1Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree” Waaqayyo da'oo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree”
2Warri hamaa hojjetan ana nyaachuuf yommuu anatti dhi'aatan, warri na cunqursanii fi warri diina kootii ana irratti yommuu ka'an, ofuma isaaniitii gufatanii in kufu.
3Duulli na marsee yoo buufate iyyuu, garaan koo hin sodaatu; lolli yoo anatti ka'e iyyuu, ani hin shakku.
4Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.
5Inni guyyaa wanti hamaan ana irra ga'utti mana isaa keessa na kaa'ata, suuqa godoo isaa keessa na dhoksa, nagaattis kattaatti ol na baasa.
6Ammas diinota naannoo koo jiran irratti mataan koo ol in jedha, anis sagalee gammachuu dhageessisaa, godoo isaa keessatti qalma nan dhi'eessa; faarfannaadhaan Waaqayyoon nan faarfadha, sagalee mi'a faarfannaa garaa garaas nan dhageessisa.
7Yaa Waaqayyo, sagalee ani ittiin si waammadhu anaaf dhaga'i! Araara anatti argisiisi, kadhata koos anaaf dhaggeeffadhu!
8Ati,“Fuula koo barbaaddadhu!” akka jette, yaadni garaa koo anatti in hima; ammas ani fuula kee nan barbaaddadha, yaa Waaqayyo.
9Fuula kee ana duraa hin dhoksin, garbicha kee dheekkamsaan of irraa hin deebisin! Ati gargaarsa anaaf taateetta; ana hin gatin, ana hin dhiisinis, yaa Waaqayyo fayyina ko!
10Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata.
11Karaa kee na barsiisi, yaa Waaqayyo! Sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati daandii qajeelaa irra na geggeessi!
12Warri sobaan dhugaa ba'an dubbii hamaa afaan isaanii keessaa gad jijjigsaa ana irratti waan ka'aniif, fedha diinota kootiitti ana hin kennin!
13Haa ta'u iyyuu malee, biyya warra jiraatoo sanatti Waaqayyo gaarii ta'uu isaa arguuf akkan jiru nan amanadha.
14Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!