Lakkoofsa 7

GAZGAZAfaan Oromoo89 Keeyyattoota20:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 20:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Museen godicha dhaabee, godichaa fi mi'a isaa hundumaa dibata qulqullaa'aadhaan dibee qulqulleessee yommuu raawwatu akkasuma immoo iddoo aarsaa mi'a isaa hundumaa wajjin dibee in qulqulleesse.

2Geggeessitoonni Israa'elii fi warri akka mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'anii warra lakkaa'aman sana ajajanis kennaa isaanii in dhi'eessan.

3Isaan konkolaattota uffifamoo ja'a, qotiyyoota kudha lama, isaan kanas geggeessitoonni lama lama ta'anii konkolaataa tokko, qotiyyoo immoo mata mataatti kennaa godhanii fuula Waaqayyoo duratti balbala godichaatti haa dhi'eessan!

4Waaqayyo yommus Museedhaan,

5“Hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetamuuf akka ta'utti kennaa kana isaan harkaa fuudhi! Lewwootaaf akka akka hojii isaaniitti kenni!” jedhe.

6Museenis konkolaattotaa fi qotiyyoota sana fuudhee Lewwootatti in kenne.

7Inni konkolaattota lamaa fi qotiyyoota afur akka hojii isaaniitti ilmaan Gershoonitti in kenne.

8Konkolaattota afurii fi qotiyyoota saddeet karaa Itaamaar ilma Aaron lubichaatiin akka hojii isaaniitti ilmaan Meraariitti kenne.

9Ilmaan Qehaat garuu mi'a qulqullaa'aa gatiittii isaaniitti baachuun hojii isaanii waan ta'eef, Museen homaa isaanitti hin laanne.

10Geggeessitoonni guyyaa iddoon aarsaa dibametti, eebba iddoo aarsaatiif kennaa isaanii fidanii, iddoo aarsaa sana duratti in dhi'eessan.

11Kunis isa Waaqayyo,“Warra geggeessitootaa keessaa eebba iddoo aarsaatiif guyyaa guyyaatti namni tokko kennaa isaa haa dhi'eessu!” jedhee Museetti dubbatee turee dha.

12Inni gaafa duraa kennaa isaa dhi'eesse Nahishoon ilma Aminaadaab nama gosa Yihudaa ti.

13Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

14Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

15qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

16aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko,

17aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuuf korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Nahishoon ilmi Aminaadaab dhi'eesse isaan kana ture.

18Guyyaa lammaffaatti Nataani'el ilma Zuwaar geggeessituu gosa Yisaakortu kennaa isaa dhi'eesse.

19Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

20Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

21qalma gubamuuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

22aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko,

23aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Nataani'el ilmi Zuwaar dhi'eesse isaan kana ture.

24Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Helon geggeessituu gosa Zebuloontu kennaa isaa dhi'eesse.

25Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

26Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

27qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

28aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

29aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliiyaab ilmi Helon dhi'eesse isaan kana ture.

30Guyyaa afuraffaatti Eliizur ilma Shiide'ur geggeessituu gosa Ruubentu kennaa isaa dhi'eesse.

31Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

32Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

33qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

34aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

35aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliizur ilmi Shiide'ur dhi'eesse isaan kana ture.

36Guyyaa shanaffaatti Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi geggeessituu gosa Shimi'oontu kennaa isaa dhi'eesse.

37Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

38Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

39qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

40aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

41aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Shiilumii'el ilmi Zuriishadaayi dhi'eesse isaan kana ture.

42Guyyaa ja'affaatti Elii'aasaaf ilma Deu'el geggeessituu gosa Gaaditu kennaa isaa dhi'eesse.

43Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

44Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

45qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

46aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

47aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Elii'aasaaf ilmi Deu'el dhi'eesse isaan kana ture.

48Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihud geggeessituu gosa Efreemtu kennaa isaa dhi'eesse.

49Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

50Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

51qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

52aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

53aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuuf korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliishaamaa ilmi Amiihud dhi'eesse isaan kana ture.

54Guyyaa saddeettaffaatti Gamaali'el ilma Phedaazur geggeessituu gosa Minaaseetu kennaa isaa dhi'eesse.

55Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

56Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

57qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

58aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

59aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Gamaali'el ilmi Phedaazur dhi'eesse isaan kana ture.

60Guyyaa salgaffaatti Abiidaan ilma Gidewoonii geggeessituu gosa Benyaamiintu kennaa isaa dhi'eesse.

61Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguute kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

62Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

63qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

64aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

65aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Abiidaan ilmi Gidewoonii dhi'eesse isaan kana ture.

66Guyyaa kurnaffaatti Ahii'ezer ilma Amiishadaayi geggeessituu gosa Daantu kennaa isaa dhi'eesse.

67Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

68Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

69qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

70aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

71aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Ahii'ezer ilmi Amiishadaayi dhi'eesse isaan kana ture.

72Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagi'el ilma Okraan geggeessituu gosa Asheertu kennaa isaa dhi'eesse.

73Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

74Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

75qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

76aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

77aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Fagi'el ilmi Okraan dhi'eesse isaan kana ture.

78Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Enaan geggeessituu gosa Niftaalemtu kennaa isaa dhi'eesse.

79Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

80Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

81qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokko,

82aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

83aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Ahiiraa ilmi Enaan dhi'eesse isaan kana ture.

84Kennaan geggeessitoonni Israa'elootaa gaafa iddoon aarsaa dibame eebba isaaf dhi'eessan harkeewwan meetii irraa hojjetaman kudha lama, caabiiwwan meetii irraa hojjetaman kudha lama, waciitiiwwan warqee irraa hojjetaman kudha lama;

85tokkon tokkon harkee meetii irraa hojjetame sheeqelii dhibbaa fi soddoma, tokkon tokkon caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama in miijana ture; meetiin qodaa kana hundumaa walumatti akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afur in miijana ture.

86Tokkon tokkon waciitii warqee irraa hojjetamee ixaanni itti guutames akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii kudhan in miijana ture; warqeen waciitiiwwan kanaa walumatti sheeqelii dhibbaa fi digdama in miijana ture.

87Horiin kennaa midhaanii wajjin qalma gubamuuf dhi'eeffaman tuntunoota kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha lama, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeeyyii reettii kudha lama,

88horiin aarsaa qalma araaraaf dhi'eeffaman korommii digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo jaatama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo jaatama; gaafa iddoon aarsaa sun dibame kennaan eebba isaaf dhi'eeffaman isaan kana turan.

89Museen Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf dunkaana itti wal ga'anitti yommuu ol lixe, teessoo araaraa isa sanduuqa dhuga-baatuu irra jiru irraa Kiruubel lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu in dhaga'e; Waaqayyo isatti in dubbate.

Ibsa

7:1-9

Kennaan angafootaa tajaajila dunkaana qulqulluutiif hin dhiyeessamne, hanga inni guutummaatti dhaabbi'uu isaatti. Sirnoonni barbaachisoon yeroo hundumaa kennaawwan jaalala ofii dura ta'uu qabu. Namni tokko yoo sadarkaa ol’aanaa irra ga’u, Waaqayyoon fi dhaloota isaa tajaajiluuf carraa guddaa argata. Dunkaanni qulqulluun akka dhaabbateenittiin, akka inni deebi'ee ka'uuf qophiin godhameera. Addunyaa kana keessa yeroo amma qofaa keenya dhaabbanne taanu illee, jijjiiramaafii gara deemuuf, keessattuu jijjiirama guddaadhaaf qophaa'uu qabna.

Boqonnaa 7

Waaqayyo akka mana isaa ijaarratee gidduu buufata Israa'el jiraateetti, mootonni Israa'el asitti kennaa isaanii wajjin daawwannaaf dhufan, akka qonnaan bultoonni abbaa lafa isaaniitti, maqaa gosa isaanii dhaan.

I. Kennaa fidan,

1. Sagadaaf eebba godhamu irratti, tajaajila isaa tiif (Lakk. 1-9).

2. Aarsaa eebba godhamu irratti, fayyadama isaa tiif (Lakk. 10-88).

II. Waaqayyo gaarummaadhaan fudhatama isaanii agarsiise (Lakk. 89). Boqonnaawwan lamaan darban seera dabalataa Waaqayyo Israa'eliif kenne galmeessu turan, kun immoo seenaa tajaajiloota dabalataa Israa'el Waaqayyoof raawwateeti.

Lakk. 1-9

Asitti kennaan moototaa tajaajila sagadaaf dhiyaateera. Hubadhaa,

I. Yoom ture; hanga guutummaatti dhaabatee hin turre, Lakk. 1. Wantoonni hundi sagadicha mataa isaa fi buufata Israa'el isa naannoo isaa ture ilaalchisee, qajeelfama kennameen akkuma raawwataman, sana booda kennaa isaanii jalqaban, fakkeenyaaf ji'a lammaffaa guyyaa saddeettaffaa irratti. Hubadhaa, wantoonni barbaachisoon yeroo hundumaa kennaa fedhii ofii dura dhufu qabu: dura isaan, sana booda isaan kana.

