Agaag

Afaan Oromoo

Mootii Amaaleqaa yeroo mootummaan waloo ture jiraate yoo ta'u, yeroo jalqabaatiif 1Sa.15.8 irratti caqasame.

Agaag yeroo mootiin Israa'el Saa'ol bulchaa turetti mootii Amaaleqaa ture. Waaqayyo Saa'oliin Amaaleqaa akka haleeluufi Agaagiin dabalatee wantoota hundumaa guutummaatti akka balleessu ajaje. Saa'ol Amaaleqaa injifate, garuu Agaagiifi horii isaa warra filatamoo hambise. Raajichi Saamuʼeel Saa'oliin ajajamuu dhabuu isaatiif isa ceepha'eefi Waaqayyo mootummaa isaarraa isa buusuu isaa itti hime. Achiis Saamuʼeel Agaagiin waamee “fuula Waaqayyoo duratti isa ciccire.” (1ffaa Saamu'eel 15:8,9,20,32,33) Kitaabni Asteer diinni Yihudootaa kan ture Haamaan Agaagaawii akka ture ibsa; kunis sanyii Agaag Amaaleqaa ta'uu akka danda'u argisiisa. (Ester 3:1,10; 8.3,5; 9.24)።