Fakkeenya 13

GAZBIBAfaan Oromoo25 Keeyyattoota2:52 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:52 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaatii in dhaga'a, inni ga'isaan garuu ifata hin dhaga'u;

2namni ija wanti gaariin, inni afaan isaa keessaa ba'u godhatu in nyaata; hawwiin warra nama gowwoomsuu garuu, humnaan nama irratti ka'uu dha;

3namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa in eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa in balleessa.

4Namni dhibaa'aan waa argachuu in kajeela, homaas hin argatu; namni ba'eessa godhee hojjetu garuu in guddata;

5namni qajeelaan dubbii sobaa in jibba, namni jal'aan garuu ciiggaasisaa dha, wanta nama yeellaasisus in hojjeta.

6Qajeelummaan, daandii nama balleessaa hin qabnee in eega, jal'inni garuu nama cubbamaa in figgimsa.

7Namni sooressa of fakkeessu jira, kana keessaa immoo homaa hin qabu; namni hiyyeessa of fakkeessu jira, kana keessaa immoo badhaadhaa dha.

8Namni sooressi horii isaatiin jireenya isaa in furata, nama hiyyeessa garuu kanaaf kan doorsisu hin jiru;

9ifni nama qajeelaa ba'eessa godhee in ifa, ibsaan nama jal'aa immoo in dhaama.

10Of gurguddisuun morkii in kaasa, ogummaan garuu warra gorsa fudhatan bira jira.

11Badhaadhumni karaa malee argamu irraa hir'achaa in adeema, namni itti dadhabee wal irra buusaa adeemu garuu in baay'ifata.

12Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa, hawwiin namaaf raawwatamu garuu muka jireenyaa ti.

13Namni gorsa tuffatu of in balleessa, namni abboommicha sodaatu garuu, gatii isaa in argata.

14Barsiifni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti, namas futtaasaa du'aa irraa in deebisa;

15hubannaa gaariin faara tolaa nama argachiisa, karaan warra hin amanamnee garuu bu'aa-ba'ii dha.

16Namni afchaalli hundinuu beekumsaan hojjeta, gowwaan garuu goowwuma isaa bakkeetti in mul'isa.

17Ergamaan jal'aan wanta hamaa keessatti in kufa, ergamaan amanamaan garuu in fayyisa.

18Nama gorsa tuffatutti deegaa fi yeellootu dhufa, namni ifata dhaga'ee deebi'u garuu, ulfina in argata.

19Hawwiin namaaf raawwatamu lubbuudhumaaf namatti miyaa'a, gowwoonni garuu wanta hamaa irraa deebi'uu in ciigga'u;

20namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta'a; miiltoon gowwootaa garuu in bada.

21Wanti hamaan cubbamoota in ari'ata, wanti gaariin garuu gatii qajeelotaa ti;

22dhaalli nama gaarii ijoollee ijoollee isaatiitti in darba, qabeenyi nama cubbamaa garuu, nama qajeelaadhaaf in kaa'ama.

23Maasiin nama deegaa midhaan ba'eessa kenna, loogni garuu haxaa'ee duraa in balleessa.

24Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaa ti;

25namni qajeelaan hamma quufutti in nyaata, namni jal'aan garuu in beela'a.

Ibsa

13:1 Warra maatii isaanii ulfeessan abdii guddaatu jiraaf. Warra amanamummaan isaan gorsan hin dhageenyeef garuu abdii xiqqooma qabu. 2. Dubbii keenyaan ni qajeelfamna yookaan ni firdamna, Mt 12:37. 3. Namni dubbatuuf dura yaadu, yoo hammina yaadee yaada sana ukamsu, lubbuu isaa yakka guddaafi gadda irraa oolcha. Namoonni hedduun arraba isaanii to'achuu dhabuun ni badu. 4. Dadhabaan bu'aa warri jabaatan argatan hawwa, garuu dhamaatii warri jabaatan godhan ni jibba; kanaaf waan tokko hin qabu. Kun keessumaa lubbuu ilaalchisee dhugaa dha. 5. Bakka cubbuun mo'utti, namni sun ni jibbamaa dha. Osoo garaa isaa dammaqee ta'ee, ofiisaa ni jibba ture, akkasumas biyyee fi daaraa keessatti ni gaabbita ture.

13:6.

Fedhiin dhugaa wanta sirrii hojjechuuf qabamu, nama dogoggora du'aaf geessu irraa, qoqqooddiinsa gadi fageenyaan godhamu kuma caalaa, eega.

13:7.

Warri dhugumaan hiyyeessa ta'an, akka duroomoo ta'anitti daldaluu fi baasuu: kun cubbuu dha, qaanjessas ni ta'a, akkasumas xumurri isaa akkuma kana ni ta'a. Warri dhugumaan duroomoo ta'an immoo, hiyyeessa akka ta'anitti yaadamuu barbaadu: kana keessa galata Waaqayyoof dhabuu, akkasumas haqa fi jaalala warra kaaniif dhabuutu jira. Fakkeessitonni baay'een, ayyaana irraa duwwaa ta'an, hiyyeessummaa isaanii hin amanne. Kiristaanonni sodaa qaban baay'een immoo, kan hafuuraan duroomoo ta'an, garuu ofii isaanii hiyyeessa akka ta'anitti yaadu; shakkii isaaniitiin, komii isaaniitiin, fi gaddaa isaaniitiin, ofii isaanii hiyyeessa godhu.

13:8.

Dureettii guddaan yeroo baay'ee warra isaan qaban irratti gara jabinaaf kakaasa; garuu hiyyeessi balaa akkasii irraa bilisa.

13:9.

Ifni qajeelotaa akka ifa aduu ti, kan dukkanoofachuu fi duumessa uwwifamuu danda'u, garuu itti fufa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6