa koo mootichaas immoo akkasuma haa jedhu!

37Waaqayyo akkuma gooftaa koo mootichaa wajjin ture, akkasuma immoo Solomoonii wajjin haa ta'u! Mootummaa isaas mootummaa gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!” jedhe.

38Kana booddee Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaan ilmi Yehoyaadaa akkasumas Keretoonnii fi Pheletoonni warri mooticha eegan Solomoonin gaangoo mootichaa yaabbachiisanii, of gidduu buufatanii gara burqituu Giihonitti in geessan.

39Zaadoq lubichi godicha qulqullaa'aa keessaa gaanfa dhadhaa ejersaa qabu fuudhee Solomoonin in dibe; warri kaan immoo fiingee afuufanii sagalee guddaadhaan,“Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jechaa isa duukaa in adeemu turan.

40Namoonni isaa wajjin turan hundinuu isa of dura buusanii, baay'ee waan gammadaniif, hamma sagaleen isaa lafa tarsaasutti faaggaa afuufanii, sirbaa duukaa ol in ba'an.

41Adoniyaa fi keessummoonni waamamanii isaa wajjin jiran hundinuu nyaataa fi dhugaatii akkuma raawwataniin sagalee sirbaa in dhaga'an; Yo'aab sagalee fiingee yommuu dhaga'e,“Sagaleen fiingee mandaraadhaa dhaga'amu kun maali?” jedhee in gaafate.

42Utuma inni kana dubbachaa jiruu Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa in dhufe; Adoniyaan yommus Yonaataaniin,“Ati nama jabaa waan taateef, oduu gaarii qabdaatii mee ol lixi!” jedhe.

43Yonaataan immoo deebiseefii,“Gooftaan keenya Daawit mootichi Solomoonin moosiseera.

44Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehoyaadaa akkasumas Keretootaa fi Pheletoota isaa wajjin ergeera; isaanis gaangoo mootichaa irra teessisanii isa in geessan.

45Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi burqituu Giihon biratti Solomoonin dibanii in moosisan; namoonni isaa wajjin turanis hamma mandarattiin sochootutti gammachuudhaan sirbaa ol in ba'an; sagaleen isin dhageessan kun isa.

46Solomoonis teessoo mootummaa sana irra taa'eera.

47Kana malees gurguddoonni mootichaa gooftaa keenya Daawit mootichaaf gammaduudhaaf gara isaatti ol galanii,“Waaqayyoon kee isa ati beekamte caalaa Solomoon akka beekamu haa godhu! Mootummaa isaas mootummaa kee caalaa haa jabeessu!” jedhaniiru; mootichis sireedhuma isaa irratti gad gombifamee,

48“Waaqayyo inni kan Israa'el, har'a sanyii koo keessaa nama mootii ta'ee teessoo koo irra taa'u kan na argisiise haa galateeffamu!” jedheera” jedhe.

49Kana irratti keessummoonni Adoniyaan waame hundinuu na'anii ka'anii kara karaa in faffaca'an.

50Adoniyaan garuu Solomoonin sodaatee ka'ee gara iddoo aarsaatti baqatee gaanfa iddoo aarsaa sana harkaan in qabate.

51Yommus Adoniyaan sodaatee,“Solomoon mootichi ana garbicha isaa billaadhaan akka hin ajjeefne har'a anaaf haa kakatu!” jedhee, gaanfa iddoo aarsaa akka qabate Solomoon mootichatti in himan.

52Solomoon deebisee,“Inni nama amanamaa yoo ta'e, rifeensa mataa isaatiitti illee namni bu'u hin jiru; wanta hamaa yoo hojjete garuu in ajjeefama” jedhe.

53Yommus Solomoon mootichi, Adoniyaatti namoota in erge; isaanis dhaqanii iddoo aarsaatii gad isa in buusan; inni kana booddee gara mana mootummaa dhaqee ol lixee Solomoon mootichaaf in qoomma'e; Solomoon immoo,“Gara mana kee dhaqi!” ittiin jedhe.

