Maatewos 17

GAZGAZAfaan Oromoo27 Keeyyattoota5:19 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:19 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Guyyaa ja'a booddee, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase.

2Innis bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate, fuulli isaas akka biiftuu ibse uffanni isaas akka ifaa addaatee balaqqise.

3Kunoo Museenii fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan.

4Phexros gidduutti, ?Yaa gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif nan ijaara? jedhee Yesusitti dubbate.

5Utuu inni kana dubbachaa jiruu, kunoo duumessi ifa of keessaa qabu tokko isaanitti uffise. Sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhaga'aa!? jedhe.

6Bartoonni immoo sagalicha dhaga'anii adda isaaniitiin gombifaman, guddaas in sodaatan.

7Yesus garuu isaanitti dhi'aatee harkaan isaan qabee, ?Ka'aa, hin sodaatinaas!? isaaniin jedhe.

8Isaan yommuu ol ilaalan Yesus duwwaa argan malee, nama biraa tokko iyyuu hin argine.

9Isaan gaaricha irraa utuu gad bu'uutti jiranii Yesus, ?Ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa hamma kaafamutti, mul'ata argitan kana nama tokkotti iyyuu hin himinaa!? jedhee bartoota isaa abboome.

10Kana booddee bartoonni, ?Egaa maaliif barsiisonni seeraa, ?Eliyaas dura dhufuutu ta'a? jedhu?? jedhanii isa gaafatan.

11Yesus immoo deebisee, ?Eliyaas waan hundumaa iddootti deebisuudhaaf dhufuun isaa beekamaa dha.

12Ani garuu, Eliyaas kanumaan dura iyyuu akka dhufe isinittan hima; namoonni waanuma jaallatan isa irratti hojjetan malee isa hin hubanne; ilmi namaas immoo akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira? isaaniin jedhe.

13Yommus bartoonni waa'ee Yohannis cuuphaatiif isaanitti dubbachuu isaa in hubatan.

14Isaan gara tuuta sanaatti yommuu deebi'an, namni tokko Yesusitti dhi'aatee jilbeenfatee isa kadhatee,

15?Yaa gooftaa ilma koo anaaf maari, innoo dhukkuba yeroo yerootti nama kuffisu tokkoon qabamee baay'ee dhiphachaa jira; takka takka ibidda keessatti in kufa, takka takkas bishaan keessatti in kufa.

16Ani bartoota keetti isa fideera, isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye? jedhe.

17Yesus deebisee, ?Isin dhaloota hin amannee fi jajal'aa nana, hamma yoomiitti isinii wajjin jiraachuun anaaf ta'a? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Mucicha as naa fidaa!? jedhe.

18Yesus hafuuricha hamaa sana ifannaan, inni gurbicha keessaa ba'e; gurbichi immoo si'uma sana fayye.

19Bartoonni ergasii kophaatti gara Yesus dhufanii, ?Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?? jedhanii isa gaafatan.

20Yesus immoo deebisee, ?Amantiin keessan waan hir'ateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ?Asii ka'ii achi butadhu? in jettu, gaarichis asii ka'ee achi in butata; wanti isiniif hin danda'amnes hin jiru. [

21Inni akkasii kun kadhataan soomuudhaanis malee gonkumaa hin baafamu]? jedheen.

22Bartoonni Galiilaatti Yesus biratti walitti qabamnaan Yesus, ?Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee in kennama.

23Isaan isa in ajjeesu, inni garuu guyyaa sadaffaatti du'aa in kaafama? isaaniin jedhe; kana irratti bartoonni baay'ee in gaddan.

24Yesusii fi bartoonni isaa Qifirnaahomitti gallaan, warri gibira mana qulqullummaa fuudhan Phexros bira dhufanii, ?Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin baasuu?? jedhanii isa gaafatan.

25Phexros immoo deebisee, ?Lakkii in baasa? jedheen. Phexros gara manaa dhufee utuu inni hin dubbatin, Yesus, ?Maal sitti fakkaata yaa Simoon? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiis gibira eenyu irraa fudhatu? Namoota isaanii irraa moo yookiis warra ormaa irraa fudhatu?? jedhee isa gaafate.

26Phexros deebisee, ?Warra ormaa irraa fudhatu? jennaan, Yesus immoo, ?Yoos namoonni isaanii hin gaafataman kaa!

27Haa ta'u iyyuu malee, nuyi gufuu akka isaanitti hin taanetti, gara ciisa bishaanii dhaqiitii hokkoo ittiin qurxummii qaban bishaanichatti darbadhu; qurxummii isa dura ba'u fuutee, afaan isaa yoo bante, horii meetii akka birrii lamaa in argatta. Meeticha kana fuudhiitii anaaf, ofii keetiifis itti kenni!? jedheen.

