Aasaan mootii Yihudaa sadaffaa, ilma Abiyaa (yookiin 'Abiyaam') fi ilma ilma Rooboaam ture. Innis waggaa digdammaffaa mootii Israa'el Yoroboaam irraa jalqabee waggaa 41f moo'e. Aasaan waaqayyolii tolfamoo, warra saala dhiiraa kan waaqeffannaa fi bakkeewwan ol ka'oo Yihudaa irraa balleessuudhaan fuula Waaqayyoo duratti kan qajeelaa ta'e hojjete. Aayyoo isaa Ma'akaa bocaa Aasheeraa jibbisiisaa waaqeffatteef bakka haadha mootittii ishee irraa buuse. Aasaan waraana Zeraah Itoophiyaa isa mudate, garuu gara Waaqayyoo erga iyyatee booda gargaarsa Waaqayyootiin isa injifate. Waggoottan booda, Aasaan Waaqayyotti amanuu mannaa mootii Israa'el Ba'ashaa irratti mootii Sooriyaa Benhadaad irraa gargaarsa barbaade, fi isa ceephiseef raajicha Hanaanii jedhamu hidhe. Aasaan dhukkuba miilaa cimaa qabame, garuu gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne. Du'e, ilmi isaa Yoshaafaax isa bakka bu'e.
Asaa
AbiyaaAfaan OromooMootii Yihudaa yeroo mootummaan qoodameetti jiraate yoo ta'u, jalqaba kan dubbatame 1 Mootota 15.8 irratti.