Tartan

Afaan Oromoo

Sadarkaa hogganaa yoo taʼu, yeroo jalqabaaf kan caqasame Kitaaba Mootota 2 18.17 irratti.

Taartaan sadarkaa ajajaa waraanaa Assoor olaanaa taʼee2ffaa Mootota 18:17fiIsaayaas 20:1irratti caqasameera. Kitaaba Mootota 2 irratti, Taartaan Rabsaarisii fi Rabshaaqee wajjin taʼuudhaan Mootii Hisqiyaas sodaachisuufii harka akka kennu gaafachuuf mootii Assoor Senaakeribiin gara Yerusaalem ergamuu isaa dubbata. Kitaaba Isaayaas irratti immoo, Taartaan mootii Assoor Saargooniin magaalaa Ashdood akka haleelu ergamee ture. Taartaan ajajaa lammaffaa mootichaa turee waraana guguddaa geggeesse taʼuu dandaʼa. Sadarkaan kun madda Akaad qabaatee ajajaa olaanaa waraana Assoor argisiisa.