Lakkoofsa 22

GAZBIBAfaan Oromoo41 Keeyyattoota8:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:37 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ergasii Israa'eloonni iddoo turanii ka'anii, Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutiin, fuullee Yerikoo dachaa Mo'aab keessa in buufatan.

2Balaaq ilmi Ziphoor inni yeroo sana mootii Mo'aab ture immoo, wanta Israa'eloonni Amoorota irratti hojjetan hundumaa in arge.

3Israa'eloonni namoota baay'ee waan turaniif, Mo'aabonni yeroo Israa'eloota argan baay'ee na'an, in sodaatanis.

4Yommus Mo'aabonni maanguddoota Miidiyaaniin,“Akkuma sangaan marga bakkee keessaa xaph godhu, namoonni baay'een kun wanta naannoo keenya jiru hundumaa xaph in godhu” jedhan; kanaaf Balaaq ilmi Ziphoor inni yeroo sanatti mootii Mo'aab ture,

5Bala'aam ilma Be'or waamsisuudhaaf gara mandara Phetor isa laga Efraaxiis qarqaraatti, gara biyya Amoonotaatti nama ergee, “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxiitii dhufee, fuullee koo buufatee lafa dhoksee jira.

6Sabni kun ana caalaa jabaa waan ta'eef, ani immoo namni ati eebbifte eebbifamaa, namni ati abaartes abaaramaa akka ta'e nan beeka; kanaafis hadaraa kottuutii saba kana anaaf abaari! Yommus ani isa rukutee biyyicha keessaa ari'uu nan danda'a ta'a” jedhe.

7Maanguddoonni Mo'aabii fi maanguddoonni Miidiyaan gatii isa hooda dubbatuuf baafamu sana harkatti qabatanii in adeeman; gara Bala'aam dhufaniis ergaa Balaaq isatti in himan.

8Inni immoo,“Edana as bulaa, ani wanta Waaqayyo anatti dubbatu, deebi'ee isinitti nan hima” jedheen; gurguddoonni Mo'aabis Bala'aam bira in bulan.

9Waaqayyo yommus gara Bala'aam dhufee,“Jarreen si bira jiran kun eenyufa'i?” jedheen.

10Bala'aam deebisee Waaqayyoon,“Balaaq ilma Ziphoor mootii Mo'aabtu gara kootti isaan ergee,

11“Kunoo, sabni lafa dhoksu tokko Gibxii ba'ee dhufeera; amma kottuutii isa anaaf abaari! Yommus ani immoo isa mo'ee ari'ee baasuu nan danda'a ta'a” naan jedhe” jedhe.

12Waaqayyo garuu Bala'aamiin,“Isaanii wajjin hin dhaqin! Sabni sun eebbifamaa waan ta'eef, ati isa hin abaarin!” jedhe.

13Bala'aam ganama ka'ee gurguddoota Balaaq erge sanaan,“Waaqayyo isin duukaa akkan dhaquuf“Tole” jechuu waan dideef, isin gara biyya keessaniitti galaa!” jedhe.

14Gurguddoonni Mo'aab deebi'anii gara Balaaq dhaqanii,“Bala'aam nu duukaa dhufuu in dide” jedhan.

15Balaaq ammas gurguddoota warra gurguddoota duraa sana caalaa baay'atanii fi caalaa ulfina qaban in erge.

16Isaanis gara Bala'aam dhufanii, “Balaaq ilmi Ziphoor,“Maaloo, gara koo dhufuu irraa wanti tokko illee si hin dhowwin!

17Ani dhugumaan ulfina guddaa siif nan kenna, waanuma ati jettes siif nan godhaatii, hadaraa kottuutii saba kana anaaf abaari!” siin jedheera” jedhan.

18Bala'aam garuu deebisee hojjetoota Balaaqiin,“Balaaq mana isaa isa meetiinii fi warqeen keessa guute utuu anaaf kenne iyyuu, wanta xinnaas ta'e wanta guddaas hojjechuudhaaf abboommii Waaqayyo goftaa kootii irra darbee adeemuu hin danda'u.

19Ammas wanta Waaqayyo dabalee anatti dubbatu nan baraatii, warri duraa sun akkuma godhan maaloo edana isinis immoo as bulaa!” jedhe.

20Waaqayyo halkan gara Bala'aam dhufee,“Jarreen kun si waamuu dhufan yoo ta'e, isaanii wajjin dhaqi! Garuu wanta ani sitti himu duwwaa hojjedhu!” jedheen.

