Luqaas 24

GAZGAZAfaan Oromoo53 Keeyyattoota7:57 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:57 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa] obboroo, dubartoonni sun urgooftuu dibataa isa qopheessanii turan, fudhatanii gara awwaalichaa dhaqan.

2Dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turanis, gara galfamee argatan.

3Awwaalicha keessa yommuu lixan garuu, reeffa gooftaa Yesus hin arganne.

4Waa'ee kanaa waan jedhan wallaalanii utuu jiranii, kunoo dingata namoonni lama wayyaa caccalaqqisaa uffatanii isaan bukkee dhaabatan.

5Dubartoonni baay'ee sodaatanii lafa ilaalan; namoonni sun immoo, ?Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu?

6Innoo as hin jiru, ka'eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa!

7?Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf jira? jedhe? ittiin jedhan.

8Yommus isaan dubbii isaa yaadatan.

9Iddoo awwaalichaatii yeroo deebi'an immoo, kana hundumaa ergamoota kudha tokkonuutti, warra kaan hundumaattis odeessan.

10Warri kana walii wajjin ergamootatti odeessan immoo, Maariyaam ishee Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota kan biraas turan.

11Garuu dubbiin kun kan hundee hin qabne isaanitti fakkaate, kanaafis dubbii isaanii hin amanne.

12Haa ta'u iyyuu malee, Phexros ka'ee gara iddoo awwaalichaatti fiigee, gad jedhees awwaalicha keessatti kafana isaa duwwaa arge; kana booddee immoo wanta ta'e kana dinqifachaa gara manaatti deebi'e.

13Gaafasuma isaan keessaa namoonni lama gara ganda, mandara Yerusaalem irraa akka kiilo metrii kudha tokkoo yookiis akka adeemsa sa'aatii lamaa fagaatu, maqaansaas Emaahus jedhamu tokko in dhaqu turan.

14Jarri karaatti waa'ee waan gidduu sana ta'e hundumaa kaasanii, haasa'aa in adeemu turan.

15Utuu isaan haasa'aa, irrattis dudubbachaa adeemanii, Yesus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme.

16Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture.

17Yommus Yesus, ?Inni isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maalii?? jennaan, nyaara guuranii achuma dhaabatan.

18Isaan keessaa inni Qileyophaa jedhamu tokko deebisee, ?Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta'e kan hin beekne, si'uma duwwaa dhaa?? jedhe.

19Inni, ?Waan attamii ti?? isaaniin jennaan, isaan immoo, ?Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,

20akka luboonni warri angafoonni, warri biyya seerratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis.

21Nuyi garuu kan Israa'elin furu isa, jennee abdannee turre; eyyee, kana hundumaa irratti iyyuu immoo kun erga ta'e har'a guyyaa sadaffaa isaa ti.

22Kana malees, warra gara keenyaa keessaa dubartoonni ganama obboroo iddoo awwaalichaa dhaqan tokko, akka abjuu nu godhan.

23Isaan achii deebi'anii reeffa isaa awwaalicha keessaa akka dhaban, garuu ergamoonni Waaqayyoo itti mul'atanii, ?Yesus jiraataa dha? akka ittiin jedhan nutti himan.

24?Warra nuu wajjin turan keessaas kaan gara awwaalichaa dhaqanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta'uu isaa baran, isa garuu hin argine? jedhanii itti himan.

25Inni immoo, ?Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha.

26Kristos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turree moo ree?? isaaniin jedhe.

27Innis macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.

28Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, Yesus akka waan darbee adeemuu fedhetti aggaame.

29Isaan garuu, ?Nu bira turi, galgalaa'ee aduunis gad sokkiteetti? jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale.

30Jaraa wajjin nyaatatti yeroo dhi'aates, buddeenicha fuudhee, eebbisee, cabsees isaaniif kenne.

31Yommus iji isaanii ittifamee kan ture gad dhiifame, hubatanis, inni garuu isaan duraa miliqe.

32Isaan immoo, ?Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?? waliin jedhan.

33Yeroodhuma sanattis ka'anii Yerusaalemitti deebi'an; achitti immoo bartoota kudha tokkon, warra isaan biraa wajjin walitti qabamanii, argan.

34Warri walitti qabaman sun, ?Gooftichi dhuguma du'aa ka'eera, Simoonittis mul'ateera? in jedhu turan.

35Yommus jarreen lamaan waan karaatti ta'e hundumaa, yeroo inni buddeena cabsetti, attamitti akka isa baranis odeessan.

36Jarreen lamaan kana utuu himaa jiranii, Yesus ofii isaa isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.

37Isaan garuu ekeraa waan argan itti fakkaatee, na'anii sodaatan.

38Inni immoo, ?Maaliif yaadaan rakkattan? Mamnis maaliif garaa keessan keessaa ka'a?

39Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti'o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu? jedhe.

40Yeroo kana jedhettis harka isaa fi miilla isaa isaan argisiise.

41Isaan gammaduudhaaf raajeffachuu irraa kan ka'e, amma iyyuu amanuu dadhabnaan, ?Waan nyaatamu tokko asii qabduu?? jedheen.

42Kana irratti isaan qurxummii waadamaa seeraa tokko kennaaniif.

43Inni fudhatee isaan fuul duratti nyaate.

