Tiitoos 3

GAZGAZAfaan Oromoo15 Keeyyattoota2:33 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:33 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa'oo ta'uu isaan yaadachiisi!

2Isaan maqaa nama tokko illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta'anii, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina haa argisiisan!

3Nuyis takka wallaalota, warra hin abboomamne, warra karaa irraa goran, garba kajeellaa fi hawwa garaa garaa isa foon gammachiisu, warra guyyoota keenya hamminaa fi hinaaffaadhaan dabarsine, namoota biratti jibbamne, walii keenyas jibbaa turree dha.

4Garuu gaarummaanii fi jaalalli Waaqayyo fayyisaan keenya ittiin nama jaallate yeroo isaatti in mul'ate.

5Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise.

6Hafuurichis isa inni karaa Yesus Kristos fayyisaa keenyaa arjummaadhaan nu irratti dhangalaasee dha.

7Waaqayyo, ayyaana Kristosiin qajeelotatti lakkaa'amnee, abdiidhaan jireenya bara baraa akka argannuuf kana nuuf godhe.

8Dubbiin kun amanamaa dha; warri Waaqayyotti amanan hojii gaariitti qabamuudhaaf akka dhimmaniif, dubbii kana cimsitee akka qabdu nan barbaada; dubbiin kun namaaf ba'eessa, dhimmas in baasaaf.

9Waliin morkiin gowwootaa, hidda dhalootaa lakkaa'uun, wal loluun, waa'ee seeraa irratti wal qoccoluun garuu, waa'ee hin baasu, gatiis hin qabu; kanaafis irraa fagaadhu!

10Nama barsiisichaan mormee akka yaada isaatti cabsatu immoo, ala tokko, ala lamas erga gorsitee booddee dhiisi!

11Namni akkasii waan hundumaa irraa jal'atee cubbuu hojjechuu isaa, nama ofii isaatii ofitti farade ta'uu isaas beeki!

12Ganna Niqopholiisin ba'uudhaaf murtoo waanan godheef, yeroo ani Arxemaasin yookiis Xikiqoosin gara keetti ergu, ariitiidhaan achitti ana bira dhufuuf dhama'i!

13Zenaas isa seera-beekaa sanaa fi Apholosin, akka isaan waan tokko illee hin dhabnetti hamma siif danda'ametti gargaarii karaa irra buusi!

14Namoonni keenya copha-hinqabne ta'uu dhiisanii, wanta cimsee barbaachisu gargaaruu akka danda'anitti, hojii gaarii hojjechuudhaaf of kennuu haa baran!

15Warri anaa wajjin jiran hundinuu nagaa siif dhaamu; amantiidhaan warra nu jaallatanitti nagaa nuuf himi! Ayyaanni hunduma keessanii wajjin haa ta'u.

Ibsa

3:1-7

Mirgootni hafuuraa dirqamoota lammummaa hin diigan yookaan hin laaffisan, garuu ni mirkaneessu. Dubbiin gaarii fi hiikni gaarii hojii gaarii malee gahaa miti. Namoota wajjin wal hin lolan, garuu yeroo hundumaa, firoota isaanii qofaatti osoo hin taane, nama hundumaaf laafina hafuuraa argisiisuu qabu, ta'us ogummaa wajjin, Yaaqoob 3:13. Akkasumas barreeffamni kun Kiristaanni warra hamaa, dadhaboo fi salphoo ta'aniif hiddiidaa ta'uun hammam dogoggora akka ta'e nu haa barsiisu.

Hojjetoonni cubbuu gooftolii baay'ee qabu; fedhiin isaanii gara gara isaan ariisa; ofittummaan waan tokko ajaja, sassatnis waan biraa. Kanaaf isaan jibbamoo fi jibbamuu kan qabanidha. Wal jibbuun dhiphina cubbamootaa yoo ta'u, wal jaalachuun immoo dirqamaa fi gammachuu qulqullootaa ti.

Akkasumas haala keenya isa gidiraa keessaa kan bilisa baane, arjummaa fi ayyaana Waaqayyoo isa bilisaa qofaan, qajeelummaa fi dhiphina Kiristoosii, akkasumas hojii Hafuura isaa tiinidha. Waaqayyo Abbaan Waaqayyo Fayyisaa keenya. Inni madda Hafuurri Qulqulluun uumama isaa isa kufe barsiisuuf, deebi'ina dhalootaa isaaf kennuuf, fi fayyisuuf keessaa burqudha; akkasumas eebbi kun Kiristoosiin namootaaf dhufa. Maddi fi jalqabni isaa gaarummaa fi jaalala Waaqayyoo namaaf qabu dha. Jaalalli fi ayyaanichi, Hafuurichaan, garaa gara Waaqayyootti geeddaruufii fi deebisuuf humna guddaa qabu.

Hojiin warra fayyan keessa jiraachuu qaba, garuu sababoota fayyina isaanii keessaa hin jiru. Bu'uurri ayyaanaa fi qulqullina haaraan hojjetama, inni nama tokko bulcha, to'ata, akkasumas uumama haaraa isa taasisa. Baay'een isaanii dhuma irratti jannata argachuu akka barbaadan fakkeessu, haa ta'u malee yeroo ammaatti qulqullinaaf hin dhimman; jalqaba malee dhuma barbaadu. Mallattoo fi cicha isaa alaa cuuphaa keessa jira, kanaafuu dhiqannaa deebi'ina dhalootaa jedhama. Hojiin sun keessaatii fi hafuuraa dha; kun immoo alaan sagantaa kana keessatti agarsiifamaa fi cichama.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6