1ffaa Yohaannis 3

GAZBIBAfaan Oromoo24 Keeyyattoota4:31 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:31 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku.

2Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti; isa booddee immoo maal ta'uuf akka jirru mul'ataa miti. Haa ta'u iyyuu malee, yommuu inni mul'atu inni akka jirutti isa arguuf waan jirruuf, akka isaa akka taanu beekna.

3Akka kanatti kan isa abdatu hundinuu akkuma isa qulqulluu sanaatti of in qulqulleessa.

4Cubbuu kan hojjetu hundinuu seera malee in jiraata; cubbuunis seera malee jiraachuu dha.

5Kristos cubbuu balleessuudhaaf akka mul'ate in beektu; inni garuu cubbuu hin qabu.

6Egaa namni isatti qabamee jiraatu hundinuu cubbuu hin hojjetu; namni cubbuu hojjetu hundinuu garuu isa hin argine, isa hin beeknes.

7Yaa ijoollee ko, homtinuu karaa irraa isin hin kaachisin! Inni sun qajeelaa akka ta'e, namni waan qajeelaa hojjetu qajeelaa dha.

8Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan Seexanaa ti; ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mul'ate.

9Namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu, sanyii Waaqayyoo waan ta'eef cubbuutti qabamee hin jiraatu; mucaa Waaqayyoo waan ta'eefis cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda'u.

10Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu.

11Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ?Wal jaallachuun nuuf ta'a? isa jedhuu dha.

12Akka Qaayin ta'uun hin ta'u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese. Sababii maaliitiif immoo isa ajjeese? Hojiin ofii isaa hamaa ta'ee, hojiin obboleessa isaa qajeelaa waan ta'eef isa ajjeese.

13Obboloota ko, namoonni biyya lafaa yoo isin jibban hin dinqifatinaa!

14Nuyi obboloota waan jaallannuuf du'a keessaa gara jireenyaatti akka darbine beekna; namni nama hin jaallanne immoo du'a keessatti hafa.

15Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu beektu.

16Kristos lubbuu isaa nuuf kennuu isaatiin jaalalli maal akka ta'e hubanneerra; egaa nus immoo lubbuu keenya obbolootaaf kennuun nuuf ta'a.

17Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?

18Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!

19Nuyi kan dhugaa ta'uu keenya kanaan hubachuuf jirra, fuula Waaqayyoo durattis garaa keenya calluma in jechisiifna.

20Garaan keenya yeroo nutti faradutti immoo, Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu in beekna.

21Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin farannettis, Waaqayyo duratti ija-jabina qabna.

22Nuyi waanuma isa kadhannu isa biraa in fudhanna; abboommota isaa in eegna, waan isa gammachiisus in hojjenna.

23Abboommiin isaa kunis, ?Maqaa ilma koo Yesus Kristositti amanaa! Akka abboommii inni kennettis walii keessan jaalladhaa!? nuun jedha.

24Namni abboommota isaa eegu isa keessa in jiraata; innis namicha keessa in jiraata; hafuura inni nuuf kenneenis nu keessa jiraachuu isaa in hubanna.

Ibsa

3:1,2 Addunyaan gammachuu duuka buutota Kiristoos warra dhugaa baay'ee hin beeku. Addunyaan warri hiyyeeyyii, gad of deebisanii fi tuffatamoon kun jaallatamoo Waaqayyoo akka ta'an, akkasumas samiidha akka jiraatan baay'ee hin yaadu. Duuka buutonni Kiristoos jiraata ulfaataa asitti isaan mudatuun haa quufan, sababiin isaas biyya ormaa keessa waan jiraniif, iddoo Gooftaan isaanii isaan dura yaraa guddaatti itti qabame. Ilmaan Waaqayyoo amantiidhaan deemu qabu, akkasumas abdiidhaan jiraatu qabu. Isaan mul'ina Gooftaa Yesusii amantiidhaan, abdiidhaan, fi hawwii guddaadhaan gaariidhaan eeguu danda'u. Ilmaan Waaqayyoo ni beekamu, akkasumas Mataa isaaniitti fakkaachuudhaan ni mul'ifamu. Isaan isa arguu isaaniitiin boca tokkotti ni jijjiiramu.