Ibsa

1:1-4 Daawit dadhabbiiwwan jalatti jiggaa ture. Cubbuuwwan isaa warra dhihootiif adabame; akkasumas dadhabbiiwwan isaa warra duraanii fi rakkowwan isaa irraa bu'aa isaa argaa ture.

1:5-10 Warri haadhaafi abbaa ijoollee isaaniitti daangaa hin eegne, yeroo baay'ee ijoollee ajajamoo hin taane, warra qabeenya maatii isaanii dhaalchuuf fedhii cimaa qaban, adabamu. Ogummaan addunyaa kamiyyuu, muuxannoon, yookiin qulqullummaan amalaa, warra humna jaalala ofii jala jiran, akka karaan duraan turan itti fufu mirkaneessuu hin danda'u. Garuu, Yoo'aabii fi Abiyaataar tooftaa akkamiitiin gara biraatti harkifaman jennee dinqisiifachuun sirrii dha.

Lakk. 5-10

Daawit ijoollee isaatiin dhiphina guddaa qaba ture. Amnonii fi Absaaloom lamaanuu gadda isaaf turan; inni tokko angafa isaa, inni kaan immoo sadaffaa isaa ture (2 Saam. 3:2, 3). Inni lammaffaan, kan Abigaayiliin argate, isaaf jajjabina ture jennee yaanna; inni arfaffaan immoo Adoniyaa ture (2 Saam. 3:4); inni warra Hebroonitti dhalatan keessaa tokko ture; amma dura waa'ee isaa homaa hin dhageenye, amma garuu inni nama bareedaa akka ture, umuriidhaan isa itti aanu, akkasumas (akka mul'atetti) amalaan Absaaloomitti dhihoo akka ture (lak. 6) nutti himameera. Kana malees, ija abbaa isaatti inni jaatiraa ture, amma garuu qoree ta'eera.

I.

Abbaan isaa isa jaallatee guddisaa ture (lak. 6). Yeroo kamiyyuu isa hin gaddisiifne. Abbaa isaa yeroo tokkollee hin gaddisiifne jechuun hin dubbatamne; yeroo baay'ee akkas gochuu isaa mala, abbaan isaas amala isaa hamaa sanaan dhoksaatti gadda, Waaqayyoo durattis isaaf boo'a ture. Garuu abbaan isaa fedhii isaa mormuudhaan, wanta inni barbaade tokkollee dhowwuudhaan, yookiin wanta inni hojjeteefii eessa tureef gaafachuudhaan, yookiin kitaaba isaa yookiin hojii isaa irratti isa qabuudhaan, yookiin wanta inni dogoggore argee yookiin dhaga'ee isa ceephuudhaan isa hin gaddisiifne; "Maaliif akkas goote?" jedhee isa hin gaafanne; sababiin isaas, kun isaaf ulfaataa akka ta'e, fi inni utuu hin aarin fudhachuu akka hin dandeenye argeera. Ceephoo irratti aaruun isaa fi arrabsoo godhee fudhachuun isaa dogoggora ilma sanaa ture, kanaanis faayidaa isaa dhabe; abbaan isaas, kun isa gaddisiisuu isaa waan argeef, isa hin ceephune; amma immoo isa jaallatee guddisuu isaatiif sirriitti adabame. Warri ijoollee isaanii Waaqayyoo caalaa kabajan, akkuma warra sirna gaarii jalatti isaan hin qabne, kanaan kabaja ijoollee isaanii irraa eegan dhabu.

II.

Innis deebisee abbaa isaa gowwoomse. Inni dulloomee siree isaa irra waan tureef, namni isaaf xiyyeeffannaa hin kennu jedhee yaade, kanaafuu of ol qabee, "Ani mootii nan ta'a" jedhe (lak. 5). Ijoolleen jaallatamanii guddatan boonaa fi fedhii aangoo baratu, kunis dargaggoota hedduu balleessa. Isaan gad of qabanii akka jiraatan gochuuf, to'annaa jala isaan qabuu dha. Of tuulummaa Adoniyaa ilaali.

1.

