Mul'ata 15

GAZGAZAfaan Oromoo8 Keeyyattoota2:26 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:26 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddees milikkita guddaadhaa fi dinqisiisaa biraa tokko, waaqa keessatti nan arge; innis ergamoota torba warra dha'icha gara dhumaa torban of harkaa qaban ture; dheekkamsi Waaqayyoo isaan kanaan waan dhaabatuuf, dha'icha gara dhumaa jedhaman.

2Ergasii ani wanta akka galaana dhoqqee of ilaalee ibiddaan makaa irraa hojjetame tokko nan arge. Akkasumas warri bineensicha, bifa fakkeenya bineensichaa, lakkoobsa maqaa isaatiif dhaabatu irrattis mo'icha argatan, kiraara isa kan Waaqayyoo harka isaaniitti qabatanii, wanta akka galaana dhoqqee of ilaalee sana bukkee dhaabatanii nan arge.

3Isaan faarfannaa Musee garbicha Waaqayyoo, faarfannaa hoolichaas in faarfatu, ?Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas!

4Yaa gooftaa! Namni si hin sodaanne, maqaa kees kan hin guddifne eenyu? Si duwwaatu qulqulluu dha; sabni hundinuu in dhufu, siifis in sagadu; gochaan kee inni qajeelaan mul'ifameera!? in jedhu.

5Kana booddees waan biraa nan arge; manni qulqullummaa inni waaqa irraa, dunkaanni dhuga-baatuu in baname;

6ergamoonni torbas uffata calaqqisaa quncee muka talbaa qullaa'aa irraa hojjetame uffatanii, qoma isaaniis hidhata warqeetiin hidhatanii, dha'icha torban sana of harkatti qabatanii, mana qulqullummaa sana keessaa in ba'an.

7Uumama lubbuu qaban arfan keessaa inni tokko, waciitii warqee irraa hojjetaman torba, dheekkamsi Waaqayyoo isa bara baraan jiraatu akka keessa guutetti, ergamoota torbaniif kenne.

8Manni qulqullummaa sunis guddina Waaqayyoof aangoo isaa irraa kan ka'e aaraan in guute; hamma yeroo dha'ichi torban ergamoonni torban fidan sun raawwatamettis, eenyu illee mana qulqullummaa sana lixuu hin dandeenye.

Ibsa

15:1-4

Ergamoonni torba samii keessatti mul'atan; Kiristoos fakkii balleessuu xumuruuf qophaa'anii turan. Akka safarri cubbuu Baabilon guutame, safara guutuu dallansuu Waaqayyoo argata. Amantoonni addunyaa kana keessa yeroo rakkinaa jiranitti, akka galaana calaqqisaa ibiddaan makaa irra jiranitti, bilisummaa isaanii isa dhumaa eeggachuu danda'u, yeroo garaa laafinni haaraan faarfannaa haaraa galataaf kaasu. Hojiiwwan dinqisiisoo Waaqayyoo beekaa deemnaan, ulfinna Isaa sana caalaa jajanna, akka Gooftaa Waaqayyo Hunda Danda'aa, Uumaa fi Abbaa Bulaa addunyaawwan hundaati; garuu maqaan Isaa Amaanu'eel jedhamu, Mootii qulqullootaa, isa nuuf jaallatamaa godha. Eenyutu humna dallansuu Waaqayyoo, gatii jaalala Isaa, yookaan ulfina qulqullina Isaa kan ilaalu, Isa qofa sodaachuu fi kabajuu dida? Galanni Isaa samii fi lafa caalaa jira.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ሌላም ታላቅና ድንቅ ምልክት በሰማይ አየሁ፤ የእግዚአብሔር ቍጣ በእነርሱ ስለሚፈጸም ኋለኛዎቹን ሰባት መቅሠፍቶች የያዙ ሰባት መላእክት ታዩ። አማርኛ ENGNIV I saw in heaven another great and marvelous sign: seven angels with the seven last plagues–last, because with them God'… English BCV ሽዑ ኻልእ ዓቢይን ዘገርም ምልክትን፥ ኣብ ሰማይ ረአኹ፤ ቍጥዓ እግዚኣብሄር ብኣኣቶም ስለ ዝፍፀም፥ ነቶም ዳሕረዎት ሸውዓተ መቕሰፍትታት ዝሓዙ፥ ሸውዓተ መላእኽቲ ተርኣዩ። ትግርኛ GAZBIB Kana booddees milikkita guddaadhaa fi dinqisiisaa biraa tokko, waaqa keessatti nan arge; innis ergamoota torba warra dh… Afaan Oromoo BCV GIZ ወአስተርአየ ተአምር ዐቢይ በሰማይ ሰብዐቱ መላእክት እለ ይጸውሩ ሰብዐተ መቅሠፍተ በዘቦቱ የኀልቅ መዓቱ ለእግዚአብሔር። giz AMHNIV ሌላም ታላቅና አስደናቂ ምልክት በሰማይ አየሁ፤ የመጨረሻዎቹን ሰባት መቅሠፍቶች የያዙ ሰባት መላእክት አየሁ፤ የመጨረሻ የተባሉትም የእግዚአብሔር ቊጣ የሚፈጸመው በእርሱ በመሆኑ ነው። አማርኛ SWAHSUV Kisha nikaona ishara nyingine katika mbingu, iliyo kubwa, na ya ajabu; malaika saba wenye mapigo saba ya mwisho; maana … Kiswahili ENGESV Then I saw another sign in heaven, great and amazing, seven angels with seven plagues, which are the last, for with the… English