3:3-10 Ijoolleen Waaqayyoo Gooftaan isaanii wanti qulqulluu hin taane fi xuraa’aan homtinuu isa bira jiraachuuf ija baay’ee qulqulluu akka qabu beeku. Fedhiiwwan xuraa’oo fi hawwiiwwan hamaa guutuuf kan hayyamu abdiin fakkeessitootaa ti malee kan ijoollee Waaqayyoo miti. Akka ijoollee isaa jaallatamootti isa hordofoo haa taanu, kanaanis garaa laafina isaa isa hin dubbatamne akka hubannu argisiisna, akkasumas yaada abboomamaa, galateeffataa fi gad of deebise nuuf ta’u ibsina. Cubbuun seera Waaqayyoo ganuu dha. Isa keessa, jechuunis Kiristoos keessa, cubbuun hin turre. Dadhabina cubbuu hin qabne hundumaa kan bu’aa kufaatii turan inni fudhate; jechuunis, dadhabina sammuu yookiin qaamaa nama rakkinaaf saaxilu fi qorumsaaf banaa taasisu hundumaa. Garuu inni dadhabina amalaa keenya, cubbuutti dhi’aannaa keenya hin qabaanne. Namni Kiristoos keessa jiraatu cubbuu hojjechuu keessa hin itti fufu. Cubbuu gatuun ragaa guddaa tokkummaa hafuuraa, itti fufiinsaa fi beekumsa fayyisaa Gooftaa Kiristoos waliin qabnuu ti. Of gowwoomsuu irraa of eeggadhaa. Namni qajeelummaa hojjetu qajeelaa dha, Kiristoosiin hordofuu jechuun immoo abboomamuu fi dhiphina isaa keessatti amantii dhaan hirmaannaa qabaachuu argisiisa. Garuu namni akka seexanaa gochuu hin danda’u, yeroo walfakkaataa barsiisaa Kiristoos Yesus ta’ee. Ilmi Waaqayyoo kan balleessuuf dhufe sana hin tajaajilnu yookiin fedhii isaa jala hin galle. Waaqayyo irraa dhalachuu jechuun humni Hafuura Waaqayyoo dhaan keessaan haareffamuu dha. Ayyaanni haareffamaa hundee dhaabbataa dha. Amantiin ogummaa, dandeettii yookiin beekumsa hin turre, garuu uumama haaraa dha. Namni deebi’ee dhalate akkuma Waaqayyo irraa dhalachuu isaa dura cubbuu hojjetetti, yookiin akkuma warri kaan deebi’anii hin dhalanne hojjetanitti cubbuu hojjechuu hin danda’u. Ifni tokko sammuu isaa keessa jira, kan hamminnaa fi hamaa cubbuu isa agarsiisu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የእግዚአብሔር ልጆች ተብለን ልንጠራ አብ እንዴት ያለውን ፍቅር እንደ ሰጠን እዩ፥ እንዲሁም ነን። ስለዚህ ምክንያት ዓለም እርሱን ስላላወቀው እኛን አያውቀንም። አማርኛ ENGNIV How great is the love the Father has lavished on us, that we should be called children of God! And that is what we are!… English BCV ውሉድ እግዚኣብሄር ተብሂልና ምእንቲ ኽንፅዋዕ፥ እግዚኣብሄር ኣብ፥ ከመይ ዝበለ ፍቕሪ ኸም ዝሃበና እስኪ ረአዩ! ውሉድ እግዚኣብሄርውን ኢና። ዓለም ንእኡ ስለ ዘይፈለጠቶ እያ፥ ነኣናውን ዘይ… ትግርኛ BCV GIZ ወርእዩ ዘከመ እፎ ፍቅሩ ዘወሀበነ አብ ከመ ውሉደ እግዚአብሔር ንኩን ወኮነሂ፣ ወበእንተዝ ኢፈተወነ ዓለም እስመ ሎቱኒ ኢያእመሮ። giz GAZGAZ Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamam… Afaan Oromoo BCV aksum ውሉድ እግዚኣብሄር ተብሂልና ምእንቲ ኽንፅዋዕ፥ እግዚኣብሄር ኣብ፥ ከመይ ዝበለ ፍቕሪ ኸም ዝሃበና እስኪ ረአዩ! ውሉድ እግዚኣብሄርውን ኢና። ዓለም ንእኡ ስለ ዘይፈለጠቶ እያ፥ ነኣናውን ዘይ… ትግርኛ AMHNIV የእግዚአብሔር ልጆች ተብለን እንድንጠራ አብ አትረፍርፎ ያፈሰሰልን ፍቅር ምንኛ ታላቅ ነው! እኛም እንዲሁ ልጆቹ ነን። ዓለም እኛን የማያውቀንም እርሱን ስላላወቀው ነው። አማርኛ SWAHSUV Tazameni, ni pendo la namna gani alilotupa Baba, kwamba tuitwe wana wa Mungu; na ndivyo tulivyo. Kwa sababu hii ulimwen… Kiswahili