II. Eenyu akka kenne: Mootonni Israa'el, mataan mana abbootii isaanii, Lakk. 2. Hubadhaa, warri humnaa fi ulfinaan warra kaan caalan, warra kaan dura deemuuf, akkasumas wanta gaarii hundumaa keessatti isaan caaluuf yaaluu qabu. Namni tokko yoo ol ka'e, Waaqayyoo fi dhaloota isaatiif tajaajiluuf carraa guddaa waan qabuuf, caalaatti irraa eegama. Qabeenyaa fi aangoon maaliif gaarii dha, yoo nama addunyaa kana keessatti gaarummaa caalaa hojjechuuf hin dandeessisan ta'e malee?

III. Maaltu kenname: gaariiwwan ja'a, tokkoon tokkoon isaanii loon lamaan harkifaman, Lakk. 3. Shakkii malee gaariiwwan kun meeshaalee sagadichaa fi wantoota isaa wajjin kan walsiman turan, kanneen gosa isaanii keessaa filatamoo, akkuma konkolaataa mootonni gurguddoon yeroo sirnaan deeman itti fayyadaman. Tokko tokko Waaqayyo, Musee dhaan, maal akka fidan isaanitti hime, yookiin yaada isaanii danda'e kennaa kana akka fidan isaanitti hime jedhu. Osoo ogummaan Waaqayyoo wantoota sagadichaa hundumaa ajajeellee, garuu wantoonni mijatoo ta'an kun dandeettii isaaniitiin akka qophaa'an dhiifaman fakkaata, kunis wanta hir'ate sirreessuuf ture (Tiitoo 1:5), akkasumas gaariiwwan kun hin didamne, fakkeenyi isaanii Museetti tulluu irratti osoo hin argisiifaminillee. Hubadhaa, seerri Waaqayyoo haala hundumaa kan murtaa'uu danda'u, akkasumas ogummaa namaatiin jijjiiramuuf kan dhiifamuu qabu, ogummaa qajeelchuuf bu'aa qabu sana keessa seenuu hin eegamu. Hubadhaa, sagadichi akkuma guutummaatti dhaabateen, sochoosuuf qophiin kun godhameera. Hubadhaa, yeroo addunyaa kana keessatti qofa teenyee, hidda buufachuu jalqabna jennee yaannu, jijjiiramaa fi socho'uuf, keessumaa jijjiirama guddaadhaaf qophaa'uu qabna. Addunyaa kana keessa yeroo jirru, wanti hundumtuu haala waraanaa fi socho'aa wajjin walsimuu qaba. Yeroo sagadichi ijaaramaa ture, mootonni kennaa isaaniitiin baay'ee arjummaa qaban, yeroo sana dhagaa gati jabeessaa fi dhagaa dhaabamu fidan (Ba'uu 35:27), garuu amma kennaa dabalataa fidan. Hubadhaa, warri gaarii hojjetan caalaatti gaarummaa keessatti baay'achuuf, akkasumas gaarii hojjechuu irraa hin dadhabamneef barachuu qabu.

IV. Kennaan akkamitti qophaa'e, akkasumas maaliif akka itti fayyadamame: gaariiwwanii fi loon Lewwotaaf kennaman, sagadicha baachuuf akka itti fayyadaman, lamaanuu boqonnaa isaaniitiif (Waaqayyo hojii dhaan tajaajiltoota isaa tokkollee baay'ee hin dhiphisu tureef), akkasumas kutaa sagadichaa adda addaa karaa nageenya qabu fi sirrii ta'een geejjibuuf, kanneen gaariiwwan keessatti walitti qabamanii haala qilleensaa irraa eegaman.

1. Gershoononni, kanneen fe'umsa salphaa, golgaawwanii fi uffata qaban, gaariiwwan lamaa fi loon lama qofa qaban (Lakk. 7); yeroo isaan kana fe'an, kan hafe yoo jiraate, garaa isaaniitti baachuu qabu.