21Yommus Bala'aam ganamaan ka'ee harree isaa fe'atee gurguddoota Mo'aabii wajjin in adeeme.

22Garuu sababii inni adeemeef dheekkamsi Waaqayyoo in boba'e; ergamaan Waaqayyoos isaan mormuudhaaf karaa keessa in dhaabate; yommus inni harree isaa yaabbatee in adeema ture, naa'onni isaa lamaanis isaa wajjin turan.

23Harreettiinis ergamaan Waaqayyoo billaa luqqifamaa harkatti qabatee karaa keessa akka ijaajju yommuu argite, karaa irraa gortee maasii tokkotti in lixxe; Bala'aam immoo gara karaatti deebisuudhaaf ishee in rukute.

24Yommus ergamaan Waaqayyoo daandii dhiphaa iddoowwan dhaabaa waynii garasii fi garanaan dallaan jiru keessa in dhaabate.

25Harreettiin yeroo ergamaa Waaqayyoo argitetti, kellaa sanatti of miciriqsitee, miilla Bala'aamis kellichatti in miciriqsite; inni immoo ammas ishee in rukute.

26Ergamaan Waaqayyoo ittuma hiiqee iddoo dhiphaa lafa gara mirgaatti, gara bitaattis garri itti jal'atan hin jirre in dhaabate.

27Harreettiinis ergamaa Waaqayyoo argitee, Bala'aam jalaa gad in ciifte; yommus Bala'aam aaree boba'ee, ulee isaatiin ishee in reebe.

28Waaqayyo kana irratti harreettiin arraba isheetiin akka dubbattu godhe; isheenis Bala'aamiin,“Ani maal si goonaan si'a sadan kana na rukutte?” jette.

29Bala'aamis harreettiidhaan,“Ati waan anaan taphatteef, billaan na harka utuu jiraatee ammuma sin ajjeesan ture” jedhe.

30Harreettiin immoo Bala'aamiin,“Ani harree kee ishee ati bara jireenya kee hundumaa har'uma iyyuu yaabbattee adeemtu mitii” Ani takkaa wanta akkasii si irratti hojjedhee beekaa?” jette; innis,“Waawuu” jedhe.

31Yommus Waaqayyo ija Bala'aam in baneef; innis ergamaa Waaqayyoo isa billaa luqqifamaa harkatti qabatee karaa keessa ijaajju in arge; isa durattis qoomma'ee, adda isaatiin in gombifame.

32Ergamaan Waaqayyoos,“Maaliif si'a sadan kana harree kee rukutte” Kunoo, karaan kee ana duratti jal'aa waan ta'eef, ani siin mormuudhaaf dhufeera.

33Harreen kee na argitee si'a sadanuu ana irraa in gorte; utuu isheen ana irraa hin gorre ta'ee, silaa yowwana si ajjeesee ishee nan hambisan ture” jedheen.

34Bala'aam immoo ergamaa Waaqayyootiin,“Akka ati anaan mormitee karaa keessa dhaabatte utuun hin beekin cubbuu hojjedheera; ammas kun si duratti hamaa yoo ta'e, ani nan deebi'a” jedhe.

35Ergamaan Waaqayyoo immoo Bala'aamiin,“Jarreen kanaa wajjin dhaqi, garuu dubbii ani sitti himu dubbadhu!” jedhe; akkasitti Bala'aam gurguddoota Balaaqii wajjin in adeeme.

36Balaaq yommus Bala'aam akka dhufe dhaga'ee, Aar mandara Mo'aab isa daarii Aarnon gara moggaa jirutti isa simuudhaaf in ba'e.

37Balaaqis Bala'aamiin,“Ani dhimmee si waamuudhaaf sitti hin erginee” Maaliif na bira dhufuu didde” Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin danda'uu?” jedhe.

38Bala'aam immoo Balaaqiin,“Kunoo ani gara kee dhufeera; dubbii isa Waaqayyo afaan koo keessa kaa'een dubbadha malee, ani wanta biraa dubbachuudhaaf nan danda'aa ree?” jedhe.

39Bala'aam yommus Balaaqii wajjin gara Kiriiyat-Huzot in dhaqe.

