Mataanyaa

Afaan Oromoo

Nama bara mootummaa gargar baʼe jiraate yoo taʼu, 2Seenaa.20.14 irratti qofa eerameera.

Mataaniyaan Lewwaawii yoo ta'u, bara mootii Yihuudaa Yoosaafaat jiraate. Innis abbaa booyyee Lewwaawii Yaahziʼeel isa hafuura Gooftaatiin guutamee mootii fi saba Yihuudaa duratti raajii dubbate ture. Yaahziʼeel Yoosaafaatii fi saba isaa loltoota Moʼaab, Amoonaa fi Meeʼoon dhufan akka hin sodaanne jajjabeesse; waraanni kan Gooftaa taʼuu isaatiif mirkaneesseef. Sababa kanaan Yoosaafaatii fi sabni isaa Gooftaa galateeffatan; guyyaa itti aanutti immoo diinonni isaanii wal balleessaa yoo jiran, fayyina Gooftaa argan (2ffaa Seenaa Baraa 20:14-24). Mataaniyaan kutaa kana keessatti akka abbaa raajii Yaahziʼeelitti qofa eerameera.