2. Meraaroonni, kanneen fe'umsa ulfaataa, akkasumas kan baay'ee ulfaataa ta'e, muka, utubaa, bu'uura, kkf qaban, gaariiwwan afurii fi loon afur kennameef (Lakk. 8); garuu, yoo gaariiwwan dabalataa kan ofii isaanii hin qabaatin ta'e, baay'ee dugda isaaniitti baachuu dirqama turan, sababiin isaas bu'uurri meetii qofti taalaantii 100 ulfaata ture, kunis toonii afur ol ture, kunis gaariiwwan afur kan loon lama qofaan harkifaman fe'uuf ga'aa ture. Garuu, bu'uurri tokkoon tokkoon isaa ulfaataa taalaantii tokko waan tureef, kunis ba'aa nama tokkoo ta'a (akkuma 2 Mootota 5:23 irratti mul'atu), isaan kana dugda isaaniitti baatan, akkasumas mukaawwanii fi utubaawwan gaariiwwan keessa kaa'an. Asitti hubadhaa, Waaqayyo ogummaadhaan akkasumas gaarummaadhaan warra hojii baay'ee qabanitti humna guddaa akkamitti akka kenne. Tokkoon tokkoon isaanii tajaajila isaanii irratti hundaa'uun gaariiwwan qaban. Ba'aan Waaqayyo qophii isaatiin nu irratti kaa'u kamiyyuu, inni gaarummaa isaa gahaa dhaan humna isaa wajjin wal simsiisa, 1 Qorontos 10:13.

3. Qohaatonni, kanneen fe'umsa qulqulluu qaban, gaariiwwan homaa hin qaban turan, sababiin isaas ba'aa isaanii garaa isaaniitti baachuu qabu turan (Lakk. 9), kunis of eeggannoo fi ulfina addaa dhaan. Yeroo Daawititti sanduuqicha gaarii dhaan baatan, Waaqayyo du'a Uzaa dhaan, akka isaan sirna sirrii dhaan isa hin barbaanne, sodaadhaan isaan beeksise. 1 Seenaa 15:13 ilaali.

7:10-89 Balballoomniifi namoonni beekamoon tajaajila Waaqayyoo keessatti hawwii guddaa qaban turan. Kun fakkeenya warra aangoo qabanuufi sadarkaa olaanaa irra jiraniif.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንዲህም ሆነ፤ ሙሴ ማደሪያውን ፈጽሞ ከተከለ በኋላ፥ እርሱንና ዕቃውን ሁሉ ከቀባና ከቀደሰ በኋላ፥ መሠዊያውንና ዕቃውንም ሁሉ ከቀባና ከቀደሰ በኋላ፤ አማርኛ ENGNIV When Moses finished setting up the tabernacle, he anointed it and consecrated it and all its furnishings. He also anoin… English BCV ከምዙይ ድማ ኾነ፦ ሙሴ ነቲ ድንኳን ተኺሉ ምስ ወድአ፥ ንእኡን ንዅሉ ኣቑሑኡን ምስ ቀብኦን ምስ ቀደሶን፥ ነቲ መሰውእን ንዅሉ ኣቑሑኡንውን ምስ ቀብኦን ምስ ቀደሶን። ትግርኛ GAZBIB Museen godicha dhaabee, godichaa fi mi'a isaa hundumaa dibata qulqullaa'aadhaan dibee qulqulleessee yommuu raawwatu akk… Afaan Oromoo BCV GIZ ወኮነ በዕለት እንተ ፈጸመ ሙሴ ተኪሎታ ለደብተራ ወቀብአ ወቀደሳ ወለኵሉ ንዋያ ወምሥዋዕኒ ወኵሉ ንዋዩ ወቀብኦሙ ወቀደሶሙ፤ giz BCV aksum ከምዙይ ድማ ኾነ፦ ሙሴ ነቲ ድንኳን ተኺሉ ምስ ወድአ፥ ንእኡን ንዅሉ ኣቑሑኡን ምስ ቀብኦን ምስ ቀደሶን፥ ነቲ መሰውእን ንዅሉ ኣቑሑኡንውን ምስ ቀብኦን ምስ ቀደሶን። ትግርኛ AMHNIV ሙሴ የማደሪያ ድንኳኑን ተክሎ ካበቃ በኋላ ማደሪያ ድንኳኑንና ዕቃዎቹን ሁሉ ቀባቸው፤ ቀደሳቸውም፤ እንደዚሁም መሠዊያውንና ዕቃዎቹን በሙሉ ቀባቸው፤ ቀደሳቸውም። አማርኛ SWAHSUV Ilikuwa siku hiyo Musa alipokwisha kuisimamisha maskani, na kuitia mafuta, na kuitakasa, na vyombo vyake vyote, na hiyo… Kiswahili