40Balaaq yommus aarsaa dhi'eessuudhaaf sangootaa fi hoolota qalee, foon isaanii irraa gar-tokko Bala'aamii fi gurguddoota isaa wajjin turaniifis in erge;

41Balaaq borumtaa isaa Bala'aamiin fuudhee gara Baamot-Ba'aalitti ol baase; inni achi dhaabatee saba Israa'el warra gara daarii irra jiran in arge.

Ibsa

22:1-14

Mootiin Moʼaab saba Israaʼel akka abaaramu godhuuf karoora baase; jechuunis, Waaqa amma dura isaaniif lolaa ture isaan irratti kaasuuf (mormisiisuuf). Yoo raajii tokko isaan irratti abaarsa akka labsuufi, ofii isaatiifi loltoota isaa irratti immoo eebba akka dubbisu godhe, sana booda isaan waliin qabsoo gochuuf dandaʼa jedhee yaada dogoggoraa qaba ture. Balʼaam caalaa namni beekamummaa guddaa qabu hin turre; Balʼaq immoo fageenya guddaa irraa isa ergee iyyuu, isa fayyadamuuf (hojjechiisuuf) murteesse. Gooftaan kana dura Balʼaamitti yookiin isaan dubbatee beekaa laata jedhamee hin beekamu; taʼus, dubbatee jiraachuun isaa mala, boodas dubbachuun isaa garuu mirkanaadha. Taʼus, inni nama hamaa taʼee jiraatee duʼuusaa, akkasumas Waaqaafi saba isaa diina isaanii taʼuusaa ragaa gaʼaa qabna. Namoonni abaarsa labsan iyyuu, sababii malee abaarsi nu irratti hin dhufu. Balʼaam akka toʼataniif (dhiphaataniif) mindaa jalʼinaa qabatan, garuu Waaqayyo Balʼaam irratti daangaa kaayee, Israaʼelin akka hin abaarre isa dhowwe. Balʼaam dhimma Israaʼel beeka ture; kanaaf battalumatti ergamtootaaf deebii kennuun, Waaqayyo saba eebbise akka hin abaarre ibsuu qaba ture; garuu maal akka godhuuf halkanii buluuf yeroo fudhate. Yeroo qorumsawwan waliin mariʼannu, injifatamuu keenyaaf balaa guddaa keessa jiraanna. Balʼaam deebii Waaqayyoo ergamtootaaf deebisuu irratti amanamaa hin turre. Warri daangaa Waaqayyoo xinneessan, akka waan seera Waaqayyoo cabsuun hayyama Isaa malee deemu qofa taʼeetti ilaaluun, qorumsa Seexanaatiif bakka gaarii dha. Ergamoonnis deebii Balʼaam Balʼaqitti deebisuu irratti amanamaa hin turre. Akka kanaan namoonni baayʼeen warra isaanitti dhihoo jiran irraa faarfamuudhaan jallifamanii (dogoggorsifamanii), dogoggora isaanii fi gowwummaa isaanii arguun dhowwameera.

Boqonnaa 22

Boqonnaa kana irratti seenaan Baalaaqii fi Bala'aam beekamaan, Israa'eliin abaaruuf yaaliin isaan godhan, akkasumas yaaliin sun fashalaa'uun isaa ni jalqaba; yeroo dheeraa booda saba Waaqayyoo Baalaaq mootiin Mo'aab maal mari'ate, akkasumas Bala'aam ilmi Be'oor deebii maal akka kenne akka yaadatan itti himameera, kunis qajeelummaa Waaqayyoo akka beekanif ture, Miik. 6:5. Boqonnaa kana keessatti wantoota armaan gadii qabna: I. Baalaaq Israa'eliin sodaachuu isaa, fi karoorri inni isaan abaarsisuuf qabu (lak. 1-4). II. Ergaa inni Bala'aamitti, nama haxxee, kaayyoo sanaaf isa fiduuf erge, fi abdii kutannaa ergaa jalqabaa irratti isa mudate (lak. 5-14). III. Bala'aam ergaa isaa lammaffaa irratti gara isaatti dhufuu isaa (lak. 15-21). IV. Bala'aam karaa irratti mormii isa mudate (lak. 22-35). V. Dhuma irratti Baalaaqii fi Bala'aam wal arguun isaanii (lak. 36, kkf).

