Maatewos 16

GAZGAZAfaan Oromoo28 Keeyyattoota5:13 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:13 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Warri Fariisotaa fi warri Saduqootaa dhufanii Yesusin qoruudhaaf, akka inni milikkita waaqa irraa isaan argisiisuuf gaafatan.

2Inni immoo deebisee, ?[Yeroo galgalaa'u, ?Waaqni diimateera, kanaaf bor bokkaan hin roobu?

3ganama immoo, ?Boruun diimatee duumessi irra buufateera, kanaaf har'a in rooba? in jettu. Egaa bifa waaqaa ilaaltanii waan ta'u himuu beektu, milikkita yeroo kanaa immoo hubachuu hin dandeessan.]

4Dhaloonni hamaan gara gaggalaanis milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf? isaaniin jedhe. Kana booddee achumatti isaan dhiisee adeeme.

5Bartoonni yeroo bishaanicha gamatti ce'anitti, buddeena tokko illee fudhachuu irraanfatan.

6Yesus immoo, ?Ilaaladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi, warra Saduqootaa irraas of eeggadhaa!? isaaniin jedhe.

7Yommus isaan walii isaanii gidduutti dudubbatanii, ?Isa nuyi buddeena hin fudhatiniif akkas jedha? jedhan.

8Yesus garuu kana baree, ?Yaa warra amantii hir'uu! Maaliif waa'ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii walii keessan gidduutti dudubbattu?

9Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii? Buddeenan shanan namoota kuma shaniif kennaman, hurraa gundoo meeqas akka walitti qabdan hin yaadattanii ree?

10Yookiis buddeenan torban namoota kuma afuriif kennaman, gundoo meeqas walitti qabdan?

11Attamittis waa'ee buddeenaaf akka ani isinitti hin dubbatin yaadatti fudhachuu dadhabdani ree? Anoo raacitii warra Fariisotaa fi Saduqootaattii of eeggadhaan jedhe? isaaniin jedhe.

12Ergasii isaan, waa'ee raacitii buddeenaa utuu hin ta'in, barsiisa warra Fariisotaa fi Saduqootaattii akka of eeggatan jechuu isaa akka ta'e hubatan.

13Yesus gara naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos yommuu dhaqe, ?Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate.

14Isaan yommus deebisanii, ?Kaan ?Inni Yohannis cuuphaa dha? jedhu, kaan ?Inni Eliyaas?, kaanis ?Inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko? jedhu? jedhan.

15Yesus immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee isaan gaafate.

16Simoon Phexros deebisee, ?Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti? jedhe.

17Kana irratti Yesus deebisee, ?Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! Kana abbaa koo isa waaqa irra jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne.

18Anis sittan hima, akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta'e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo'us.

19Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a? jedhe.

20Yommusumas Masiihicha ta'uu isaa nama tokkotti iyyuu akka isaan hin himneef, bartoota isaa cimsee abboome.

21Yeroo sanaa jalqabee Yesus gara Yerusaalem akka dhaqan harka maanguddootaatiin, harka luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuun, ajjeefamuun, guyyaa sadaffaattis du'aa kaafamuun akka isa irra jiru bartoota isaatti mul'isuutti ka'e.

22Phexros immoo gara bukkeetti isa qabee, ?Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin ta'uuf? jedhe isa gorsuutti ka'e.

23Inni garuu gara gale Phexrosiin, ?Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu? jedhe.

24Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u!

25Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in argata.

26Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree?

27Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf.

28Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin du'in, ilmi namaa mootummaa isaatiin dhufuu isaa arguuf jiru? jedhe.

Ibsa

16:1-4

Fariisonnii fi Saaduqoonni qajeelfamaa fi amala isaaniitiin wal faallessaa turan; haa ta'u malee, Kiristoos irratti walitti makaman. Haa ta'u malee, mallattoo mataa isaanii filatan barbaadan: mallattoowwan warra dhukkubsataa fi gadditootaa rakkina irraa bilisa baasan tuffatanii, waan fedhii beekuu of tuultotaa guutu gaafatan. Yeroo nuti mallattoowwan Waaqayyo kan murteesse tuffannu, mallattoowwan mataa keenyaan qopheessinu barbaaduun fakkeessummaa guddaadha.

16:5-12

Kiristoos waa'ee wantoota hafuuraa fakkeenyaan yoo dubbatu, barattoonni garuu waa'ee wantoota foonii isa hubachuu dhaban. Isaan waa'ee buddeenaa akka isaan ofii yaadanitti inni yaada jedhanii amanuun, akkasumas mala lallaba isaa hamma kana beekuu dhabuun isa mufachiise. Sana booda wanta inni jechuu barbaade isaan hubatan. Kiristoos Hafuura Ogummaa isa garaa keessa jiruun, hubannaa gara Hafuura Mul'ataa isa sagalee keessa jirutti banuudhaan ni barsiisa.

16:13-20

Pheexiroos, ofii isaatii fi obboloota isaatiif, Gooftaan keenya Masiihii waadaa galame sana, Ilma Waaqayyo jiraataa ta'uu isaa, akka isaan mirkanaa'anii turan dubbate. Kun immoo Yesus nama qofa caalaa akka ta'e isaan amanaa turan argisiisa. Gooftaan keenya Pheexiroos akka eebbifame dubbate; sababiin isaa barsiifni Waaqayyoo isa lammiiwwan isaa warra hin amanne irraa adda godheera. Kiristoos itti dabalee maqaa Pheexiroos jedhu jajjabina yookiin dhaabbataa ta'uu isaa dhugaa amanuu fi labsuu isaa irraa kan ka'e akka isaaf kenne dubbate. Jechi ‘kattaa’ jedhamee hiikame, jecha Pheexiroos jedhu wajjin tokko miti, garuu hiika walfakkaataa qaba. Kiristoos nama Pheexiroos sana kattaan jedhe jechuu yaaduu caalaa wanti dogoggora ta'u hin jiru. Shakkii malee, Kiristoos inni mataan isaa Kattaa, bu'uura waldaa Kiristiyaanaa isa qoramame dha; namni kan biraa kaawwachuuf yaalu immoo Wayyoo! Amanannaan Pheexiroos akka barsiisaatti kattaan kun isa dha. Yoo Yesus Kiristoos hin taane, warri isa kan keenya jedhan waldaa Kiristiyaanaa keessaa miti, garuu gowwoomsaawwan yookiin gowwoomfamanidha.

Itti aansuudhaan Gooftaan keenya aboo Pheexiroos isaaf kennamu dubbate. Inni maqaa obboloota isaa keessaan dubbate, kunis akkuma isaaf ta'e isaanis ni ilaallata.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6