Ibsa

17:1-13 Yeroo sana barattoonni ulfina Kiristoos irraa muraasa, akkuma Ilma tokkicha Abbaa irraa dhalatee, argan. Kunis amantii isaanii, yeroo inni fannifamuu isaa dhugaa ba'uuf jiranitti, jabeessuuf ture; akkasumas yeroo humna Isaaatiin jijjiiramanii Isa fakkaatanitti ulfina isaaniif qophaa'e irratti hubannoo akka argatan isaan godhe. Ergamoonni argaa ulfaataa sanaan baay'ee dinqisiifataniiru. Phexroos achuma turuun baay'ee filatamaa ta'uu isaa, akkasumas dhiphina inni dhaga'uuf fedhii guddaa hin qabne wal qunnamuuf gad bu'uu dhiisuu isaa yaade. Kana keessatti waan dubbate hin beekne. Yoo lafa kanarra Jannata barbaanne ni dogoggorra. Tabernaakiloota kamiyyuu nuti addunyaa kana keessatti ofii keenyaaf hojjechuuf yaadnuuf, yeroo hundumaa eeyyama Kiristoos gaafachuu qabna. Aarsaan sun yeroo sanaaf hin dhiyaanne ture, isa malee lubbuun namoota cubbamoo fayyuu hin dandeenye; akkasumas Phexroosii fi obboloota isaatiin hojiiwwan barbaachisoon hojjetamuu qabu turan. Phexroos dubbachaa utuu jiruu, duumessii calalaqaa tokko isaan golge, inni mallattoo argamaa fi ulfina Waaqayyoo ture. Erga namni cubbuu hojjeteetii fi sagalee Waaqayyoo iddoo dhaabaatti dhaga'eetii, mul'atoonni Waaqayyoo kanneen addaa namaaf sodaachisoo ta'aniiru. Lafti irratti gombifaman, hamma Yesus isaan jajjabeessee; yeroo naanna'anii ilaalanitti, Gooftaa isaanii akkuma yeroo hunda isa arganitti qofa argan. Karaa ulfina keenyaatti muuxannoo garaagaraa keessa darbuu qabna; akkasumas yeroo sirna amantii raawwannee gara addunyaatti deebinu, Kiristoos nuu wajjin deebisuun dhimma keenya ta'uu qaba, achiis nuu wajjin jiraachuun Isaa boqonnaa keenya ta'a.

17:14-21

Haalli ijoollee rakkatan Waaqayyotti dhiheeffamuu qaba, kadhaa amanamaa fi gadi fageenya qabuudhaan. Kiristoos mucaa sana fayyise.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከስድስት ቀንም በኋላ ኢየሱስ ጴጥሮስንና ያዕቆብን ወንድሙንም ዮሐንስን ይዞ ወደ ረጅም ተራራ ብቻቸውን አወጣቸው። አማርኛ ENGNIV After six days Jesus took with him Peter, James and John the brother of James, and led them up a high mountain by thems… English BCV ኢየሱስ ድሕሪ ሽዱሽተ መዓልቲ፥ ንጴጥሮስን ንያእቆብን ንሓዉ ዮሃንስን ወሲዱ፥ ንበይናቶም ናብ ነዊሕ እምባ ኣደየቦም። ትግርኛ GAZBIB Guyyaa ja'a booddee, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkot… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምድኅረ ስሱ መዋዕል፡ ነሥኦሙ እግዚእ ኢየሱስ ለጴጥሮስ ወለያዕቆብ ወለዮሐንስ እኁሁ ወአዕረጎሙ ደብረ ነዋኀ እንተ ባሕቲቶሙ። giz BCV aksum ኢየሱስ ድሕሪ ሽዱሽተ መዓልቲ፥ ንጴጥሮስን ንያእቆብን ንሓዉ ዮሃንስን ወሲዱ፥ ንበይናቶም ናብ ነዊሕ እምባ ኣደየቦም። ትግርኛ AMHNIV ከስድስት ቀን በኋላ ኢየሱስ፣ ጴጥሮስንና ያዕቆብን እንዲሁም የያዕቆብን ወንድም ዮሐንስን ወደ አንድ ከፍ ያለ ተራራ ብቻቸውን ይዞአቸው ወጣ። አማርኛ SWAHSUV Na baada ya siku sita Yesu akawatwaa Petro, na Yakobo, na Yohana nduguye, akawaleta juu ya mlima mrefu faraghani; Kiswahili