Luqaas 8

GAZGAZAfaan Oromoo56 Keeyyattoota11:29 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 11:29 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yeroo gabaabaa booddee Yesus mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture; bartoonni isaa kudha lamaanis isaa wajjin turan.

2Akkasumas immoo dubartoonni hafuurota hamootaa fi dhukkuba garaa garaattii fayyifaman duukaa in bu'u turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan jedhamtu, ishee hafuuronni hamoonni torba keessaa baafaman;

3Yo'anaa haadha manaa Kuuzaa, isa mana eegduu Herodis ture; Susanaa, baay'eenis kan biraa turan. Isaan immoo qabeenya isaaniitiin Yesusii fi bartoota isaatiif in hojjetu turan.

4Namoonni yommus mandara garaa garaatii gara Yesusitti in yaa'u turan. Tuuti gobbuun yeroo walitti qabametti, Yesus fakkeenya kana itti hime;

5?Namichi tokko sanyii facaafachuudhaaf ba'e; utuu facaasuus kaan karaa bukkee bu'anii, achitti namni irra ejjete; simbirroonnis funaananii nyaatan.

6Kaan immoo lafa dhagaa qabu irra bu'an; erga biqilaniis biyyoon isaa jiidha waan hin qabneef gogan.

7Sanyii faca'e keessaa kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattichis wajjin biqilee isaan hudhe.

8Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddataniis tokkon tokkon isaanii dachaa dhibba ija godhatan? jedhe. Yesus sagalee isaa ol fuudhee, ?Gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedheen.

9Ergasii bartoonni isaa, ?Hiikaan fakkeenya kanaa maali?? jedhanii Yesusin gaafatan.

10Yesus deebisee, ?Dhoksaa mootummaa Waaqayyoo beekuun isiniif kennameera; warra kaaniif garuu, utuma ilaalanii akka hin arginetti, utuma dhaga'anii akka hin hubannetti, fakkeenyaan in kennama? isaaniin jedhe.

11?Hiikaan fakkeenya namicha sanyii facaasuu isa kana; sanyichi dubbii Waaqayyoo ti.

12Karaa bukkeen, fakkeenya warra dubbii Waaqayyoo dhaga'anii, yommusumas Seexanni dhufee akka isaan amananii ittiin hin fayyineef, dubbicha garaa isaanii keessaa butatuu ti.

13Lafti dhagaa, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii gammachuudhaan fudhatanii ti; garuu hidda gad fagoo waan hin qabaanneef, yeroodhaaf in amanu; yommuu qoramni dhufuttis irraa kufu.

14Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, yaaddoon, soorumnii fi qannoon jireenyaa dacha'anii isaan huunaan, ija utuu hin godhatin hudhaatti hafanii ti.

15Lafti gaariin, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan fudhatanii, rakkina hundumaa obsanii ija godhatanii ti? jedhe.

16?Homtinuu ibsaa qabsiisee, guuboo jala yookiis siree jala hin kaa'u; warri mana sanatti ol galan hundinuu ificha akka arganiif, baattuu ibsaa irra kaa'a malee.

17Waan tokko illee dhokatee utuu hin mul'atin kan hafu hin jiru, dhoksaatti kan eegames bakkeetti ba'ee utuu hin dhaga'amin kan hafu hin jiru.

18?Kanaafis akka itti dhageessanitti akeekkadhaa! Isa qabuuf, itti dabalamee in kennamaaf; kan hin qabne garuu, innumti inni qaba se'u iyyuu isa duraa in fudhatama? jedhe.

19Yommus haati Yesusii fi obboloonni isaa isa barbaacha dhufan; garuu baay'ina namaatiif isa bira ga'uu hin dandeenye.

20Kanaaf namni tokko, ?Haati kee fi obboloonni kee ala dhaabatanii jiru, si arguu barbaadus? ittiin jedhe.

