Iyo'eel 3

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota5:23 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:23 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo,“Kunoo, bara sanatti, guyyaa sanattis Yihudaa fi Yerusaalem keessaa warra booji'aman yommuun deebisu,

2saba lafa irraa hundumaa walitti qabee, dachaa Yoshaafaaxitti nan geessa; sababii isaan saba dhuunfaa koo, Israa'elin tamsaasanii, biyya koos hirmaataniif achitti isaanitti nan farada;

3isaan buufata mukaatiin saba koo hirmaatanii, ijoollee dhiiraa dubartii wajjin gaalamootaniif gatii kennanii, ijoollee durbaa immoo daadhii wayniitti gurguratanii ittiin in dhugan.

4“Amma isin warri Xiirosii fi Sidoon warri kutaawwan biyya Filiisxiyaa keessa jirtan hundinuu maal ana irraa qabdu” Wanta ani hojjedhe tokkoof ijaa ana baafachaa jirtuu ree” Yoo ijaa ana baafattu ta'eef, ani hojii keessan dafee ariitiidhaan mataa keessanitti nan deebisa;

5egaa isin meetii koo fi warqee koo akkasumas mi'a koo isa gati-jabeessa fudhattanii mana mootummaa isa kan keessanii keessa in kaa'attan.

6Namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem biyyaa baaftanii fageessuuf jettanii warra Griikotaatti isaan in gurgurtan.

7Kunoo ani iddoo isin isaan itti gurgurattan sanaa isin irratti isaan nan kaasa, hojii keessanis mataa keessanitti nan deebisa;

8ani ijoollee dhiiraa keessanii fi ijoollee durbaa keessan namoota Yihudaatti nan gurgura, isaan immoo dabarsanii namoota Saabaatti biyya fagootti isaan in gurguratu” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

9Egaa saba lafa irraa waamaatii, “Lolaaf qophaa'aa! Loltootas dammaqsaa! Loltoonni hundinuu as dhi'aatanii haa rukutan!

10Maarashaa keessan billaa isaa, haamtuu keessanis eeboo isaa tumsiifadhaa! Inni dadhabaanis,“Ani jabaa dha!” haa jedhu!

11Isin sabni lafa irraa hundinuu iddoo hundumaatii walitti qabamaatii dafaa as kottaa!” jedhaa! Yaa Waaqayyo ati immoo loltuu kee gad ergi!

12Sabni lafa irraa ka'anii gara dachaa Yoshaafaax haa dhufan! Ani immoo achi taa'ee saba iddoo garaa garaatii dhufan hundumaatti nan farada;

13midhaanichi haamamuu ga'eera, egaa haamtuu keessan fuudhaatii ka'aa! Kottaa ija waynii sana irra ejjedhaa! Akka iji waynii walitti qabamee yommuu cuunfamu daadhiin isaa qodaa itti cuunfamu guutee irra dhangala'u, hamminni isaaniis akkasuma guddaa waan ta'eef isaan cuunfaa!

14Guyyaan Waaqayyo, dachaa firdii keessatti waa hojjetu waan dhi'aateef, namoonni baay'een, namoonni baay'ee danuun dachaa sanatti in yaa'u;

15aduunii fi ji'i in dukkanaa'u; urjoonnis ifa isaanii hin kennan.

16Waaqayyo Xiyoon keessaa in qaqawweessa'a, Yerusaalem keessaas sagalee isaa in dhageessisa; waaqnii fi lafti in raafamu, Waaqayyo garuu saba isaa ijoollee Israa'eliif iddoo baqaa fi masaraa in ta'a;

17kanaafis saba isaatiin, “Yommus ani Waaqayyo gooftaan keessan Xiyoon tulluu koo isa qulqullaa'aa irra akkan jiraadhu in beektu; Yerusaalemis qullooftuu in taati; sabni ormis deebi'ee ishee hin qabatu.

18“Guyyaa sanattis tulloonni daadhii haaraa in coccobsu, gaaronnis aannan in baasu; laga Yihudaa hundumaa keessas bishaan in yaa'a; bishaan mana qulqullummaa keessaa burqus dachaa Shiixiim in obaasa;

19sababii namoonni Gibxii fi namoonni Edoom namoota Yihudaa irratti humnaan ka'anii biyya isaanii keessatti dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasaniif, biyyi Gibxii in onti, biyyi Edoomis ontee in barbadoofti.

20Biyya Yihudaa keessa bara baraan, Yerusaalem keessas dhalootaa hamma dhalootaatti namoonni in jiraatu;

21gumaa isan dur namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalemiif hin baasin ture, amma nan baasaaf; kana booddee ani Waaqayyo Xiyoon keessa nan jiraadha” jedheera.

Ibsa

3:1-8 Yihudoonni deebi'anii dhaabachuu isaanii fi amantiin dhugaa warra isa morman hundumaa irratti moo'icha isa dhumaa argachuun isaa asitti dursee dubbatameera fakkaata. Yihudoonni akka sabaatti yeroo baay'ee salphinaa fi tuffiin ittiin ilaalaman, akkasumas gatii xiqqaadhaan ilaalamuu isaanii asitti eerameera. Namni tokko illee Waaqayyoo yookiin waldaa Isaa irratti garaa isaa jabeessuudhaan yeroo dheeraadhaaf hin milkoofne.

3:9-17

Dubbiin kun diinota saba Waaqayyoo hundumaaf akeekkachiisa cimaadha. Murtoowwan Waaqayyoo jalaa ba'uun hin danda'amu; cubbamoonni garaa jabaatan, guyyaa dheekkamsa sanaa, jajabinaa fi gammachuu hundumaa irraa guutummaatti ni dhabamu. Raajonni hedduun injifannoo dhumaa wal fakkaatu kana, kan waldaa Waaqayyoo warra isa morman hundumaa irratti argatu, duraan dubbatu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6