Ermiyaas 47

GAZBIBAfaan Oromoo7 Keeyyattoota2:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Mootiin Gibxii biyya Gaazaa utuu hin rukutin fuula dura dubbiin Waaqayyoo inni waa'ee warra Filisxeemotaaf gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira;

2Waaqayyo, “Kunoo! Bishaan biyya gara-bitaatii ol in ka'a guutees manii irra in danbali'a; inni lafa hundumaa fi wanta isa irra jiru hundumaa irra in yaa'a, mandarootaa fi warra achi keessa jiraatan hundumaa irra in lola'a; yommus namoonni in iyyu, sabni biyya sanaa hundinuus in wawwaatu.

3Isaan sagalee kottee fardeenii, raafamuu konkolaataa irraa kan ka'e sagalee geengoo isaatii in dhaga'u; sodaatanii harki isaanii waan bushaa'eef, abboonni ijoollee isaanii gargaaruu, mil'ataniis isaan ilaaluu hin dandeenye.

4Guyyaan ani Waaqayyo warra Filisxeemotaa hundumaa itti balleessu dhufeera; namni isaan keessaa hafe Xiirosii fi Sidoonin gargaaru tokko illee hin jiru; ani ofuma kootii warra biyya Filiisxiyaa keessaa hafan, warra dur Kaftor biyya bishaan gidduu keessaa dhufan nan balleessa.

5Yommus namoonni Gaazaa gaddanii mataa in haaddatu, mandarri Ashqalon immoo in diigamti; isin yaa warra dachaawwan isaanii keessatti haftanii, hamma yoomiitti gadditanii dhagna keessan sukkuumtanii madeessitu ree?

6“Isin yommus, “Maaloo yaa billaa Waaqayyoo, ati yoom gab jettaa” Mann'ee keetti deebi'ii calluma jedhii taa'i!” in jettu;

7Ani Waaqayyo, billaan koo mandara Ashqalonii fi biyya bishaan gidduu akka rukutuuf ergan abboomee attamitti gab jechuu danda'a ree?” jedhe.

Ibsa

47:1-7 Musiibaawwan Filisxeemotaa.

Filisxeemonni yeroo hundumaa Israa'eliif diinota turaniiru; garuu waraanni Kaldootaa biyya isaanii akka guungumaatti ni lolaasa. Warra Waaqayyo barbadeessuuf jedhu, ni barbadaa'u. Kanaaf, yommuu Gooftaan hamoota balleessuuf jedhu, gargaarto…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6