Fakkeenya 30

GAZBIBAfaan Oromoo33 Keeyyattoota4:38 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:38 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Jechi kanatti fufee jiru, jecha Aguur ilma Yaaqee isa nama biyya Maasaa ti; namni kun Itii'elitti, Itii'elii fi Ukaalitti dubbateera;

2inni,“Ani nama hundumaa irra gowwaa dha, hubannaa namni qabus hin qabu;

3ogummaa tokko illee hin barre, waa'ee isa qulqullaa'aa raawwadhee homaa hin beeku;

4eenyutu gara bantii waaqaa dhaqee deebi'ee immoo dhufe” Eenyutu qilleensa aboottee isaa keessatti walitti qabe” Eenyutus bishaanitti uffata maree ittise” Eenyutu daarii lafaa hundumaa jabeessee dhaabe” Eenyu maqaan isaa, eenyu maqaan ilma isaas” Beekta yoo taate anatti himi!

5“Dubbiin Waaqayyoo hundinuu dhugaa ta'uun isaa amansiiseera, inni warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.

6Inni akka si hin ifannetti, akka si hin sobsiifnettis, dubbii isaatti waa hin dabalin!” jedhe.

7Yaa Waaqayyo, ani waan laman si kadhadha, hamman jirutti isaan ana hin dhowwatin!

8Dubbii waa'ee hin baafnee fi dubbii sobaa anattii fageessi, soora har'aa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!

9Ani quufee akkan si hin wallaalletti, “Waaqayyo eenyu inni?” akka ani hin jennetti, yookiis immoo hiyyoomee, hatee maqaa Waaqayyo kootii akka ani hin salphifne anaaf godhi!

10Hojjetaan akka si hin abaarretti, ati immoo rakkinatti akka hin galletti, gooftaa isaatti isa hin hamatin!

11Abbaa isaanii kan abaaran, haadha isaaniis kan hin jajanne jiru;

12xurii isaaniittii utuma hin qullaa'in, qullaa'oo kan of se'an jiru;

13warri waan guddaatti of ilaalan, nyaara isaaniitiinis of tuuluu isaanii kan mul'isan jiru;

14warri hiyyeessa nyaatanii lafa irraa balleessuudhaaf, warra wanta barbaachisaa dhabanis namoota gidduudhaa badduu baasuudhaaf ilkaan isaanii akka billaa qaramaa, ha'oon isaaniis akka haaduu kan ta'e jiru.

15Dhulaandhulli intaloota “Warra kenni! Kenni!” jedhanii iyyan lama qabdi; “Quufe” kan hin jenne wanta sadiitu jira, inni afuraffaan immoo “Na ga'a” jechuu hin beeku;

16isaanis, iddoo lafa jalaa, gadameessa dhala hin godhatin hafe, lafa gogaa jiidha of keessaa hin qabneef ibidda,“In ga'a” jedhee hin beeknee dha.

17Nama abbaa isaatti ga'isuuf abboommii haadha isaa tuffatu, qurruun gammoojii ija isaa isa keessaa haa baasu, foggis isa haa nyaatu!

18Wanti ana dinqan sadiitu jira, isa afuraffaa immoo hubachuu iyyuu hin danda'u;

19isaanis, karaa joobirri qilleensa keessa balali'u, karaa bofni kattaa irra adeemu, karaa markabni galaana irra adeemuu fi karaa dargaggeessaa fi dargaggeettiin wal jaallatanii dha.

20Dubartii ejjituun, akka ishee nyaattee afaan ishee haxaa'attee, “Ani homaa hin balleessine” jettuu ti; karaan dubartii ejjituu kan akkasii ti.

21Wanta sadiitu lafa sochoosa, isa afuraffaa immoo danda'ee iyyuu hin baatu.

22Isaanis, garbicha mootii ta'e, gowwaa quufe,

23haftuu abbaa manaa argattee fi xomboree iddoo giiftii isheetii fudhattee dha.

