Yonaataan mootii Yihudaa Zedeqiyaas yeroo bulchaa turetti Yerusaalemitti barreessaa ture. Manasaa mana hidhaa raajichi Ermiyaas itti hidhamee tajaajileera (Ermiyaas 37:15). Ermiyaasis achitti akka hin duune sodaatee, gara mana Yonaataan akka isa hin deebisne mootii Zedeqiyaas kadhate (Ermiyaas 37:20). Boodas yeroo hojjettoonni mootichaa isa gaafatan, Ermiyaas gara mana Yonaataan akka isa hin deebisneef mooticha kan kadhate achitti akka hin duuneef qofa akka taʼe isaanitti hime (Ermiyaas 38:26). Yonaataan barreessaa taʼuunsaa fi manasaa mana hidhaatti fayyadamuunsaa, bara 586 Dh.K.D. dura Baabilon Yerusaalemii weeraruushee dura Yerusaalem keessatti nama iddoo murtaaʼe qabu ture jechuudha.
Yonaataan
Afaan OromooNama yeroo mootummaan addaan qoodame jiraate yoo taʼu, yeroo jalqabaaf kan caqasame Erm.37.15 irratti.