Lakk. 1-14

Ijoolleen Israa'el dhuma irratti lafa onaa keessa jooruu isaanii xumuraniiru, achii ol ba'an (boq. 21:18), amma immoo dirree Mo'aab Yordaanos cinaa qubataniiru, achitti Museen erga du'ee booda Yordaanosiin Yosuu'aa jala darbanitti turan. Amma asitti qabna,

I. Mo'aabonni Israa'el dhihaachuu isaaniitti sodaachuu isaanii, lak. 2-4. Isaan irraa miidhaa tokkollee sodaachuu hin qaban turan yoo beekanii (Museenis akka isaan beeku godhe ta'uu mala) Waaqayyo Israa'elitti ajaja Mo'aabonni wajjin akka hin lolle, akkasumas isaan irratti diinummaa akka hin agarsiifne kenneera ture, Kes. 2:9. Garuu, yoo kana beekanii turanillee, isaan akka isaan nagaa ta'an godhanii salphaatti akka mo'ataman gochuuf gowwoomsaa qofa akka ta'e shakkan. Jaalala Abrahaamii fi Loot gidduu ture osoo hin ilaalin, Mo'aabonni yoo danda'an Israa'eliin balleessuuf murteessan, kanaafis shakkii tokko malee, Israa'el isaan balleessuuf murteesseera jedhanii fudhatan. Akka kanaan, warra hammina karoorfatanif, hamminni isaan irratti karoorfameera jedhanii fakkeessuun baramaadha; shakkii isaanii bu'uura hin qabneen hammina isaanii sababa hin qabneef uffisa godhatu. Amooraawota irratti injifannoo isaanii dhaga'u (lak. 2), akkasumas mana isaanii balaa keessa jira jedhanii yaadu yeroo mana ollaa isaanii ibidda qabatu. Baay'ina isaanii ni ilaalu (lak. 3): Isaan baay'ee turan; kana irraas yoo tarkaanfiin saffisaa fi bu'a qabeessi tokko injifannoo waraana isaanii dhaabuuf hin fudhatamne ta'e, biyya isaanii fi naannoo isaanii hunda salphaatti akkamitti akka mo'atan ni tilmaaman: "Isaan nu liqimsu yookaan nu nyaatu, akkasumas naannoo keenya hunda, akka sa'i marga nyaatutti saffisaan fi hin danda'amneen" (lak. 4), diina sodaachisaa kanaaf wal hin madaalle ta'uu isaanii amanan. Kanaafis baay'ee sodaatanii of dhiphisan; akkasumas hamoonni sodaan hin jirretti baay'ee sodaatan, Far. 53:5. Sodaa kana ollaa isaanii, jaarsolii Midiyaanitti himan, kunis nagaa isaanii waliinii eeguuf tarkaanfii tokko waliin fudhachuuf ture; mootummaan Mo'aab yoo kufe, rippabiliikiin Midiyaan yeroo dheeraaf dhaabachuu hin danda'u. Mo'aabonni, yoo barbaadanii turan, dhiheenyummaa Israa'elii fi injifannoo isaanii Amooraawota irratti argatan gaariitti fayyadamuu danda'u turan. Isaan gammaduuf sababa qabu turan, akkasumas Waaqayyoo fi Israa'elitti galata galchuuf sababa qabu turan, kunis humna Sihon mootii Amooraawotaa, kan isaan irraa kutaa biyya isaanii fudhate, akkasumas kutaa hafe balleessuuf deemu ture, irraa isaan bilisa baasuuf. Akkasumas jaalala Israa'el barbaaduuf, akkasumas gargaarsa isaaniif dhufuuf sababa qabu turan; garuu amantii abbaa isaanii Loot dhiisanii, akkasumas waaqeffannaa tolfamaatti gadi bu'anii waan turaniif, saba Waaqayyoo Abrahaam jibban, akkasumas gorsa isaanii keessatti dogoggoranii dhiphinaaf kennaman.

II. Karoora mootiin Mo'aab saba Israa'el abaarsisuuf, jechuunis Waaqayyoon isaan irratti kaasuuf, kan inni hanga ammaatti isaanif lolaa ture, qopheesse. Inni humna waraanaa isaa caalaa haxxummaa isaa amanate, akkasumas yoo raajii yookaan nama haxxee tokko, haxxummaa isaa humna qabeessa ta'een, isaan irratti hammina akka kadhatu, akkasumas ofii isaa fi humna isaa irratti eebba akka labsu gochuu danda'e, sana booda, yoo humna dhabeellee, isaan wajjin wal qabachuu danda'a jedhee yaade.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6