Hashaabiyaan Lewwaawii boojuu Baabilon irraa gara Yerusaalemitti deebi'e ture. Innis Baabilon irraa gara Yerusaalemitti yeroo deeme Izraa warra hordofan Lewwaawota keessaa tokko ture. Hashaabiyaan Sherebiyaa wajjin ta'uudhaan mana qulqullummaaaf kan ta'an meetii, warqii fi meeshaalee akka eegu itti amanamee ture. Dabalataanis yeroo Nahimiyaa seera Waaqayyoof amanamoo ta'uuf kakuu gale mallatteesse. Boodas Hashaabiyaan dallaan Yerusaalem yeroo eebbifamu geggeessitoota Lewwaawota turan keessaa tokko jedhamee caqasameera. (Ezraa 8:19,24;Neemiyaa 10:11; 12.24።)
Hashaabyaa
Afaan OromooNama yeroo boojuu fi deebii jiraate yoo ta'u, yeroo jalqabaaf kan caqasame Izraa 8.19 irratti.