Zekaariyaas

YihooyadaaAfaan Oromoo

Lubicha yeroo mootummaan qoodamee turetti jiraate yoo taʼu, jalqaba kan eerame2ffaa Seenaa Baraa 24:20irratti.

Zakaariyaas ilma lubicha Yoʼaadaa yeroo mootii Yihudaa Iyoʼaasi ture. Yoʼaadaan erga duʼee booda, Iyoʼaasi qondaaltota Yihudaa dhagaʼe; isaanis mana Waaqayyoo dhiisan. Zakaariyaasis Hafuura Waaqayyootiin guutamee, Waaqayyoon waan dhiisaniif saba isaa ceephaʼuuf ol kaʼee dhaabate. Haa taʼu malee, sabichi Zakaariyaas irratti mariʼatan; ajaja mootichaatiinis dirree mana qulqullummaa keessatti dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Yesuus booda ariʼatama raajotaa fakkeenya godhee ajjeefamuu Zakaariyaas ilma Berekiiyaa (yoo xiqqaate Yoʼaadaa kan argisiisu) kaase.