24Uumamni bifaan xixinnoo ta'anii, baay'ee immoo ogeeyyii ta'an afurtu lafa irra jira;

25mixiin uumama dadhabduu dha, garuu nyaata ishee bona walitti in qabatti;

26osoleenis uumama humna hin qabnee dha, garuu kattaa keessatti in galti;

27hawaannisi mootii hin qabu, garuu wal gurmeessee in adeema.

28Loccuun bar'uudhaan looti, garuu keenyan mana moototaa irratti iyyuu in argamti.

29Wanti adeemsa tolu sadiitu jira, inni afuraffaan immoo simboo ulfina isaatiif ta'u qaba;

30leenci bineensota hundumaa keessaa jabaa dha, wanta hundumaa irraas hin deebi'u;

31kormaa indaanqoo fi korbeessii reettii of bokoksee asii fi achi naanna'uu fi mootii macca isaa of naannessee adeemuu dha.

32Gowwoomtee, yoo ol ol of qabde, yookiis garaa kee keessatti hamaa yoo yaadde, afaan kee qabadhu!

33Aannan raasuun dhadhaa baasa, jabeessanii furrii baafachuun nama dhiigsa; tuttuqanii nama aarsuun lola in kaasa.

Ibsa

30:1-6 Agur waa'ee ofii isaa dubbata, qajeelummaa akka barbaaduu fi gowwummaa guddaa hojjetee akka ture. Akka nu hundinuu waa'ee ofii keenyaa yaada of gadi qabannu nu irraa eegama. Inni waa'ee ofii isaa dubbata, mul'ata isa karaa dhugaa fi ogummaa keessatti qajeelchu barbaaduu isaa. Namoonni hamma ifaan guutamanitti, hamma wallaalummaa isaaniitti caalaatti gaddan; hamma caalaatti, caalaattis Waaqayyoo fi ayyaana isaa dureessa Kiristoos Yesuus keessatti mul'ata isaa ifa ta'eef kadhatan. In ver.

30:4 irratti, Isa samii irraa bu'ee Barsiisaa fi Fayyisaa keenya ta'ee, ergasii immoo Abbaa Alangaa keenya ta'uuf gara samii ol ba'eef raajiidhaan akeekameera. Masiihichi asitti akka Nama Abbaa irraa adda ta'eetti ibsameera, garuu maqaan isaa yeroo sana dhokataa ture. Furee guddaan, ulfina raawwii isaatii fi ayyaana isaatiin guutummaatti beekamuu hin danda'u. Kiristoos jiraachuu baatee ta'ee, bu'uurri lafaa cubbuu namaatiif jecha ba'aa abaarsaa lafa irra jiru jalatti liqimfamuu danda'a ture. Humnamaa kana hunda raawwatu kun eenyu, eenyummaan isaahoo maali? Dubbii Waaqayyoo keessatti wanti tokko hanqachuu isaa shakkisiisuuf sababii xiqqoonillee hin jiru; Dubbii isaatti dabaluun dogoggoraafii manca'inaaf karaa bana.

30:7-9

Agur ogummaa qabeessummaa guutuudhaan jireenya giddu galeessaa kadhate, akka qorumsa irraa fagaatee eegamuuf; nyaata guyyaa guyyaa sadarkaa isaa, maatii isaa fi gaarummaa dhugaa isaatiif mijataa ta'e gaafate. Kadhannaa kanaa fi kutaa Kadhannaa Gooftaa keessaa muraasa gidduu walfakkii dinqisiisaan jira. Yoo nuti waan kophaa qaqqabamuu fi soba irraa fagannee; yoo jaalala dhiifama Kiristoos keessa jiraanne, isa immoo qooda keenya godhannee; yoo Waaqayyoo wajjin deemne, sana booda, waan nuti kadhachuu yookiin yaaduu dandeenyu hundumaa, haala dhimmoota hafuuraatiin, ni qabaanna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6