1Waaqayyo walga'ii waaqaa keessa in dhaabata, waaqayyolii gidduuttis inni firdii in dabarsa.
2Inni,“Isin hamma yoomiitti jal'inaan faraddu” Hamma yoomiittis warra jal'ootaaf loogdu”
3Warra dadhaboo fi warra abbaan irra hin jirreef dhugaa baasaaf, warra gadadamoo fi warra homaa hin qabne qajeeltootti ilaalaa!
4Warra dadhaboo fi warra waan barbaachisaa dhaban furaa, harka warra jal'ootaa keessaas isaan oolchaa!” in jedha.
5Isaan beekumsa yookiis hubannaa hin qaban, dukkana keessa in deddeebi'u; hundeen lafaa hundinuu raafamaa dha!
6Ani illee, “ ‘Isin waaqayyolii dha, isin hundumti keessan ilmaan isa hundumaa gara irraa jiruu ti” jedhee dubbadheera.
7Haa ta'u iyyuu malee, isin akka namootaa in duutu, warra gurguddoota keessaa akkuma isa tokkoos in kuftu” jedhe.
8Saba hundumaa kan kee waan godhatteef, ka'i yaa Waaqayyo, biyya lafaaf firdii kenni!