Ermiyaas 43

GAZBIBAfaan Oromoo13 Keeyyattoota3:30 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:30 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Ermiyaas wanta Waaqayyo gooftaan isaanii jara kanatti akkan himuuf na abboome hundumaa guutummaa sabaatti himee ergan raawwadhee,

2Aazaariyaan ilmi Hoshaa'iyaa, Yohaannaan ilmi Qaarehaa akkasuma namoonni warri of tuultuun hundinuu,“Ati in sobda! Waaqayyo gooftaan keenya,“Gara biyya Gibxiitti gad buutanii achi hin taa'inaa!” jettee akka nutti himtuuf, gara keenyatti si hin ergine;

3wanta kana Baaruk ilma Neriiyaatu nuyi harka warra Baabilonitti dabarfamnee kennamnee akka ajjeefamnuuf yookiis immoo booji'amnee gara biyya Baabilonitti akka geeffamnuuf jedhee nu irratti si kaasee si dubbachiise” naan jedhan.

4Kana irratti Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi angafoonni loltootaa hundinuu jara hundumaa wajjin walii galanii sagalee Waaqayyoof abboomamanii biyya Yihudaa keessa taa'uu in didan;

5ergasii Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi angafoonni loltootaa hundinuu Yihudoota biyya Yihudaa keessa jiraachuudhaaf biyya itti tatamsa'anii turanii deebi'anii dhufan keessaa warra hafan hundumaa fudhatanii in adeeman;

6isaanis, dhiirota, dubartoota, ijoollota akkasumas intaloota mootichaa warra Nebuzaraadaan abboomaan loltuu Baabilon booji'ee Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam akaakayyuu Shaafaanitti kenne turan; Baaruk ilmi Neriiyaa fi ani Ermiyaas isaan keessa turre.

7Isaan Waaqayyoof abboomamuu didanii gara biyya Gibxiitti gad bu'anii hamma mandara Taahafeneetti in adeeman.

8Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Taahafeneetti gara ana Ermiyaas dhufee,

9“Dhagaa gurguddaa isaa fuudhiitii utuu namoonni Yihudaa si ilaalanii karra mana mootii Gibxii isa mandara Taahafenee keessa jiru dura iddoo xuuphiidhaan hojjetame keessa awwaali!

10Isaaniin immoo,“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el:- Ani kunoo! Nebukadnezaar mootii Baabilon hojjetaa koo isa ta'e waamee nan fida, teessoo isaas dhagaa amma as awwaalame kana irra nan dhaaba; innis dunkaana teessoo mootummaa isaa isa irra in diriirsa.

11Mootiin Baabilon warra Gibxiitti duulee isaan in mo'a, hunduma isaaniittis in farada; warra du'a itti farade in ajjeesa, warra booji'amuu itti farade in booji'a, warra kaan immoo billaadhaan in fixa;

12inni galma waaqayyolii tolfamoo isaanii ibiddaan in guba; waaqayyolii tolfamoo isaaniis in booji'a; akkuma tikseen uffata isaa injiru akkasuma inni biyya Gibxii tokko tokkoon injiree erga qulleessee, mo'ichaan achi keessaa ba'ee in adeema.

13Inni utuboota galma biiftuuf ijaarame biyya Gibxii keessaa in caccabsa, manneen waaqayyolii tolfamoo biyyicha keessaas ibiddaan in guba” jedhi!” naan jedhe.

Ibsa

43:1-7 Wal morkiin, Waaqayyoo wajjinis namaa wajjinis, kan dhufu of tuulummaa qofaan. Isaan ogummaa mataa isaanii fedha Waaqayyoo mul'ifameef dursan. Namoonni Caaffanni Qulqullaa'oon Dubbii Waaqayyoo ta'uu ni haalu, sababiin isaas, ulaagaawwan Caaffata Qulqullaa'oo jala jiraachuu waan hin feeneef. Namoonni yoo cubbuu keessa jabaatanitti, hojiiwwan gaarii hundumaa fedha gadheetti qabsiisu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የአምላካቸውን የእግዚአብሔርን ቃል ሁሉ፥ ለእነርሱ አምላካቸው እግዚአብሔር የላከውን ይህን ቃል ሁሉ፥ ኤርምያስ ለሕዝቡ ሁሉ መናገርን በፈጸመ ጊዜ፥ አማርኛ ENGNIV When Jeremiah finished telling the people all the words of the Lord their God–everything the Lord had sent him to tell … English BCV ኤርሚያስ፥ እግዚኣብሄር ኣምላኾም ንኣኣቶም ክነግሮም ዝለኣኾ ንዅሉ ቓል እግዚኣብሄር ኣምላኾም ነቶም ህዝቢ ተናጊሩ ምስ ወድአ፥ ትግርኛ BCV GIZ ወኮነ ሶበ አኅለቀ ኤርምያስ እንዘ ይነግር ለኵሉ ሕዝብ ኵሎ ቃለ እግዚአብሔር በከመ ፈነዎ እግዚአብሔር አምላኮሙ ኀቤሆሙ ዘንተ ኵሉ ቃላተ፤ giz GAZGAZ Ani Ermiyaas wanta Waaqayyo gooftaan isaanii jara kanatti akkan himuuf na abboome hundumaa guutummaa sabaatti himee erg… Afaan Oromoo BCV aksum ኤርሚያስ፥ እግዚኣብሄር ኣምላኾም ንኣኣቶም ክነግሮም ዝለኣኾ ንዅሉ ቓል እግዚኣብሄር ኣምላኾም ነቶም ህዝቢ ተናጊሩ ምስ ወድአ፥ ትግርኛ AMHNIV ኤርምያስ፣ እግዚአብሔር ለእነርሱ እንዲነግራቸው የላከውን የአምላካቸውን የእግዚአብሔርን ቃል ሁሉ ለሕዝቡ ተናግሮ በጨረሰ ጊዜ፣ አማርኛ SWAHSUV Ikawa Yeremia alipokwisha kuwaambia watu wote maneno yote ya Bwana, Mungu wao, ambayo Bwana, Mungu wao, amemtuma kwao, … Kiswahili