Mul'ata 5

GAZBIBAfaan Oromoo14 Keeyyattoota3:45 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:45 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus ani mirga isa teessoo irra taa'e sanaatti macaafa maramee taa'u tokko nan arge; macaafichis keessaa fi duubaan caafamee, erga cufamee immoo mallattoo torbaan mallateeffamee ture.

2Ergamaa aango-qabeessa sagalee isaa dhageessisee, ?Mallattoo macaafichi ittiin cufame irraa kute macaaficha banuudhaaf kan male eenyu?? jedhee labsu tokkos nan arge.

3Waaqa keessaa, lafa irraa, lafa jalaas tokko illee macaaficha banee keessa isaa ilaaluu hin dandeenye.

4Tokko illee macaaficha banee, keessa isaa ilaaluuf kan male waan hin argaminiif, baay'isee nan boo'e.

5Maanguddoota keessaa inni tokko immoo, ?Hin boo'in! Kunoo, leencichi gosa Yihudaa, hidda Daawit keessaa ka'ee mo'eera, inni mallattoo sana torban kutee macaaficha banuu in danda'a? naan jedhe.

6Teessicha duras uumama lubbuu qaban arfanii fi maanguddoota gidduu hoolaa waan qalame fakkaatee dhaabatu tokko nan arge. Hoolichi gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; isaan torban kun hafuurota Waaqayyoof hojjechuudhaaf guutummaa biyya lafaatti ergamanii dha.

7Hoolichi yeroo sanatti dhaqee harka mirgaa isa teessoo irra taa'ee jiru keessaa macaaficha fudhate.

8Yommuu inni macaaficha fudhates uumamni lubbuu qaban arfan, maanguddoonni digdamii arfanis hoolicha duratti in gombifaman. Adda addaan kiraaraa fi qodaa ixaana itti aarsan, isa warqee irraa hojjetame of harkaa qabu; ixaanni qodicha keessa guutee ture; innis kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii ti.

9Isaan faarfannaa haaraa yommuu faarfatan, ?Ati macaaficha fudhachuudhaaf, mallattoo isaas banuudhaaf kan maltee dha; ati ofii keetii qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas, namoota dhiiga keetiin Waaqayyoof bitte.

10Waaqayyo keenyaaf mootummaadhaaf, luboota isaas akka ta'an isaan godhatte, isaanis lafa irratti mo'uuf jiru? jedhan.

11Kana booddee ani ergamoota baay'ee teessichatti, uumama lubbuu qaban sanatti, maanguddoota sanattis naanna'an nan arge; lakkoobsi isaaniis kumaatama, kuma kumaatamaas ture; sagalee isaaniis nan dhaga'e.

12Isaan sagalee guddaadhaan, ?Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee dha? jedhan.

13Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, ?Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!? jechuu isaanii nan dhaga'e.

14Uumamni lubbuu qaban arfanis, ?Ameen!? jedhan; maanguddoonnis gombifamanii sagadan.

Ibsa

5:1-7 Ergamaan, Teessoo irra kan taa’e harka isaa keessa, marqaa waraqaa yeroo sanaa keessa akka baratameetti tolchamee, akkasumas mallattoo torbaan kan cufame arge. Kunis kaayyoo Waaqayyoo isa dhoksaa mul’ifamuuf jiru bakka bu’a ture. Karoorriifi adeemsi Qophii Waaqayyoo gara waldaa fi addunyaatti ibsamaniiru, murtaa'aniiru, akkasumas galmeeffamaniiru. Gorsi Waaqayyoo ijaafi hubannaa uumamaa irraa guutummaatti dhoksaa dha. Kutaan garaagaraa yeroo tokkoon hin saaqamne, hin banamne, garuu wal booda booda, hamma iccitii gorsaafi adeemsa Waaqayyoo hundumtuu addunyaa keessatti xumuramuutti. Uumamoonni isaa banuu, yookiin dubbisuu hin danda'an; Gooftaan qofti akkas gochuu danda'a.

Isaan Waaqayyoon baay'ee argan, baay'ee caalaa arguu fedhu; warri ulfina isaa arganis fedha isaa beekuu barbaadu. Garuu namoonni gaariinillee iccitii adeemsa Waaqayyoo keessa ilaaluuf baay'ee ariifatoo fi dhedheeroo ta'uu danda'u. Fedhiin akkasii, yoo dafii deebii hin argin, gaddaa fi boo'ichaatti jijjiirama. Yohannis kitaaba murtoo Waaqayyoo keessa ilaaluu waan hin dandeenyeef baay'ee yoo boo'e, namoonni hedduun beekumsa wangeela Kiristoos isa irra fayyinni bara baraa hundaa'e dhabuu isaaniitiif sababii akkamii irraa kan ka'e imimmaan burraaqsuu qabu! Nuti addunyaa kana keessatti wantoota fuulduraa nu ilaallatan dursinee arguu dhabuu keenyaaf boo'uu hin qabnu; abdiin wantoota fuulduraa hawwii guddaan eeguun yookiin balaawwan fuulduraa dursinee beekuun lachanuu hojiiwwaniifi loloota yeroo ammaatiif nu hin mijeessan, yookiin guyyoota keenya milkaa'oo ta'an gaddisiisoo taasisu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዙፋኑ ላይም በተቀመጠው በቀኝ እጁ ላይ በውስጥና በኋላ የተጻፈበት በሰባትም ማኅተም የተዘጋ መጽሐፍን አየሁ። አማርኛ ENGNIV Then I saw in the right hand of him who sat on the throne a scroll with writing on both sides and sealed with seven sea… English BCV ኣብ የማን እቲ ኣብ ዙፋን ተቐሚጡ ዘሎ ድማ፥ ብውሽጡን ብደገኡን ዝተፅሓፈ፥ ብሸውዓተ ማሕተም ዝተሓትመ፥ ጥቕሉል መፅሓፍ ረአኹ። ትግርኛ BCV GIZ ወእምዝ ርኢኩ ውስተ የማኑ ለውእቱ ዘይነብር ዲበ መንበር መጽሐፈ ጽሕፍተ እንተ ውስጣ ወእንተ አፍኣሃ ወኅትምት በሰብዐቱ ማኅተም። giz GAZGAZ Yommus ani mirga isa teessoo irra taa'e sanaatti macaafa maramee taa'u tokko nan arge; macaafichis keessaa fi duubaan c… Afaan Oromoo BCV aksum ኣብ የማን እቲ ኣብ ዙፋን ተቐሚጡ ዘሎ ድማ፥ ብውሽጡን ብደገኡን ዝተፅሓፈ፥ ብሸውዓተ ማሕተም ዝተሓትመ፥ ጥቕሉል መፅሓፍ ረአኹ። ትግርኛ AMHNIV በዙፋኑ ላይ የተቀመጠው በውስጥና በውጭ በኩል የተጻፈበት፣ በሰባት ማኅተም የታሸገ ጥቅልል መጽሐፍ በቀኝ እጁ ይዞ አየሁ። አማርኛ SWAHSUV Kisha nikaona katika mkono wa kuume wake yeye aliyeketi juu ya kile kiti cha enzi kitabu kilichoandikwa ndani na nyuma,… Kiswahili