1Yaa Waaqayyo, garaan koo waan guddaatti of hin ilaalu, mataa irra-keessa qabadhee hin adeemu; wanta anatti guddatee, humna koo gara irraattis dinqisiisaa ta'e keessa hin lixu.
2Ani lubbuu koo urursee cal jechisiiseera; akkuma mucaan erga harma gu'e iyyuu haadha isaa yommuu argatu calluma jedhu, lubbuun koos isa argatetti calluma in jetti.
3Yaa Israa'el, ammaa jalqabee hamma bara baraatti, Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu!