Yohaannis 14

GAZBIBAfaan Oromoo31 Keeyyattoota5:23 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:23 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus itti fufee bartoota isaatiin, ?Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!

2Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.

3Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.

4Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu? jedhe.

5Toomaas immoo, ?Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?? jedheen.

6Yesus deebisee, ?Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.

7Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa argitaniittus? jedheen.

8Filiphos immoo, ?Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a? ittiin jedhe.

9Yesus deebisee, ?Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ?Abbaa nu argisiisi? jetta ree?

10Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubbadhu.

11Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! Yookiis sababii hojichuma kana hundumaaf ana amanaa!

12?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta.

13Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha.

14Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha? jedheen.

15Yesus itti fufee, ?Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu.

16Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna.

17Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.

18Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa.

19Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jirtaniif na argitu.

20Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu.

21Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira? jedhe.

22Yihudaa nama biyya Keriyot utuu hin ta'in, Yihudaa inni tokko, ?Gooftaa, attamitti ati biyya lafaatti utuu hin ta'in nutti of mul'ifta ree?? ittiin jedhe.

23Yesus deebisee, ?Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna.

24Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti? jedheen.

25Yesus ammoo, ?Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera.

26Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.

27Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!

28?Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa? akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caala'o.

29Kunis yeroo raawwatamu akka amantaniif, duraan dursee utuu inni hin ta'in kunoo isinitti himeera.

30Kanatti dabalee si'achi waan baay'ee isinii wajjin hin dubbadhu, inni biyya lafaa kana seerratu dhufuutti jira; haa ta'u iyyuu malee, inni ana irratti aboo hin qabu.

31Garuu ani abbaa jaallachuu koo, akka abboommii abbaan anaaf kennettis hojjechuu koo biyyi lafaa haa beeku; ka'aa egaa itti adeemnaa!? jedhe.

Ibsa

14:1-11

Asitti jechoota sadiitu jira; isaan keessaa kamiyyuu irratti xiyyeeffannaan kaa'amuu danda'a. Jecha 'na'uun' jedhu irratti. Hin gaddin, hin bu'aa-ba'iin. Jecha 'garaa' jedhu. Garaan kee guutummaa amantaa Waaqayyo irratti qabuun haa eegamu. Jecha 'keessan' jedhu. Namoonni kaan gaddoota yeroo ammaa kanaan yoo liqimfamanillee, isinii akkas hin ta'iin. Barattoonni Kiristoos, warra kaan caalaa, yeroo wanti hundinuu tasgabbii hin qabne, yaada isaanii tasgabbaa'aa taasisuu qabu.

Rakkina yaada kanaaf furmaanni asitti argama: amanaa. Kiristoositti akka gidduu-daree Waaqayyo fi nama gidduu jiruutti amanuudhaan, jajjabina arganna. Boona samiitti argamu mana abbaa keessaatti akka jiru dubbatama. Manni jireenyaa baay'een jira; ijoolleen baay'een ulfinatti fiduuf waan jiraniif. Manni jireenyaa iddoo jireenyaa dhaabataa dha. Kiristoos Xumuraa kan Inni Jalqabaa yookiin Hundee-Dhaabaa ta'eef ni ta'a; iddoo nuuf qopheessee yoo ta'e, nuyis isaaf nu qopheessa.

Kiristoos Karaa cubbamaa gara Abbaa fi gara samiitti ta'a; Inni akka Waaqayyo fooniin mul'ateetti, aarsaa araarsaa isaa keessatti, fi akka Duree-dubbiin keenyaatti nuuf ta'a. Inni Dhugaa dha, akka raajii Gooftaa hundumaa raawwateetti; kana amananii cubbamoonni Karaa Isaa kanaan dhufu. Inni Jireenya dha, hafuura jireenya kennu isaa kanaan warri cubbuudhaan du'an jiraachifamu. Namni tokkollee Waaqayyootti akka Abbaatti dhihaachuu hin danda'u, yoo Inni akka Jireenyaatti isa hin jiraachifne, fi akka Dhugaatti isa hin barsiifne, Karaa Isaa kanaan dhufuuf. Kiristoosiin, akka Karaatti, kadannaan keenya Waaqayyo bira gaha, fi eebbisa Isaa nu bira dhufa; kun Karaa boqonnaatti nama geessu dha, Karaa gaarii durii sani. Inni Du'aa Ka'uu fi Jireenya dha.

Namoonni Kiristoositti amantiidhaan argan hundinuu, Abbaa Isaan keessatti argan. Ifa barumsa Kiristoos keessatti, Waaqayyo akka Abbaa ifootaa ta'e argan; fi dinqii Kiristoos keessatti, Waaqayyo akka Waaqayyo humnaa ta'e argan. Qulqullinni Waaqayyo qulqullina jireenya Kiristoos kan xurii hin qabne keessatti ni ife. Mul'ata Waaqayyo namaaf Kiristoos keessatti ta'e amanuu qabna; hojiin Furataa ulfina Isaa, fi Waaqayyo Isa keessatti waan ibsuuf.

14:12-17

Waan kamiyyuu maqaa Kiristoosinaan yoo kadhanne, inni nuuf gaarii ta'a, akkasumas haala keenyaaf kan madaalu waan ta'eef, inni nuuf kenna. Maqaa Kiristoosinaan kadhachuu jechuun, bu'aa gocha fayyinaa isaa fi araarsummaa isaa dhiheeffachuu, akkasumas kadhata sana irratti guutummaatti hirkachuu dha. Kennaan Hafuura Qulqulluu fudura araarsummaa Kiristoosidha; gocha fayyinaa isaan kan bitamee fi araarsummaa isaatiinis kan argamuudha. Jechi asitti fayyadame, afgaazii, gorsaa, dammaqsaa fi jajjabessaa agarsiisa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6