1ffaa Qorontos 1

GAZGAZAfaan Oromoo31 Keeyyattoota5:06 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:06 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus ta'uudhaaf kanan waamame, Sostenees obboleessaa wajjin,

2gara waldaa Waaqayyoo isa mandara Qorontos jiruu, gara warra karaa Kristos Yesus qulqulleeffamanii, warra iddoo garaa garaatii, maqaa Yesus Kristos gooftaa hunduma keenyaa waammatan hundumaa wajjin, qulqulloota ta'uudhaaf waamamaniitti kana caafuu koo ti.

3Waaqayyo abbaan keenya gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!

4Ayyaanni Waaqayyoo Kristos Yesusiin waan isiniif kennameef, ani yeroo hundumaa sababii keessaniif Waaqayyo koo nan galateeffadha.

5Isin waanuma dubbatan hubachiisuudhaaf ofii keessaniifis waan hundumaa hubachuudhaaf, karaa hundumaan kennaa guutuu isumaan argattaniittu.

6Wanti waa'ee Kristosiif dhugaa ba'ame isin gidduutti hundee godhatee jabaateera.

7Kanaaf lammaffaa mul'achuu gooftaa keenyaa Yesus Kristos eeggachaa utuu jirtanii, kennaa hafuuraa keessaa tokko illee isinitti hin hiratu.

8Guyyicha gooftaa keenya Yesus Kristos sanatti akka isin warra yakka hin qabne taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa.

9Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesus Kristos gooftaa keenyaatti isin waame, amanamaa dha.

10Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa.

11Obboloota ko, wal qoccoluun akka isin keessa jiru, namoonni aaddee Klo'ee anatti himaniiru.

12Qoccolloon ani jedhus isa isin keessaa kaan, ?Ani kan Phaawulos!? kaan, ?Ani kan Apholos!? kaan, ?Ani kan Keefaa ti!? kaan immoo, ?Ani kan Kristos!? jedhan jechuu koo ti.

13Kristostu gargar hirame moo ree? Phaawulostu isiniif jedhee fannifame moo ree? Yookiis maqaa Phaawulositti cuuphamtan moo ree?

14Kriisphosii fi Gaayos irraa kan hafe isin keessaa nama kan biraa iyyuu bagan hin cuuphin!

15Egaa namni, ?Maqaa Phaawulositti cuuphamtan? isiniin jechuu hin danda'u.

16Haa ta'u iyyuu malee, Isxifaanaasii fi maatii isaa immoo cuupheera; kanaa achi nama kan biraa kanan cuuphe hin beeku.

17Kristos wangeela akkan lallabuuf na erge malee, akkan cuuphuuf ana hin ergine; fannifamuun Kristos ulfina isaa akka argatuttan lallabe malee, fannoo isaa salphisuudhaaf ogummaa namaatiin hin lallabne.

18Waa'ee fannifamuu Kristos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyoo ti.

19Caaffanni qulqullaa'aan, ?Ogummaa warra ogeessotaa nan balleessa, hubannaa warra hubatootaas lafatti nan dabala? in jedha.

20Egaa namni ogeessi eessatti hafa ree? Barsiisaan seeraas eessatti hafa ree? Dubbi-beekaan bara si'anaas eessatti hafa ree? Waaqayyo ogummaa biyya lafaa kanaa gowwummaa godheera mitii ree?

21Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi lallabnuutiin warra amanan fayyisuun Waaqayyotti tole.

22Yihudoonni illee milikkitoota gaafatu, Griikonni immoo ogummaa barbaadu.

23Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha.

24Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaa fi taanaan Griikotaafis taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti, ogummaa Waaqayyoo tis.

25Wanti gowwummaa Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala, wanti dadhabbii Waaqayyoo fakkaatus jabina namaa irra in caala.

26Obboloota ko! Isin yeroo waamamtan, namoota attamii akka taatan of irratti ilaalaa! Akka yaada namaatti baay'een keessan ogeessota miti; baay'een keessan beekamoo miti; baay'een keessanis sanyii warra gurguddaa keessaa miti.

27Waaqayyo garuu namoota ogeessota yeellaasisuudhaaf, waan biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u fo'ate; Waaqayyo warra jaboo yeellaasisuudhaaf waan biyyi lafaa dadhabaatti lakkaa'u fo'ate.

28Waaqayyo wanta jira jedhamu lafatti dabaluudhaaf, wanta jira hin jedhamne, wanta biyya lafaatti gad deebi'aatti lakkaa'amuuf wanta tuffatamaa fo'ate.