21Yesus immoo deebisee, ?Haati koo fi obboloonni koo warra dubbii Waaqayyoo dhaga'anii fi raawwatanii dha? jedhe.

22Gaaf tokko Yesus bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, ?Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceena? isaaniin jedhe; achumaanis bishaanicha irra bu'an.

23Utuu bidiruudhaan ce'aa jiranii, Yesus achuma keessa rafe. Qilleensi jabaan immoo gara bishaanichaatti gad bubbisaa dhufe; bidiruu isaaniittis bishaan itti guutuu jalqabnaan, jireenya isaaniitiif sodaatan.

24Yommus bartoonni gara Yesusitti dhi'aatanii, dammaqsanii, ?Barsiisaa, barsiisaa, ka'i nu'oo dhumuuf? jedhan. Achumaan dammaqee, qilleensichaa fi dha'aa bishaanichaa, isa hunkuramaa ture sana, ifate; qilleensichii fi dha'aan bishaanichaa dhaabannaan, gabiin guddaan isaa ta'e.

25Kana booddee inni bartoota isaatiin, ?Meerree amantiin keessan?? jedhe; isaan garuu naasuudhaaf dinqifachuudhaan, ?Namni kun eenyu? Innoo qilleensaa fi bishaan in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.

26Bidirichaan gara kutaa biyya Gergeessaatti ce'an; innis fuullee Galiilaa ture.

27Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bu'etti, kunoo namni mandara sanaa, hafuuronni hamoonni keessa turan tokko itti dhufe. Namichi yeroo dheeraadhaa jalqabee qullaa isaa in adeema, awwaalota gidduu jiraata malees, manatti hin galu ture.

28Inni yeroo Yesusin arge caraanee, fuula isaa durattis lafa dha'ee, sagalee guddaadhaanis, ?Yaa Yesus ilma Waaqayyoo aabbaa, maal nattii qabda? Maaltus dhimma koo keessa si buuse? Sin kadhadha ana hin dhiphisin? jedhe.

29Kana jechuun isaas, hafuurichi hamaan namicha keessaa akka ba'uuf, Yesus waan abboomee tureef. Yeroo baay'ee hafuurichi hamaan yommuu isa qabu, funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin isa hidhanii, eeguu utuma yaalanii, hidhaa sana ciree, humna hafuuricha hamaatiin gara lafa namni hin jirreetti in oofama ture.

30Yesus, ?Maqaan kee eenyu?? jedhee gaafannaan, ?Maqaan koo ?Legewoon?? jedhee deebise; sababiin isaas hafuuronni hamoonni baay'een namichatti galanii waan turaniif.

31Hafuuronni hamoonni qileetti akka isaan hin ergine Yesusin kadhatan.

32Dirree gaaricha sanaa irras, kunoo hoomaan booyyee bobba'anii turan; hafuuronni hamoonni booyyee sanatti galuudhaaf isa kadhannaan, haa dhaqaniif isaan dhiise.

33Kanaafis hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'an, booyyota sanatti waan galaniif, hoomaan sun hundinuu hallayaa irraa harootti gad konkolaatanii, liqimfaman.

34Warri booyyee tiksan waan ta'e yommuu argan baqatanii, warra mandara keessaa fi warra biyyaattis odeessan.

35Sabni dhaga'anis waan ta'e ilaaluudhaaf ba'anii, gara Yesus dhufan. Achittis namicha, hafuuronni hamoonni keessaa ba'an, wayyaa uffatee qalbii isaattis deebi'ee, miilla Yesus jala taa'ee argan; yommus hundumti isaanii in sodaatan.

36Warri duraan achi turanii, akka namichi itti fayye arganis, jaratti himan.

37Kana booddee sabni kutaa biyya Gergeessaa hundinuu gar-malee waan sodaataniif, Yesus isaan biraa akka adeemuuf gaafatan; kana irratti inni bidiruu yaabbate achii in adeeme.

