Zakaariyaas 7

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota3:27 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:27 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Daariyos mo'ee waggaa afuraffaatti, waggicha keessaa ji'a salgaffaa isa “Kisluu” jedhamutti, ji'icha keessaa guyyaa afuraffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo gara Zakaariyaas in dhufe;

2warri Bet'el, Shaarezerii fi Regiim-Melekin namoota isaanii wajjin Waaqayyoon araara akka kadhataniif,

3“Waggoota baay'eedhaaf gochaa akkuma turre, ji'a shanaffaatti boo'uun, soomuunis nuuf ta'a moo?” jedhanii, luboota mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo gooftaa maccaa fi raajota akka gaafataniif in ergan.

4Ammas dubbiin Waaqayyo gooftaa maccaa gara koo dhufee,

5“Namoota biyyichaa hundumaa fi lubootaan,“Waggaa torbaatama darban keessa ji'a shanaffaatti, ji'a torbaffaattis soomaa, boo'aas yommuu turtan dhugumaan anaaf jettanii soomtanii ree”

6Nyaachaa dhugaas yommuu turtan sana ofuma keessaniif nyaachaa, dhugaas turtan mitii ree”

7Wanti kun isa ani Waaqayyo karaa raajota warra durii dubbadhee turee dha; yeroo sanatti Yerusaalemii fi mandaroota naannoo ishee turan keessa namoonni in baay'atan, hundumti isaaniis nagaatti jiraachaa turan; akkasumas biyya gara mirgaa fi biyya gaaraa keessa namoonni jiraachaa turan mitii ree?” jedhii gaafadhu!” naan jedhe.

8Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo gara Zakaariyaas in dhufe;

9Waaqayyo gooftaan maccaa,“Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi oo'a argisiisaa!

10Haadha hiyyeessaa, ijoollee abbaan irra hin jirre, galaa, rakkataas hin cunqursinaa! Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!” jedhe.

11Isaan garuu dhaga'uu didanii, dugda itti gatanii, gurra isaaniis in cuqqaallatan;

12isaan garaa isaanii akka dhagaa almaazii waan jabeessaniif, dubbii Waaqayyo gooftaan maccaa hafuura isaatiin karaa raajota durii isaanitti himeef abboommii isaa hin dhageenye; kanaaf dheekkamsi Waaqayyo gooftaa maccaa inni guddaan isaanitti dhufe.

13Kana irratti Waaqayyo gooftaan maccaa,“Yommuun isaan waame, isaan anaaf dhaga'uu waan didaniif, anis immoo, yommuu isaan ana waammatan isaaniif hin dhaga'u” jedha.

14Ani biyya saba warra kaanii hundumaa lafa isaan itti galaa ta'an keessa bubbee isaan bittimsu isaanitti nan erge; biyyichis erga isaan keessaa ba'anii onaa in ta'e, namni tokko illee keessaa hin ba'u, ittis hin galu; isaan akkasitti biyya gaarii kana onsan.

Ibsa

7:1-7 Yoo dhugumaan fedha Waaqayyoo dhimmoota shakkisiisoo keessatti beekuu barbaanne, jecha isaa fi tajaajiltoota isaa qofa utuu hin taane mari'achuu qabna, garuu kadhannaa cimaadhaan qajeelfama isaa barbaaduu qabna. Warri yaada Waaqayyoo beekuu barbaadan tajaajiltoota Waaqayyoo mari'achuu qabu; akkasumas, dhimmoota shakkisiisoo keessatti, hojiin isaanii addaa Caaffata Qulqullaa'oo qorachuu ta'e irraa gorsa gaafachuu qabu. Yihuudonni magaalaa fi mana qulqullummaa xumuramuuf deemuu isaanii arginaan, sooma isaanii itti fufuu qabuu dhiisuu isaanii gaafachuutti fakkaatu turan. Deebiin duraa gaaffii isaaniitiif akeekkachiisa cimaa fakkeessitummaa ti. Soomni kun Waaqayyoof fudhatama hin qabu turan, akkaataa fooyya'aadhaan, fi kaayyoo fooyya'aadhaaf yoo hin eegamne ta'e malee. Bifni dirqamaa jira ture, garuu jireenyi, yookiin lubbuun, yookiin humna isaa keessa hin turre.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በንጉሡም በዳርዮስ በአራተኛው ዓመት ካሴሉ በሚባል በዘጠነኛው ወር በአራተኛው ቀን የእግዚአብሔር ቃል ወደ ዘካርያስ መጣ። አማርኛ ENGNIV In the fourth year of King Darius, the word of the Lord came to Zechariah on the fourth day of the ninth month, the mon… English BCV ዳርዮስ ምስ ነገሰ ኣብ ራብዓይ ዓመቱ፥ ካሴሉ ብዝበሃል ታሽዓይ ወርሒ፥ ብራብዐይቲ መዓልቲ ኸምዙይ ዝብል ቃል እግዚኣብሄር ናብ ዘካርያስ መፀ። ትግርኛ GAZBIB Daariyos mo'ee waggaa afuraffaatti, waggicha keessaa ji'a salgaffaa isa “Kisluu” jedhamutti, ji'icha keessaa guyyaa afu… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ በራብዕ ዓመተ መንግሥቱ ለዳርዮስ ንጉሥ ኮነ ቃለ እግዚአብሔር ኀበ ዘካርያስ አመ ረቡዑ ለሠርቀ ታስዕ ወርኅ ወወርኁ ወርኅ ካሴል። giz BCV aksum ዳርዮስ ምስ ነገሰ ኣብ ራብዓይ ዓመቱ፥ ካሴሉ ብዝበሃል ታሽዓይ ወርሒ፥ ብራብዐይቲ መዓልቲ ኸምዙይ ዝብል ቃል እግዚኣብሄር ናብ ዘካርያስ መፀ። ትግርኛ AMHNIV ዳርዮስ በነገሠ በአራተኛው ዓመት፣ ካሴሉ በተባለው በዘጠነኛው ወር፣ በአራተኛው ቀን የእግዚአብሔር ቃል ወደ ዘካርያስ እንዲህ ሲል መጣ፤ አማርኛ SWAHSUV Ikawa katika mwaka wa nne wa mfalme Dario, neno la Bwana lilimjia Zekaria, siku ya nne ya mwezi wa kenda, yaani, Kisleu. Kiswahili