Zedeqiyaan ilma Hanaaniyaa yoo taʼu, mootii Yihudaa Yoʼaakiim yeroo bulchaa turetti abbaa taayitaa ture. Innis kitaaba raajii Ermiyaas isa mootii duratti dubbifame keessatti caqasameera. Yeroo kitaabichi kutaa barreessaa Elsaamaa keessatti dubbifametti, Zedeqiyaan abbootii taayitaa Elsaamaa, Delaayaa, Elnaataan, Gemaariyaa fi warra kaan waliin argaman keessaa tokko ture. Erga dubbii kitaabichaa dhagaʼanii booda, abbootiin taayitaa Baarook barreessaa Ermiyaas ture, Ermiyaas waliin akka dhokatu gorsan. Sana booda, dhimma kana mootiitti himan.
Xedeqiyaas
HanaanyaaAfaan OromooInni nama yeroo mootummaan qoodame jiraate yoo taʼu, kan caqasames Erm.36.12 qofadha.