Mul'ata 17

GAZBIBAfaan Oromoo18 Keeyyattoota4:24 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:24 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee ergamoota torban waciitii torba qaban sana keessaa inni tokko dhufee anatti dubbatee, ?Kottu! Firdii ejjituu ishee guddittii, mandara bishaanota baay'ee irratti ijaaramte sanaa, sitti nan argisiisaa!

2Mootonni biyya lafaa kanaa ishee wajjin ejjaniiru, daadhii waynii halalummaa isheetiinis warri lafa irra jiraatan machaa'aniiru? jedhe.

3Hafuuraanis ol na fuudhee gara lafa onaatti na geesse; achittis dubartii bineensa bildiimaa tokko irra teessu nan arge. Maqaan ulfinaa, Waaqayyoon arrabsuudhaaf kennaman isa irra guutanii turan; innis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.

4Dubartittiin uffata dhiilgee, diimaa biluus uffattee, warqee, dhagaa fi callee gati-jabeeyyii naqattee, kubbayyaa warqee wanta ciiggaasisaadhaa fi xuraa'ummaa halalummaa isheetiin guute, harkatti qabattee turte.

5Maqaan dhokataan, ?Baabilon guddittii, haadha ejjitootaa fi wanta ciiggaasisaa biyya lafaa? jedhu tokko immoo adda isheetti caafamee ture.

6Akkasumas dubartittiin dhiiga warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitiin, dhiiga warra Yesusiif dhugaa ba'uu isaaniitiif ajjeefamaniitiinis machooftee nan arge; yeroon ishee arges guddisee nan dinqisiifadhe.

7Garuu ergamichi anaan, ?Maaliif dinqisiifatta? Dhoksaa dubartittii, kan bineensicha ishee baatuu, isa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabuu, sitti himuufan jira.

8Bineensi ati argite sun, takka jiraataa ture, amma immoo hin jiru; iddoo lafa jalaa keessaa ol ba'uuf jira, booddee immoo gara badiisaa in dhaqa. Sababii inni takka jiraataa turee, amma immoo hin jirreef, deebi'ee immoo argamuuf jiruuf, warri biyya lafaa irra jiraatan, warri uumamuu biyya lafaatii jalqabee maqaan isaanii macaafa warra jireenya argachuuf jiranii keessatti hin caafamin, bineensicha arganii raajeffachuuf jiru.

9?Kun sammuu ogummaa qabu in barbaada; mataan torban tulloota torban dubartittiin irra teessuu dha; akkasumas mataan torban mootota torba.

10Isaan keessaa shan kufaniiru, tokko jira, inni tokko immoo amma illee hin kaane; yommuu ka'u immoo yeroo gabaabduu duwwaadhaaf turuun isa irra jira.

11Bineensichi inni takka jiraataa ture amma hin jirre immoo, saddeetaffaa dha; garuu warruma torban sana keessa ture, inni gara badiisaa in dhaqa.

12Gaanfonni kurnan ati argite immoo, mootota kudhan warra kanaan dura mootummaa hin fudhatinii dha; garuu isaan bineensichaa wajjin sa'aatii tokkittiidhaaf akka moototaatti aboo fudhachuudhaaf jedhu.

13Isaan kun yaada tokkicha qabu, humna isaanii fi aboo isaanii dabarsanii bineensichatti in kennu.

14Isaan hoolichatti lola in kaasu; hoolichi garuu gooftaa gooftotaa, mootii moototaas waan ta'eef, isaan in mo'a; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra fo'aman, warra amanamanii dhas? jedhe.

15Itti dabalees ergamichi anaan, ?Bishaanonni ati iddoo isheen ejjituun teessutti argite immoo, nama baay'ee dha, tuuta baay'ee dha, saba baay'ee dha afaan baay'ee dhas.

16Gaanfonni kurnan ati argite, bineensichis ishee ejjituu sana jibbuuf jiru; isaan onsanii qullaatti ishee in hambisu; isaan foon ishee in nyaatu, ibiddaanis ishee in gubu.

17Isaan hamma dubbiin Waaqayyoo raawwatamutti warra yaada tokko ta'uudhaan, mootummaa isaanii dabarsanii bineensichatti kennuudhaanis, akeeka Waaqayyoo hojii irra akka oolchaniif, inni kana garaa isaanii keessa kaa'eera.

18Dubartittiin ati argite immoo, mandara guddittii ishee mootota lafaa irratti mootummaa qabduu dha? jedhe.

