1Waaqayyo gooftaa kootiin, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taa'i!” jedhe.
2Waaqayyo ulee mootummaa isa aangoo kee mul'isu Xiyoonii kaasee in erga, “Diinota kee gidduutti mo'i!” in jedhaanis.
3Guyyaa ati macca kee geggeessitutti, namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhi'eessu; dargaggoonni kees akka fixeensa barii ganamaatti simboo qulqulluudhaan siif in ba'u.
4Waaqayyo,“Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera; inni kana hin gaabbu.
5Gooftichi mirga kee jira, guyyaa dheekkamsa isaattis mootota in caccabsa!
6Inni saba lafa irraa keessatti firdii in baasa, reeffas isaan keessa in guuta; bulchitoota lafa irraas in caccabsa.
7Karaattis mootichi burqituu keessaa in dhuga, kanaafis mataa isaa ol in qabata.