Anaaniyaas Phaawuloos Yerusaalemitti yeroo qoratamaa turetti lullee lubootaa ture. Phaawuloos himata geggeessitoonni Yihudootaa isa irratti dhiheessan deebisuuf gara mana murtii (Saanihedriin) yeroo dhiyaate, Anaaniyaas qorannoo sana geggeesse. Phaawuloos yeroo of-eeguu isaa dhiheessu, Anaaniyaas warra Phaawuloos cinaa dhaabatan akka afaanitti isa rukutan ajaje. Phaawuloos Anaaniyaas lullee lubootaa ta'uu isaa osoo hin beekin, seera cabsee akka isa rukutan ajajuu isaatiif isa ceephose. Booda Phaawuloos dura bu'aa Feliiks duratti yeroo dhiyaate, Anaaniyaas maanguddoota muraasaa fi abbaa seeraa Tarxulloos jedhamu waliin ta'uudhaan, Phaawuloos nama jeequmsa uumuufi geggeessaa amantii Naazireetii jedhanii isa himatan.
Anaanyaas
Afaan OromooLullee lubootaa bara Kakuu Haaraa jiraate yoo ta'u, yeroo jalqabaatiif kan eerame Hojii Ergamootaa 23.2 irratti.