Ibsa

17:1-6

Boqonnaa kana keessatti Roomaan ifatti akka akeekamte ni mul'ata. Roomaan Waaqolii Malee Jiraattuun humna waraanaa dhaan cabsitee bulchite malee, tooftaa fi haasawa mi'aawaa dhaan miti. Saboota hundumaa akkaataa walii galaatti aadaa fi waaqeffannaa durii isaaniitti isaan dhiiste. Haa ta'u malee, akka beekamutti, karoora ogeessummaa fi siyaasaa qabutti fayyadamtee, akkasumas gowwoomsaa jal'inaa adda addaa hundaan, Roomaan Phaaphaasii (phaaphaasii) moototaa fi saboota irratti bulchiinsa ishee argattee qabattee jirti. Asitti fedha namummaa fi yaada lafaa wajjin kan walsiman ulfinaa fi qabeenya addunyaa, akkasumas faayaa fi oftuulummaa harkistoonni turan. Badhaadhinni, faayni fi bareedinni oftuulummaa fi fedha foonii garaa namaa ni sooru; garuu adabbii Waaqayyoo jalaa nama hin baasan. Kophii warqii sun harkistootaa fi gowwoomsoota Baabiloniin icciitii taate kun humna ishee ittiin argattee eeggatte, akkasumas warra kaan waan jibbisiisaa ishee wajjin akka walitti makaman ittiin gowwoomsite argisiisa. Gochaawwan ishee salphoo irraa ka'uudhaan, haadha ejjituu jedhamtee waamamuun, isaan gara waaqolii tolfamoo fi jal'ina hundumaatti leenjiftee jirti. Dhiiga qulqullootaa fi wareegamtoota Yesuusin of guutte. Dhiiga kanaan of machoomsite; dhiigni sun baay'ee isheetti kan toluuf, matumaa hin quufne. Namoonni Kiristaanota jedhaman dhiiga Kiristaanaa baay'ee dhangalaasuu isaaniitti dinqifachuu malee hin hafnu; ta'us, yeroo raajiiwwan kana ilaallu, hojiiwwan suukaneessoon kun dhugaa wangeelaaf dhugaa bahu. Namni hundinuu amantii miidhagaa, bu'aa qabeessa yookiin jaallatamaa irraa haa eeggatu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ሰባቱንም ጽዋዎች ከያዙ ከሰባቱ መላእክት አንዱ መጥቶ፦ “ና በብዙም ውኃዎች ላይ የተቀመጠችውን የታላቂቱን ጋለሞታ ፍርድ አሳይሃለሁ፤ አማርኛ ENGNIV One of the seven angels who had the seven bowls came and said to me, “Come, I will show you the punishment of the great… English BCV ካብቶም ሸውዓተ ፅዋዓት ዝሓዙ ሸውዓተ መላእኽቲ፥ እቲ ሓደ ናባይ መፂኡ፦ “ፍርዲ፥ እታ ኣብ ልዕሊ ብዙሕ ማያት ተቐሚጣ ዘላ ዓባይ ኣመንዝራ፥ ከርእየካ ነዓ፤ ትግርኛ BCV GIZ ወመጽአ አሐዱ እምነ እልክቱ ሰብዐቱ መላእክት እለ ይጸውሩ ሰብዐተ ጽዋዓተ፣ ወይቤለኒ፦ “ነዓ አርኢከ ደይና ለእንታክቲ ዘማ ዐባይ እንተ ትነብር ውስተ ማያት ብዙኅ። giz GAZGAZ Kana booddee ergamoota torban waciitii torba qaban sana keessaa inni tokko dhufee anatti dubbatee, ?Kottu! Firdii ejjit… Afaan Oromoo BCV aksum ካብቶም ሸውዓተ ፅዋዓት ዝሓዙ ሸውዓተ መላእኽቲ፥ እቲ ሓደ ናባይ መፂኡ፦ “ፍርዲ፥ እታ ኣብ ልዕሊ ብዙሕ ማያት ተቐሚጣ ዘላ ዓባይ ኣመንዝራ፥ ከርእየካ ነዓ፤ ትግርኛ AMHNIV ሰባቱን ጽዋዎች ከያዙት ከሰባቱ መላእክት አንዱ መጥቶ እንዲህ አለኝ፤ “ና፤ በብዙ ውሆች ላይ የተቀመጠችውን የታላቂቱን አመንዝራ ፍርድ አሳይሃለሁ። አማርኛ SWAHSUV Akaja mmoja wa wale malaika saba, wenye vile vitasa saba, akanena nami, akisema, Njoo huku, nitakuonyesha hukumu ya yul… Kiswahili