38Yesus utuu hin adeemin, namichi inni hafuuronni hamoonni keessaa ba'an, ?Sii wajjinan adeema? jedhee isa kadhatee ture; Yesus garuu, of biraa isa deebisee,

39?Mana keetti deebi'i waan Waaqayyo siif godhes himi!? ittiin jedhe. Namichi yommus Yesus biraa deebi'ee, guutummaa mandarichaa keessa naanna'ee waan inni godheef dhugaa ba'e.

40Yeroo Yesus bishaan ciisaa gamatti deebi'etti, tuuti jaraa isa siman; hundumti isaanii isa egaa turani'o.

41Keessumaa immoo, geggeessituun mana sagadaa tokko, Yaayiros kan jedhamu dhufee, miilla Yesus jalatti kufee, gara mana isaatii akka dhaquuf kadhate.

42Intalli tokkittiin inni qabu, waggaa kudha lama kan geesse, duraa du'uuf jetti turte. Yommuu Yesus dhaquudhaaf karaa irra bu'ettis, namoonni isatti tuuta'anii hafuura kutu turan.

43Kana gidduus dubartiin tokko turte. Isheen waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkachaa turte, ogeessota qorichaa biras dhaquudhaan horii ishee hundumaa fixe; haa ta'u iyyuu malee, namni tokko ishee fayyisuu hin dandeenye.

44Isheen kun dugda isaa duubaan dhuftee andaara uffata Yesus tuqxe; achumaanis lolaan dhiiga ishee dhaabate.

45Yesus immoo, ?Eenyutu na tuqe?? jedhee gaafate. Adduma addaan ana miti jennaan, Phexros, ?Yaa barsiisaa, sabni kunoo si marsee jira, si cunqursas? jedheen.

46Yesus garuu, ?Lakkii, namni na tuqe jira, humni fayyisu akka na biraa ba'e anatti dhaga'ameera? jedhe.

47Yommus dubartittiin akka dhokachuu hin dandeenye hubattee, rom'aa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; achumaanis jarreen sana hundumaa duratti, maaliif akka isa tuqxe, battaluma sanattis akka fayyite dhugaa baate.

48Yommus Yesus, ?Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!? isheedhaan jedhe.

49Utuu inni kana dubbachaa jiruu immoo namni geggeessituu mana sagadaa sanaa tokko, ergaa himuu dhufee, Yaayirosiin, ?Intalli kee duuteetti si'achi barsiisicha hin dhamaasin!? jedhe.

50Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, ?Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti? jedheen.

51Manicha bira yommuu ga'e Phexros, Yohannis, Yaaqoob akkasumas abbaa mucaatii fi haadha ishee malee, namni kan biraa isaa wajjin akka ol lixu hin barbaanne.

52Achiis hundinuu mucattiidhaaf in boo'u, in wawwaatus turan. Yesus immoo, ?Hin boo'inaa! Intalattiin hin duune, rafuutti jirti malee? jedhe.

53Isaan hundumti isaanii garuu intalattiin akka duute beeku waan turaniif, itti kolfan.

54Haa ta'u iyyuu malee, Yesus harka ishee qabee, ?Intalo, ka'i!? jedhee waame.

55Yommus lubbuun ishee keessa deebitee, achumaanis kaate; inni immoo waan nyaatu akka kennaniif abboome.

56Abbaan isheetii fi haati ishee gammadanii of wallaalan; Yesus garuu, waan ta'e eenyutti illee akka hin himne isaan dhowwe.

Ibsa

8:1-3

Asitti nutti agarsiifama Kristos hojii jireenya isaa kan yeroo hundaa taasise, inni wangeela barsiisuu ture. Oduun Mootummaa Waaqayyoo oduu gammachisaa dha, akkasumas waan Kristos fiduu dhufe. Dubartoonni muraasni isa waliin turan, warri qabeenya isaaniitiin isa tajaajilan. Kun haala gadadoo Fayyisaan of-gadi itti qabe, gaarummaan isaanii isa barbaachisuu isaa agarsiisa; akkasumas of-gadi qabuu isaa guddaa, inni gaarummaa isaanii sana fudhachuu isaa ibsa. Dureessa ta'us, nuuf jedhee inni hiyyeessa ta'e.

