Yohaannis 17

GAZBIBAfaan Oromoo26 Keeyyattoota5:06 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:06 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Dubbii kana erga dubbatee booddee, Yesus gara waaqaatti ol ilaalee, ?Yaa abbaa, yerichi ga'eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu.

2Akkuma ati foon-qabeessa hundumaa irratti aboo isaaf kennite, inni immoo warra ati isaaf kennite hundumaaf jireenya bara baraa haa kennuuf.

3Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.

4Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera.

5Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!

6?Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan, ati immoo anaaf isaan laatte; isaanis dubbii kee eeganiiru.

7Ammas wanti ati anaaf kennite hundinuu si biraa ta'uu isaa hubataniiru.

8Dubbii ati anaaf kennite hundumaa ani immoo isaaniif kenneera. Isaanis fudhatanii, ani si biraa akkan dhufe dhuguma hubatan; akka ati na ergites amanan.

9Ani isaaniifan kadhadha, biyya lafaatiif hin kadhadhu, warra ati anaaf kenniteef malee; isaanoo kan kee ti.

10Kan koo hundumtuu kan kee ti, kan kees kan koo ti, ulfinni koos isaaniin in mul'ata.

11Ammas ani si'achi biyya lafaatti hin argamu, isaan garuu biyya lafaa keessa jiru; ani immoo gara kee nan dhufa. Yaa abbaa qulqulluu, akkuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka ta'aniif, maqaa keetiin isaan eegi!

12Hamma ani isaan bira turetti, humna maqaa keetii isa ati anaaf kenniteen isaan nan eege; waan hamaattii isaan eegeera, dubbiin macaafaa akka raawwatamuufis isaan keessaa ilma badiisaa malee, tokko illee kan bade hin jiru.

13Amma garuu gara kee nan dhufa, isaan immoo gammachuu koo guutummaatti akka qabaataniif, dubbii kana biyya lafaa keessatti nan dubbadha.

14Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan biyya lafaa hin ta'in, isaanis kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isaan jibbe.

15Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu.

16Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta'in, isaanis kan biyya lafaa miti.

17Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi.

18Akka ati biyya lafaatti na ergite, anis akkasuma biyya lafaatti isaan ergeera.

19Isaan immoo dhugaatti kan qulqullaa'an akka ta'aniif, ani isaaniif jedhee of nan qulleessa.

20?Isaan kana duwwaadhaaf miti, warra dubbii isaanii dhaga'anii anatti amananiifis immoo nan kadhadha malee.

21Isaanis tokko haa ta'aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekuuf kadhachuu koo ti.

22Akkuma nuyi tokko taane, isaanis tokko haa ta'aniif, ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera.

23Ani isaan keessa atis na keessa jiraachuu keetiin isaanis raawwatanii tokko haa ta'an; biyyi lafaas ati na erguu kee, akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu kee haa beeku!

24Yaa abbaa, isaan ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef anaaf laattes, haa arganiif nan fedha.

25Yaa abbaa ko, qajeelaa! Biyyi lafaa kun si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis immoo ati akka na ergite beekaniiru.

26Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha? jedhe.

Ibsa

17:1-5 Gooftaan keenya akka namaatti, akkasumas gidduu galeessa saba isaa ta’ee kadhate; haata’u malee, Abbaa wajjin tokkoo fi wal qixa ta’e waan ta’eef, ulfinaafi aboo guutuudhaan dubbate. Jireenyi bara baraa warra amananitti kennamuu hin danda’u, yoo Kiristoos, Wabiin isaanii, Abbaa kabajee, akkasumas Isa biraa kabajame malee. Kun karaa cubbamaan jireenya bara baraatti ittiin argatu dha; yeroo beekumsi kun guutummaatti raawwatamu, qulqullinniifi gammachuun guutummaatti ni jiraatama. Qulqullinniifi gammachuun warra furaman, keessumaa ulfina Kiristoosii fi Abbaa isaa ti, kan gammachuu isa dura kaa’ame ture, kan isaaf jedhee fannoo danda’eefi qaanetti salphise; ulfinni kun dhuma gaddaa lubbuu isaa ture, isa argachuudhaanis guutummaatti quufe. Kanaaf, Waaqayyoon kabajuun keenya akka ragaa qooda keenya Kiristoos keessaa, inni jireenyi bara baraa kennaa Waaqayyoo tolaa ta’e, akka barbaachisaa ta’e nu barsiisa.17:6-10.