29Kanaafis namni tokko illee fuula Waaqayyoo duratti of hin jajin.

30Kristos Yesusitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo Kristosin ogummaa keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna.

31Kanaafis, ?Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju!? kan jedhu caafameera.

Ibsa

1:1-9 Kiristaanonni hundinuu cuuphaadhaan Kiristoosiif guutummaatti kennamaniiruuf, akkasumas murteeffamaniiruuf; qulqullummaa jiraachuufis dirqama cimaa jala jiru. Haa ta’u malee, mana kiristaanaa Waaqayyoo dhugaa keessa kanneen Kiristoos Yesus keessatti qulqullina argatan hundinuu, qulqulloota ta’uudhaaf waamaman, akkasumas warri Waaqa fooniin mul’ate ta’uudhaan eebbawwan fayyinaa hundumaatiif isa waammatan, kanneen Gooftaa isaanii, akkasumas Gooftaa hundumaa ta’uudhaan isa beekan, akkasumas isaaf abboomaman jiru; kun namoota biroo tokkollee hin dabalatu. Kiristaanonni warra Waaqa hin beekneefi Waaqa hin amanne irraa kan adda baafaman, kadhannaadhaan malee jiraachuu akka hin dandeenyeenidha; akkasumas Yihudootaafi warra Waaqa hin beekne irraa kan adda baafaman, maqaa Kiristoos waamachuudhaani.

Lakkoofsota kana keessatti Phaawulos jechoota “Gooftaa keenya Yesus Kiristoos” jedhan hammam akka irra deddeebi’ee dubbate ilaali. Inni yeroo baay’ee yookiin kabaja guddaadhaan isa ibsuudhaaf hin sodaanne. Kanneen Kiristoos waammatan hundumaadhaaf, Phaawulos nagaa gaafannaa isaa isa idilee kenne, isaanumaaf jecha, garaa laafina dhiifamii, ayyaana qulqullinaa, akkasumas nagaa Waaqayyoo kan boqochiisu, Yesus Kiristoosiin akka isaanii ta’u hawwa ture. Cubbamoonni Waaqayyoo wajjin nagaa hin qabaatan, isaa biraas kan ta’e, Kiristoosiin malee nagaa hin qabaatan.

Phaawulos amantii Kiristoositti jijjiiramuu isaaniitiif galata dhiheessa; ayyaanni Yesus Kiristoosiin isaaniif kennameera. Inni kennawwan hafuuraa hundumaadhaan isaan dureesseera. Inni dubbachuu (yaada ibsuu) fi beekumsa dubbata. Waaqayyo kennawwan lamaan kana eessatti kenne, achitti tajaajilaaf humna guddaa kenneera. Kunniin kennawwan Hafuura Qulqulluu turan, kanneen Waaqayyo ergamootaaf isaaniin dhugaa ba’e. Kanneen dhufaatii Gooftaa keenya Yesus Kiristoos eeggatan, hamma dhumaatti isaaniin eegamu; akkasumas kanneen akkas ta’an, guyyaa Kiristoositti balleessaa hin qabaatan, ayyaana dureessaafi bilisa ta’een akkas ta’an. Abdiin mirga akkanaa hammam ulfaataadha; humna Kiristoosiin, humna hammaa keenyaafi qorumsa Seexanaa irraa eegamuu!

1:10-16 Dhimmoota guguddoo amantii keessatti garaa tokko ta'aa; akkasumas, bakka walii galtee yaadaa hin jirretti, ta'us, jaalalaan walitti qabamuu haa jiraatu. Dhimmoota gurguddoo irratti walii galuun addaan hirama kanneen xixiqqoo irratti jiran balleessuu qaba. Tokkummaan guutuu samiidha jiraata, akkasumas, yeroo lafarra jirru isaaf dhihaannuuf, guutummaafis ni dhihaanna. Phaawulosii fi Apoloos lamaanuu tajaajiltoota Yesus Kiristoos amanamoo turan, akkasumas, amanannaa fi gammachuu isaanii gargaartota turan; hata'u malee, warri falmisiisoo ta'uuf fedhii qaban gareedhaan addaan hiraman. Kanaaf, wantoonni baay'ee gaariin illee akka salphaatti manca'uu danda'u, akkasumas, wangeelli fi dhaabbileen isaa meeshaa wal diddaa fi falmii akka ta'an godhaman. Seexanni yeroo hundumaa Kiristiyaanota gidduutti wal falmii kaasuuf yaaleera, akka tooftaa isaa isa guddaa wangeela irratti fayyadamuun.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6