1ffaa Qorontos 2

GAZBIBAfaan Oromoo16 Keeyyattoota3:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti dubbachuudhaan yookiis ogummaa argisiisuudhaan, dhoksaa Waaqayyoo isinitti lallabaa hin dhufne.

2Hamman isin bira turettis Yesus Kristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul'isuuf murtoo godheen ture.

3Ani dadhabbii, sodaadhaa fi rom'a baay'eedhaanan isin bira ture.

4Dubbiin afaan koo, lallabni koos humnii fi hafuurri Waaqayyoo akka na keessa jiru argisiise malee, dubbii ogummaa namaa keessaa ba'een amansiise miti.

5Egaa amantiin keessan humna Waaqayyoo irra malee ogummaa namaa irra hin dhaabanne.

6Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa bara si'anaa, yookiis ogummaa warra biyya lafaa kana seerratanii, ofiis golgolaa'uuf jiranii, yoo ta'uu dhabaate iyyuu, warra bilchaatan keessatti immoo dubbii ogummaa in dubbanna.

7Nuyi dubbii dhoksaa ogummaa Waaqayyoo isa hin beekamin ture sana dubbanna; Waaqayyo ulfina isaa irraa akka hirmaannuuf uumamuu biyya lafaa dura ogummaa sana yaadee qopheesse.

8Warra biyya lafaa kana seerratan keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; utuu hubataniiru ta'ee, gooftaa ulfinaa hin fannisan turan.

9Caaffata qulqullaa'oo keessatti, ?Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, ijji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye? in jedha.

10Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul'ise; hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a.

11Waan yaada namaa keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee, namni biraa beekuu hin danda'u; akkasumas hafuura Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.

12Ammas nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne.

13Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbannu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu.

14Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu; kennaan sun isatti gowwummaa dha. Kennicha gargar baasee shallaguudhaaf iyyuu hafuuricha qabaachuu waan barbaachisuuf, isa hubachuu hin danda'u.

15Namni hafuuraa waan hundumaa shallaga, isa garuu namni tokko iyyuu hin shallagu.

16Caaffanni qulqullaa'aan, ?Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda'a?? jedha. Nuyi garuu yaada Kristos qabna.

Ibsa

2:1-5

Kiristoos, nama isaa, tajaajila isaa fi dhiphina isaa keessatti, walumaagalatti Wangeela of keessaa qaba (yookiin guutummaa fi hundee wangeelaati); akkasumas dhimma guddaa lallaba tajaajilaa wangeelaa ta'uu qaba, garuu kun immoo kutaa dhugaa fi fedha Waaqayyoo mul'ifamee kan biroo dhiisuu hin qabu. Phaawuloos gorsa Waaqayyoo hundumaa lallabe. Tajaajiltoonni amanamaan laafina mataa isaanii gadi fageenyaan waan hubataniif, sodaa fi hollanna isaanii kan beeku muraasa. Wanti isaan qaban gahaa akka hin taane beeku, ofii isaaniifis ni sodaatu. Kiristoos fannifame qofatu bifa ifaan yoo lallabame, milkaa'inni guutummaatti humna Waaqayyoo dubbichaan waliin deemu irraa ta'uu qaba; haaluma kanaan namoonni fayyina lubbuu isaaniitiif akka amanan godhamu.

2:6-9 Namoonni barumsa Kiristos akka Waaqummaa qabuutti fudhatan, akkasumas Hafuura Qulqulluudhaan ibsamanii, isa gad fageenyaan qoratan, seenaa Kiristos isa salphaa fi isa fannifames qofa hin argatan, garuu kaayyoo gad fageessaa fi dinqisiisaa ogummaa Waaqayyoo achi keessa jiru argu. Kun dhoksaa qulqullootatti mul’ate dha, Qol 1:26, duraan addunyaa Waaqayyoon hin beeknetti dhokataa ture; fakkeenya dukkanaa’aa fi raajii fagoodhaan qofa agarsiifame, amma garuu Hafuura Waaqayyootiin mul’ifamee beekameera. Yesuus Kiristos Gooftaa ulfinaa dha; maqaa uumama kamiiyyuu caalaa baay’ee guddaadha. Namoonni ogummaa Waaqayyoo hojii furamuu isa guddaa keessa jiru yoo beekanii turan, waan baay’ee hin hojjenne ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እኔም፥ ወንድሞች ሆይ፥ ወደ እናንተ በመጣሁ ጊዜ በቃልና በጥበብ ብልጫ ለእግዚአብሔር ምስክርነቴን ለእናንተ እየነገርሁ አልመጣሁም። አማርኛ ENGNIV When I came to you, brothers, I did not come with eloquence or superior wisdom as I proclaimed to you the testimony abo… English BCV ኣሕዋተይ፥ ኣነውን ናባኻትኩም ክመፅእ እንተለኹ፥ ብኽእለት ዘረባ ወይ ብጥበብ፥ ምስጢር እግዚኣብሄር ክሰብከልኩም ኣይመፃእኹን። ትግርኛ BCV GIZ ወአነሂ ሶበ መጻእኩ ኀቤክሙ አኀዊነ አኮ በኂጣን ወበተጥባበ ነገር ዘመጻእኩ እምሀርክሙ ትምህርተ እግዚአብሔር። giz GAZGAZ Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti dubbachuudhaan yookiis ogummaa argisiisuud… Afaan Oromoo BCV aksum ኣሕዋተይ፥ ኣነውን ናባኻትኩም ክመፅእ እንተለኹ፥ ብኽእለት ዘረባ ወይ ብጥበብ፥ ምስጢር እግዚኣብሄር ክሰብከልኩም ኣይመፃእኹን። ትግርኛ AMHNIV ወንድሞች ሆይ፤ ወደ እናንተ በመጣሁ ጊዜ፣ የእግዚአብሔርን ምስጢር በረቀቀ የንግግር ችሎታ ወይም በላቀ ጥበብ ልገልጥላችሁ አልመጣሁም። አማርኛ SWAHSUV Basi, ndugu zangu, mimi nilipokuja kwenu, sikuja niwahubiri siri ya Mungu kwa ufasaha wa maneno, wala kwa hekima. Kiswahili