Kiristoos warra Isaa ta'aniif kadhata. "Ati isaan anaaf kennite, akka hoolaa tiksituuf eegamuu qabanitti; akka dhukkubsataa ogeessa fayyaa biratti fayyifamuu qabuutti; akkasumas akka ijoollee barsiisaa biratti barsiifamuu qabanitti." Haala kanaan itti gaafatamummaa isaa ni kennata. Kiristoos irratti yommuu hirkannu, Inni, wantoota hunda inni jiruuf qabu, wantoota hunda inni jedheef raawwate, akkasumas wantoota hunda inni amma hojjechaa jiruuf fuulduratti hojjechuuf jiru, Waaqayyo irraa kan dhufan ta'uu isaanii, nutiif gammachuu guddaa dha.

Kiristoos kadhata kana uummata Isaa warra amantoota qofaaf dhiheesse; addunyaa guutuudhaaf miti. Haa ta'u malee, namni Abbaa bira dhufuu barbaadu kamiyyuu, akkasumas maqaa ofiitiin dhufuu akka hin malle beeku, ibsa Fayyisaa kanaan abdii kutachuu hin qabu; Inni danda'as ni fedhas, warra isaaniin gara Waaqayyootti dhufan hunda guutummaatti fayyisuuf. Amanamummaa cimaafi fedhiin jabaan, hojii nama keessatti raawwatamee jiruuf mallattoo abdii namatti horanidha; inni qulqullina Hafuuraatiin fi dhugaa amanuudhaan fayyinaaf filatamuu isaa jalqaba agarsiisu.

"Isaan kan kee dha; warra kan kee ta'aniif hin guuttaajirtuu? Isaan hin eegduu?" Bu'uura kadhaan kun irratti hundaa'e hubadhaa: "Kan koo hundinuu kan kee dha, kan kee hundinuu kan koo dha." Kun Abbaa fi Ilmi tokko ta'uu isaanii agarsiisa. "Kan koo hundinuu kan kee dha." Ilmi warra tajaajila Abbaatiif of hin kennin, akka kan isaa tokkollee hin lakkaa'u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ኢየሱስም ይህን ተናግሮ ወደ ሰማይ ዓይኖቹን አነሣና እንዲህ አለ፦ “አባት ሆይ፥ ሰዓቱ ደርሶአል፤ ልጅህ ያከብርህ ዘንድ፥ በሥጋም ሁሉ ላይ ሥልጣን እንደ ሰጠኸው፥ ለሰጠኸው ሁሉ የዘላለምን … አማርኛ ENGNIV After Jesus said this, he looked toward heaven and prayed: “Father, the time has come. Glorify your Son, that your Son … English BCV ኢየሱስ እዙይ ምስ ተዛረበ፥ ኣዒንቱ ናብ ሰማይ ቈላሕ ኣቢሉ ኸምዙይ በለ፦ “ኦ ኣቦ! እንሆ፥ እታ ሰዓት በፂሓ እያ፤ ወድኻ ምእንቲ ከኽብረካስ፥ ንወድኻ ኣኽብሮ፤ ትግርኛ BCV GIZ ወዘንተ ነገረ ተናጊሮ እግዚእ ኢየሱስ አንሥአ አዕይንቲሁ ውስተ ሰማይ ወይቤ፦ “አባ በጽሐ ጊዜሁ ከመ ትሰብሖ ለወልድከ ወከመ ወልድከኒ ይሰብሕከ። giz GAZGAZ Dubbii kana erga dubbatee booddee, Yesus gara waaqaatti ol ilaalee, ?Yaa abbaa, yerichi ga'eera, ilmi kee ulfina akka s… Afaan Oromoo BCV aksum ኢየሱስ እዙይ ምስ ተዛረበ፥ ኣዒንቱ ናብ ሰማይ ቈላሕ ኣቢሉ ኸምዙይ በለ፦ “ኦ ኣቦ! እንሆ፥ እታ ሰዓት በፂሓ እያ፤ ወድኻ ምእንቲ ከኽብረካስ፥ ንወድኻ ኣኽብሮ፤ ትግርኛ AMHNIV ኢየሱስ ይህን ከተናገረ በኋላ፣ ወደ ሰማይ ቀና ብሎ እንዲህ ሲል ጸለየ፤ “አባት ሆይ፤ ጊዜው ደርሶአል፤ ልጅህ ያከብርህ ዘንድ ልጅህን አክብረው፤ አማርኛ SWAHSUV Maneno hayo aliyasema Yesu; akainua macho yake kuelekea mbinguni, akasema, Baba, saa imekwisha kufika. Mtukuze Mwanao, … Kiswahili