Zeeb

Afaan Oromoo

Nama mootummaan Israaʼel osoo hin jalqabin dura jiraate yoo taʼu, yeroo jalqabaaf kan eerameAbbootii Firdii 7:25irratti.

Zeeb ajajaa Midiyaanotaa yeroo Abbootii Firdii Israaʼel ture. Gedeʼoonii fi namoonni dhibba sadii waraana Midiyaanotaa yommuu injifatanitti, namoonni Efreem Zeebii fi ajajaa biraa Ooreb jedhamu iddoo wayinii Zeebitti isaan qaban. Ajajoota lamaan sana ajjeesanii mataa isaanii gara gama Yordaanos gara Gedeʼoonitti fidan. Injifannoon Oorebii fi Zeeb irratti argame injifannoo guddaa Gedeʼoon Midiyaanota Israaʼel cunqursaa turan irratti argate keessaa tokko taʼee kabajameera. Faarfataan booda injifatamuu isaanii eeruudhaan, diinota Israaʼel akka Oorebii fi Zeeb akka isaan godhuuf Waaqayyoon kadhate.