8:4-21

Fakki nama facaasaa keessatti, akkasumas hojiirra oolmaa isaa wajjin, dubbii dhaggeeffachuuf seerotaa fi akeekkachiisota hedduu barbaachisoo fi baay'ee gaggaarii ta'an ni jiru. Eebbifamoodha nuti, akkasumas ayyaana bilisaatiif bara baraan liqeeffamoodha, yoo wanti nama biraatiif fakkeenyuma ta'ee isaan dinqisiisu qofa, nuuf dhugaa ifaa ta'ee, isaanis barree fi geggeeffamne. Dubbii dhageenyuun bu'aa argachuu keenya gufachiisan irraa of eeggachuu qabna; akka ofiirraa qofa hin dhageenyeef, akkasumas salphaatti hin fudhanneef; akka dubbii dhageenyu irratti loogii duraan hin qabaanneef; akkasumas dubbii dhageenyee booda hafuura keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna, akka wanta arganne hin dhabneef. Kennaawwan qabnu, akkuma isaan ulfoo Waaqayyoof, akkasumas gaarummaa obboleewwan keenyaaf itti fayyadamnuun, nuuf ittifufu yookiin hin ittifufu. Dhugaa jal'ina keessa qabachuu dhabuun qofti gahaa miti; dubbii jireenyaa mul'isuu hawwuu qabna, akkasumas akka ifnu, warra naannoo keenya jiraniif hundaaf ifa kennuudhaan. Jajjabina guddaatu kennama warra dubbicha dhaggeeffattoota amanamoo ta'uusaanii, hojii hojjetoota ta'uudhaan agarsiisanitti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከዚህም በኋላ እየሰበከና ስለ እግዚአብሔር መንግሥት የምሥራች እየተናገረ በየከተማይቱ በየመንደሩም ያልፍ ነበር፤ አማርኛ ENGNIV After this, Jesus traveled about from one town and village to another, proclaiming the good news of the kingdom of God.… English BCV ድሕሪዙይ ኢየሱስ፥ መንግስቲ እግዚኣብሄር እናሰበኸን እናብሰረን፥ በብኸተማታትን በብዓድታትን ይዘዋወር ነበረ። እቶም ዓሰርተ ኽልተ ደቀ መዛሙርቱውን ምስኡ ነበሩ። ትግርኛ GAZBIB Yeroo gabaabaa booddee Yesus mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture; b… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ በሳኒታ አንሶሰወ እግዚእ ኢየሱስ ውስተ አህጉር ወአዕጸዳት ወሰበከ ሎሙ ወመሀሮሙ በእንተ መንግሥተ እግዚአብሔር ወምስሌሁ ዐሠርቱ ወክልኤቱ አርዳኢሁ። giz BCV aksum ድሕሪዙይ ኢየሱስ፥ መንግስቲ እግዚኣብሄር እናሰበኸን እናብሰረን፥ በብኸተማታትን በብዓድታትን ይዘዋወር ነበረ። እቶም ዓሰርተ ኽልተ ደቀ መዛሙርቱውን ምስኡ ነበሩ። ትግርኛ AMHNIV ከዚህ በኋላ ኢየሱስ የእግዚአብሔርን መንግሥት የምሥራች ቃል እየሰበከ በየከተማውና በየመንደሩ አለፈ። ዐሥራ ሁለቱም ከእርሱ ጋር ነበሩ፤ አማርኛ SWAHSUV Ikawa baada ya hayo alikuwa akizungukazunguka katika miji na vijiji akihubiri na kuitangaza habari njema ya ufalme wa M… Kiswahili