1Waaqayyo mootii dha, sababii kanaaf sabni hundinuu in rom'a! Inni teessoo isaa isa Kiruubel baatan irra jira, sababii kanaaf lafti in socho'a!
2Waaqayyo Xiyoonitti guddaa dha, inni saba hundumaa irratti ol jedhaa dha.
3Maqaa kee isa guddaadhaa fi isa sodaatamaadhaafis galata haa galchan! Inni dhuguma qulqulluu dha!
4Aangoon mootichaa, wanta dhugaa ta'e in jaallata; ati wanta qajeelaa ta'e jabeessitee dhaabdeetta, dhugaan, qajeelummaanis Yaaqoob keessatti akka argamu gooteetta.
5Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, ejjeta miilla isaa jalatti isaaf sagadaa! Inni dhuguma qulqulluu dha!
6Museenii fi Aaron luboota isaa keessa turan; Saamu'elis immoo warra maqaa isaa waammatan keessaa tokko ture; isaan Waaqayyoon waammatan, innis isaaniif deebise.
7Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate, isaan immoo abboommii isaaf dhugaa ba'u, seerrata inni isaaniif kennes eeganiiru.
8Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, ati deebii isaaniif kennite; Waaqayyo isa isaaniif dhiisu, hojii isaanii irrattis isa haala isaanitti ba'u taateettaaf.
9Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, Waaqayyo gooftaan keenya qulqulluu dha; tulluu isaa isa qulqullaa'aa irratti isaaf sagadaa!