1Yaa warra waaqa irraa, Waaqayyoof ulfina dhi'eessaa! Aangoo Waaqayyoos beeksisaa!
2Ulfina maqaa isaatiif ta'u Waaqayyoof dhi'eessaa! Qulqullummaa akka mi'a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa!
3Sagaleen Waaqayyoo galaana irraa in dhaga'ama, Waaqayyo inni ulfina-qabeessi in kakawweessa'a; inni galaana gurguddaa irrattis waaqayyummaa isaa in argisiisa.
4Sagaleen Waaqayyoo humnaan in dhaga'ama; sagaleen Waaqayyoo surraadhaan in sochoosa.
5Sagaleen Waaqayyoo muka gaatiraa in caccabsa; Waaqayyo muka gaatiraa tulloota Libaanon in caccabsa.
6Inni tulloota Libaanon akka jabbii, tulluu Siiriyonis akka dibicha gafarsaa in burraaqsisa.
7Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa akka ibiddaa in finiinsa;
8sagaleen Waaqayyoo lafa duwwaa in sochoosa, Waaqayyo lafa duwwaa isa kan Qaadesh in sochoosa.
9Sagaleen Waaqayyoo qilxuu of irra in naannessa, mukeetii caakkaa irraas baalaa fi damee in cira; mana qulqullummaa isaa keessatti immoo hundinuu hooqubaa in dhi'eessu.
10Waaqayyo bishaan badiisaa gara irraa iyyuu taa'eera; Waaqayyo bara baraan mootii ta'ee teessoo irra in taa'a.
11Waaqayyo saba isaatiif jabina haa kennu; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan haa eebbisu!