1Yeroo sabni Israa'el Gibxi keessaa, manni Yaaqoob saba afaan ormaa dubbatu keessaa ba'e,
2Yihudaan mana qulqullummaa isaa, Israa'elis lafa mootummaa isaa ta'e.
3Galaanni argee in baqate, lagni Yordaanosis gara booddeetti in deebi'e.
4Tulloonni akka korbeeyyii hoolaa, gaaronnis akka ilmoolee in quruphisan.
5Yaa galaana nana, maal taatee baqatte” Yaa laga Yordaanos, maaliif gara booddeetti deebite”
6Yaa tullootaa, maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarotaa, maaliif akka ilmoolee quruphiftan?
7Yaa lafaa, fuula gooftaa duratti, fuula Waaqayyo isa kan Yaaqoob duratti holladhu!
8Inni kattaa kuufama bishaaniitti, dhagaa qarsaas burqituu bishaaniitti isa diddiiruu dha.