Iyo'eel 1

GAZBIBAfaan Oromoo20 Keeyyattoota4:34 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:34 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Dubbiin Waaqayyoo inni gara Yo'el ilma Phetu'el dhufe kanatti fufee kan jiruu dha.

2Isin maanguddoota nana kana dhaga'aa! Sabni biyya kana keessa jiraattan hundinuus mee dhaggeeffadhaa! Wanti akkasii kun bara isin jiraattan keessatti, bara abboonni keessan jiraatan keessattis takkaa ta'ee beekaa ree”

3Waa'ee kanaa ijoollee keessanitti himaa! Ijoolleen keessanis ijoollee isaaniitti haa himan! Ijoolleen isaaniis dhaloota dhufutti haa himan!

4Isa gurmuu hawaannisaa isa duraa irraa hafe, gurmuu hawaannisaa isa lammaffaatu nyaate; isa gurmuu hawaannisaa isa lammaffaa irraa hafe, ilmaan hawaannisaatu nyaate; isa ilmaan hawaannisaa irraa hafe immoo geerii hawaanisaatu nyaate.

5Isin warri machooftuun dammaqaatii boo'aa! Daadhiin waynii isin irraa waan citeef, isin warri daadhii waynii dhugdan hundinuu, cuunfaa wayniitiif boo'aa!

6Sabni jabaanii fi lakkoobsi isaa dhuma hin qabne biyya koo irratti dhufeera; ilkaan isaa akka ilkaan leencaa ti, qarrifaan isaas akka qarrifaa leenca dhalaa ti;

7inni dhaabaa waynii koo in onse, muka harbuu koos gad in cire; qola isaanii irraa quncisee gate, dameen isaaniis addaatee hafe;

8akka misirroo uffata gaddaa uffatee, dhirsa qaree isheetiif gaddituutti, gaddaa!

9Kennaan nyaataa fi dhugaatii mana Waaqayyoo irraa in cite, kanaaf luboonni warri Waaqayyo gooftaadhaaf hojjetan gaddanii in boo'u.

10Maasiin in one, midhaan waan badeef lafti in gadde; mukti waynii inni haaraan in goge, dhadhaan ejersaas hin jiru.

11Isin warri qottuun abdii kutadhaa! Warri waynii dhaabdanii guddiftanis gaddaa! Wanti laficha irraa galfamu waan badeef, qamadiidhaaf, garbuudhaafis gaddaa!

12Mukti waynii in goga, mukti harbuus in coollaga; mukti rumaanii, mukti meexxii, mukti hudhaa fi mukkeetiin maasii keessaa hundinuu in gogu; gammachuun ilmaan namootaas in bada.

13Yaa lubootaa! Uffata gaddaa uffadhaa, boo'aas! Kennaan midhaanii fi kennaan dhugaatii, mana Waaqayyo keessanii irraa waan ittifameef, isin warri iddoo aarsaatii hojjettan, hojjetonni Waaqayyo kootii mana qulqullummaatti ol galaa! Uffata gaddaa uffadhaatii halkan guutuu gaddaa bulaa!

14Soomii qulqulluu labsaa! Wal ga'ii qulqullaa'aas waamaa! Jaarsoliidhaaf warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa, mana Waaqayyo gooftaa keessaniitti walitti qabaa! Gara Waaqayyoottis iyyaa!

15Wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera! Maal guyyaan sodaachisaan akkasii! Inni isa hundumaa danda'u biraa akka balleessiitti in dhufa.

16Utuma nuyi ilaalluu nyaati akkuma dhibe, akkasuma gammachuunii fi ililleen mana Waaqayyo keenyaatii dhibeera mitii ree”

17Sanyiin kaboota jalatti tortoree, midhaan waan badeef, gombisaan in one, gumbiin in caccabe.

18Saawwan waan dheedan waan dhabaniif, in mar'atu! Bushaayeen in joonja'u; hoolonni karri baay'eenis in dhiphatu.

19Yaa Waaqayyo! Ibiddi iddoo dheedumsa horii waan fixeef, arrabni ibiddaas muka bakkee keessaa waan gubeef, ani gara keetti nan iyya;

20burqaan bishaanii waan gogeef, ibiddis iddoo dheedumsa horii waan fixeef, bineensonni caakkaa illee gara keetti in iyyu.

Ibsa

1:1-7

Warri baay'ee dulloomanillee rakkoowwan akkasii dhufaa jiran yaadachuu hin dandeenye ture. Waraanni ilbiisotaa oomaashaa ishee nyaachuuf biyya irratti dhufaa turan. Jechi kun kan ibsamees badiisa biyyaa diina alagaatiin dhufu ilaallatuuf akkasumas manca'ina Kaaldaawwan geessisan akeeku fakkaata. Waaqayyo Gooftaa Raammooleeti; uumaa hundumaa to'annoo Isaa jala qaba, yoo inni fedhettis saba of tuulaa fi didaa uumaawwan laafootaa fi salphamoo ta'aniin salphisuu fi qaanessuu danda'a. Waaqayyo biratti wanta gammachuu fidu kan jireenya miidhaginaa fi daangaa darbeef itti fayyadamame kaasuun haqaadha; namoonni gammachuu isaanii guutummaatti wantoota miira foonii irra yoo kaa'an, rakkina yeroo kan lafaa baay'ee cimaan isaan irra ga'a. Gammachuuwwan lafaa fedhii keenya guutuuf baay'ee barbaachisoo akka ta'an yoo goone, rakkinaaf baay'ee of saaxilna.

1:8-13 Namoota nyaata manca'uuf qofa hojjetan hundi, yeroo booda yookiin dursanii, hojii isaaniitiin qaanfatamoo ta'u. Warri gammachuu isaanii fedhii foonii keessa kaa’an, yeroo isaan irraa mulqaman yookiin gammachuu isaanii keessatti jeequmsi isaan mudatu, gammachuu isaanii dhabu; garuu gammachuun hafuuraa yeroo sana duraan caalaa gabbata.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6