Fakkeenya 26

GAZBIBAfaan Oromoo28 Keeyyattoota3:21 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:21 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Cabbiin bonaaf, bokkaanis yeroo makariif akka hin taane, akkasuma ulfinni immoo nama gowwaadhaaf hin ta'u.

2Abaarsi akkasumaan nama abaaran, akka dinbiitii waan irra qubattu dhabdee asii fi achi barriftuu, yookiis akka girrisa balaliituu ti malee, nama hin ga'u.

3Sottoon fardaaf, luugamni harreef akka barbaachisu, akkasuma uleen dugda gowwootaaf in barbaachisa;

4ati iyyuu akka isaa akka hin taanetti, gowwaadhaaf akka goowwuma isaatiitti deebii hin kennin!

5Namni gowwaan ogeessa akka of hin seenetti, akkuma goowwuma isaatiitti deebii kenniif;

6namni nama gowwaa ergatu, akka nama miilla isaa of irraa muree rakkina ofitti waamuu ti;

7fakkeenyi afaan gowwaa keessaa ba'u, akka miilla naafatee rarra'uu ti.

8Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, akka nama furuursaatti dhagaa hidhuu ti;

9fakkeenyi afaan gowwootaa keessaa ba'u, akkuma qoraattii harka nama machaa'aa waraanaa jiruu ti;

10namni nama gowwaa yookiis nama kara-adeemaa hojiitti qacaratu, akka nama iddaa baatuun waanuma arge madeessuu ti;

11sareen diddigee diddiga isaatti akkuma deebi'u, gowwaan gowwuma isaatti in deddeebi'a;

12nama ogeessa utuu hin ta'in ogeessa of se'uu irra, nama gowwaatu caalaa abdii qaba.

13Namni dhibaa'aan, “Leenci saafelli karaa irra, leenci sodaachisaanis karaa guddaa keessa jira” in jedha.

14Muchoon saanqaa boolla muchoo isaatii keessa akkuma naanna'u, namni dhibaa'aanis akkasuma siree isaa irra in gangalata.

15Namni dhibaa'aan ittootti cuuphachuudhaaf harka isaa waciitii keessa in kaa'a, garuu gara afaan isaatiitti iyyuu danda'ee hin deebifatu.

16Namni dhibaa'aan isa ogeessonni torba, ogummaadhaan deebii kennan caalaatti hubataa of se'a.

17Namni akkasumaan adeemee dhufee dubbii namaa keessa lixu, akkuma nama gam godhee gurra saree karaa adeemtuu qabuu ti;

18maraatuun diimina gubaa fi xiyya nama ajjeesu namatti gad dhiisu,

19nama nama gowwoomsee “Anoo nan taphadhe!” jedhuu wajjin wal hin caalu.

20Qoraan hin jiru yoo ta'e, ibiddi in dhaama, hameen hin jiru yoo ta'e, qoccolloon in hafa.

21Cilaattii, barbadaa dhaamuuf jedhutti, qoraanis ibiddatti dabaluun humna isaa akka baay'isu, namni dubbii tuttuqu qoccolloo in baay'isa.

22Dubbiin hasaasa hamattuu, akka buddeena miyaa'aa ti, keessa namummaa namaattis in dhaga'ama gara mar'umaanittis gad in bu'a.

23Namni afaan isaatiin gaarii fakkaatee garaa isaa keessaa yaada hamaa qabu, akka qodaa suphee, isa meetiin itti uffifamee ti;

24namni nama jibbu jibbi isaa akka irraa hin mul'anneef, haasaadhaan gara in balleessa; garaa isaa keessa garuu haxxummaatu jira.

25Sababii wanti jibbisiisaan torba yaada isaa keessa jiruuf, yommuu inni afaan laafee dubbatu isa hin amanin!

26Inni jibba isaa haxxummaadhaan yoo dhokfate iyyuu, jal'inni isaa walga'ii keessatti bakkee in baafama.

27Namni boolla namaaf qotu, ofuma isaatii isa keessatti in kufa; nama dhagaa namatti konkolaachisus, dhagichi deebi'ee isumatti in konkolaata.

28Arrabni sobu warruma ofii mammadeesse in jibba; afaan itti kuulee dubbatus badiisa namatti in fida.

Ibsa

26:1 Ulfinni warra isaaf hin malleefii kan isaaf hin taaneef iddoo isaa miti.26:2.

Sababa malee kan abaarame, abaarsi sun akka simbirroo mataa isaa gubbaa balali’uutti isa hin miidhu.

3.

Uumama hundinuu amalasaatiin qabamuu qaba, garuu cubbamoonni dagatoo fi jireenya gadi-bu’aa jiraatan gonkumaa sababaa fi amansiisaan hin bulfaman. Dhugumaan nama ilmoo harree bosonaa fakkaatee dhalata; garuu tokko tokko, ayyaana Waaqayyootiin, ni jijjiiramu.

4,5.

Yaada keenya namichaaf mijeesinee, gara qalbii isaatti deebifnee dubbachuu qabna, karaa falmii sana caalmaa danda’uun xumuruuf.

6-9.

Gowwoonni amanamoo miti, akkammas ulfina argachuu hin qaban. Dubbii ogummaa qabu, akka nama gowwaan dubbatuu fi itti fayyadamu, faayidaa isaanii dhabu.

10.

Caqasni kun yookiin akka Gooftaan, Namoota Hundumaa kan Uume, cubbamoota yakka isaaniitiin qabuuf deemu ibsa; yookiin, akka warri namoota keessaa jabaan, warra hamoota salphisuu fi adabuu qaban.

11.

Sareen mallattoo jibbisiisaa ti, cubbamoota gara jal’ina isaaniitti deebi’an agarsiisuuf, 2 Phe. 2:22.

12.

Namoota hubannaa xinnoo qaban, garuu isaaniin boonan baay’ee argina. Kun warra haala hafuuraa isaanii gaarii akka ta’etti yaadan ibsa, yoo dhugaan isaa baay’ee gadhee ta’u.

13.

Nama harka-laafaa wanta dhimma fi hojii gaafatu hundumaa jibba. Haa ta’u malee, hojiiwwan dhugaa irraa rakkoolee yaaddoon uumamanin of sodaachisuun gowwummaa dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6