Inni guyyoonni gaddaa abbaa isaa dhihoo akka jiran yaade, kanaafuu isa bakka bu'uuf qophaa'e, Waaqayyoonis ta'e Daawitiin Solomoon nama ta'uu isaa beekus; sababiin isaas, Daawit mataan isaa beeksisni uummataaf kennameera, fi bakka bu'iinsi sun, akkuma seera paarlaamaatiin, ajaja Waaqayyoo hordofuudhaan, 1 Seenaa 22:9; 23:1 irratti murtaa'eera. Adoniyaan aangoo kana humnaan muruuf yaale, Waaqayyoonis ta'e abbaa isaa tuffachuudhaan. Akkuma kana mootummaan Kiristoos mormama, akkasumas "Nuti inni nu irratti akka mootii ta'u hin barbaannu" jedhan jiru.

2.

Inni abbaa isaa dulloomee homaatti hin fayyanne jedhee yaade, kanaafuu battalumaan teessoo mootummaa qabate. Abbaan isaa utuu hin du'in eeguu hin dandeenye, garuu amma "Adoniyaan mootii ta'eera" (lak. 18), fi "Waaqayyo mootii Adoniyaa haa eegu" (lak. 25) jedhamuu qaba. Abbaan isaa dulloomee bulchuu waan hin dandeenyeef bulchuuf hin ta'u, Solomoonis dargaggeessa waan ta'eef bulchuu hin danda'u; kanaafuu Adoniyaan bulchiinsa of irratti fudhata. Ijoolleen sababa dadhabina umrii isaaniitiif warra isaanii irratti qoosuun yaada garaa gadhee fi hamaa agarsiisa.

3.

Karoora aangoo fedhii qabu kana galmaan ga'uuf, (1.) Inni hordoftoota hedduu (lak. 5), gaariiwwanii fi fardaan deeman, ulfinaafis ta'e humnaaf, isa tajaajiluufi isaaf loluuf qopheeffate. (2.) Inni Yo'aab, ajajaa waraanaa, fi Abiyaataar, lubaa ol'aanaa, lak. 7 waliin hariiroo cimaa uume. Namoota dhiibbaa isaaniitiin mana amantaa fi waraana keessatti tajaajila guddaa isaaf kennuu danda'anitti dhihaachuun isaa dinqisiisaa miti; garuu isaan akkamitti isa duukaa bu'anii isa gargaaruuf akka kaka'an dinqisiifachuu dandeenya. Isaan warra dullooman, yeroo Daawititti rakkisaa fi dhiphina guddaa qabu keessatti amanamoo turan, namoota hubannaa fi muuxannoo qaban, warra namni tokko salphaatti gowwoomfamuu hin danda'u jedhee yaadu. Adoniyaa deeggaruudhaan faayidaa tokkollee ofiif dhiheessuu hin dandeenye, sababiin isaas isaan lamaanuu sadarkaa ol'aanaa irra turan, achittis jabaatanii dhaabatanii turan. Mootummaan Solomoon irratti akka darbu, kan isaan muruu hin dandeenye, beekuu dhabuu hin dandeenye, kanaafuu isa gammachiisuun faayidaa isaanii ture. Garuu Waaqayyo dhimma kana keessatti isaan ofitti dhiise, tarii dogoggora isaanii duraanii adabuuf, adaba ofii isaanii uuman. Warri Daawititti amanamummaa isaanii mirkaneessan, Adoniyaan karoora isaa isaaniif dhiheessuuf ija jabina hin qabne, eenyu akka turan (lak. 8) nutti himameera—Zadoq, Banaayaa, fi Naataan. Namni wanta gaariitti cichee jiraachuu isaa mirkaneesse, wanta hamaa akka hojjetu hin gaafatamu. (3.) Inni En-roogelitti, Yerusaalemitti dhihoo, cidha guddaa (lak. 9) qopheesse; keessummoonni isaa ijoollee mootichaa fi hojjettoota mootichaa turan, warra gara garee isaatti fiduuf nyaachisee jaallate; garuu Solomoon hin afeeramne, yookiin isa tuffateef yookiin isaaf abdii kuteef (lak. 10). Warri garaa isaanii tajaajilan, fi warra isaan nyaachisan kamiyyuu deeggaruuf fedhii qaban, gowwoomfattootaaf saaxilamoo dha (Room. 16:18).

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6