44Kana booddees Yesus, ?Yommuun isinii wajjin ture waa'ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo isa kana? isaaniin jedhe.

45Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.

46?Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf akka jiru,

47yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera.

48Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha.

49Kunoo, isa abbaan koo isin abdachiise isiniif nan erga, garuu akka nama uffannaa guutuu uffatutti waaqa irraa humna hamma argattanitti mandaricha keessa turaa? isaaniin jedhe.

50Kana booddee Yesus mandaricha keessaa baasee, hamma Bitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lachuu ol fuudhees isaan eebbise.

51Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba'ee, gara waaqa keessaatti ol fudhatame.

52Isaanis sagadaniifii, gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an;

53gaafa hundumaas mana qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo galateeffachaa turan.

Ibsa

24:1-12 Dubartoonni Kiristoos erga du'ee awwaalamee booda isaaf jaalalaafi ulfina agarsiisan ilaalaa. Dhagaichi gara biraa deebi'ee, awwaallichis duwwaa ta'ee yeroo argan dinqisiifannaa isaanii hubadhaa. Kiristaanonni yeroo baay'ee waan isaan jajjabeessee onnachiisuu qabuun mataa isaanii dhiphisu. Isaan Ergamoota uffata calaqqisuu keessatti argachuu mannaa, Gooftaa isaanii uffata awwaalaa isaa keessatti argachuuf yaadu. Ergamoonni du'aa ka'uu isaa; humna isaa danda'aa ta'een ka'uu isaa isaan mirkaneessan. Ergamoonni samii kun wangeela haaraa hin fidne, garuu dubartoota sana jechoota Kiristoos isaanii yaadachiisanii, akkamitti akka isaan hojii irra oolchan isaan barsiisu. Duuka buutonni kun, kanneen Yesuus Ilma Waaqayyoo fi Masiihii dhugaa ta'uu amanan, kanneen irra deddeebi'amee akka inni du'uu, deebi'ee ka'uu, sana booda ulfina isaa seenuu qabu itti himamee ture, kanneen al tokkoo ol namoota du'an kaasaa argan, garuu ofii isaa ka'uu isaa amanuuf akkasitti duubatti deebi'uu isaanii nama dinqisiisa. Garuu dogoggorri amantii keenya keessa jiru hundinuu wallaalummaa yookiin dagannaa jechoota Kiristoos dubbate irraa madda. Pheexiros inni dhiyoo kana Gooftaa isaa jalaa baqate, amma gara awwaalichaa fiige. Ni dinqisiifate. Wanti nu burjaajessuu fi nu dhiphisu baay'een jira, kanneen yoo jechoota Kiristoos sirriitti hubanne ifaa fi bu'aa qabeessa nuuf ta'uu danda'an turan.

24:13-27

Mul'annaan Yesuus barattoota lamaan gara Emaawus deeman kanaaf mul'ate, guyyaa inni du'aa ka'e sana ture. Barattoonni Kiristoos waa'ee du'aa fi du'aa ka'uu isaa waliin mari'achuun baay'ee sirrii dha; akkasitti beekumsa walii isaanii fooyyessuu, yaada walii isaanii haaressuu, akkasumas jaalala amantaa qulqullaa'aa walii isaanii kakaasuu danda'u. Bakka namoonni lama qofti hojii akkanaatti sirriitti bobba'anitti, inni isaan bira dhufa, akkasumas nama sadaffaa ta'a. Warri Kiristoosiin barbaadan isa argatu: Inni warra isa gaafatanitti of mul'isa; akkasumas warra gargaarsa beekumsaaf qabanitti fayyadamanitti beekumsa kenna. Akkamitti akka ta'e hin beekamu, garuu akkasuma ture, isa hin beekne; inni akka isaan bilisaan isaa wajjin haasa'aniif akkasitti ajaje. Barattoonni Kiristoos yeroo hedduu gaddanii fi dhiphatu, yeroo gammachuuf sababii qabanitti illee; garuu dadhabina amantaa isaaniitiin, jajjabina isaaniif dhihaate fudhachuu hin danda'an. Kiristoos sadarkaa ol-ka'iinsaa isaatti seenus, inni gadda barattoota isaa hubata, akkasumas dhiphina isaaniitti dhiphata. Warri waa'ee du'aa fi dhiphina Yesuus hin beekne Yerusaalemitti alagaa dha. Warri beekumsa Kiristoos fannifame qaban, beekumsa sana facaasuu barbaaduu qabu. Gooftaan keenya Yesuus dadhabina amantaa isaanii Caaffata Qulqullaa'oo Kakuu Moofaa irratti qabanif isaan ceepha'e. Yoo gorsa Waaqayyoo, akkuma Caaffata Qulqullaa'oo keessatti mul'ifametti, bal'inaan beeknee turre, rakkina nuti yeroo baay'ee of keessa galchinuuf hin saaxilamnu turre. Inni dhiphinni Kiristoos karaa ulfina isaatti isaan geessuuf sirriitti murtaa'e akka ta'e isaanitti argisiise; garuu fannoon Kiristoos isa isaan ofiin wal hin simsiifanne ture. Musee irraa jalqabee, barreessaa Kakuu Moofaa isa jalqabaa hafuuraan barreessee, Yesuus waa'ee ofii isaa isaanitti hiike.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6