Ermiyaas 3

GAZBIBAfaan Oromoo25 Keeyyattoota6:57 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:57 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo,“Namni tokko haadha manaa isaa yoo baase, isheenis baatee nama biraatti erga heerumtee, namichi deebisee ishee galfachuu in danda'aa ree” Kana yoo godhe biyyichi baay'ee in xuraa'a mitii ree” Ati garuu warra si jaallatan warra baay'ee wajjin ejjiteetta; amma immoo gara kootti deebi'uu barbaaddaa ree”

2Mee ilaali! Tulluun ati irratti hin ejjin jiraa” Akkuma warri Arabaa lafa onaa keessa taa'anii nama saamuudhaaf eeggatan, akkasuma ati karaa dura teessee warra si jaallatan eeggachaa turte; ejja keetii fi hammina keetiin biyyicha xureessiteetta.

3Ati gaalamoota ija hin fuune taate, yeelloonis si irraa waan fagaateef, bokkaan inni duraa in ittifame, inni booddees hin roobne.

4Ammas ati anaan,“Ati abbaa koo ti, mucummaa kootii jalqabdees ana jaallatteetta.

5Amma immoo hamma bara baraatti anatti dheekkamtaa ree” Hamma dhumaattis anatti in aartaa ree?” jechaa, kunoo, hammuma dandeessu cubbuu in hojjetta” jedhe.

6Bara Yosiyaas mootii turetti Waaqayyo ana Ermiyaasitti dubbatee,“Wanta Israa'el isheen hin amanamne kun hojjette argiteettaa” Isheen gaara dheeraa hundumaa irratti, muka baala qabu hundumaa jalattis ejjiteetti;

7“Kana hundumaa erga gootee iyyuu gaabbitee gara kootti in deebiti” jedheen yaade; isheen garuu hin deebine; obboleettiin ishee Yihudaan isheen hin amanamnes kana in argite.

8Ani Israa'elin sababii ejjummaa isheetiif caaffata isheen ittiin baatu kenneefii gad nan dhiise; haa ta'u iyyuu malee, obboleettiin ishee Yihudaan isheen hin amanamne utuma kana argituu dhaqxee in ejjite;

9ejjuun isheetti salphaa waan fakkaatuuf dhagaadhaa fi mukatti sagaduudhaan biyyichaa fi ofii ishee in xureessite.

10Yihudaan obboleettiin ishee isheen hin amanamne sobdee waan deebite fakkaatte malee, garaa ishee hundumaan gara kootti hin deebine” naan jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

11Ammas Waaqayyo anatti dubbatee,“Yihudaa ishee hin amanamne irra, Israa'el ishee ana Waaqayyo irraa gara galtetu qajeeltuu dha;

12egaa dhaqii dubbii kana biyya gara bitaatti dubbadhuu,“Yaa Israa'el, ishee ana Waaqayyo irraa gara galtee, ani araara-qabeessa waanan ta'eef, hamma bara baraatti sitti hin dheekkamu, ija dheekkamsaatiinis si hin ilaaluutii, gara kootti deebi'i!” jedhi!

13Ati,“Ana Waaqayyo gooftaa keetiif abboomamuu diduudhaan ana irratti kaatee muka baala qabu hundumaa jalatti waaqayyolii ormaatiif waan sitti tolu waan hojjetteef, ati yakka kee beeki!” jedhi!” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

14Waaqayyo,“Yaa saba anattii gara galtanii, ani gooftaa keessani'o deebi'aa! Ani isin keessaa mandara mandaraa nama tokko tokko, qomoo qomoo keessaa nama lama lama, deebisee gara Xiyoon nan fida.

15Ani tiksoota warra akka garaa kootii isiniif nan kenna; isaan beekumsaa fi hubachuudhaan isin in geggeessu;

16isin baay'attanii biyyicha keessa yommuu guuttan, namni waa'ee bidiruu kakuu Waaqayyoo dubbatu, namni waa'ee isaa yaadatu, kan isa barbaadus hin jiru; inni deebi'ee hin hojjetamu.

17Haa ta'u iyyuu malee, yommus Yerusaalem,“Teessoo Waaqayyoo” jedhamtee in waamamti; sabni lafa irraa hundinuu ulfina anaaf kennuudhaaf Yerusaalemitti walitti in qabamu; si'achi akka mata-jabina isaanii fi akka jal'ina isaanii isa duriitti hin jiraatan.

18Bara sanatti namoonni Yihudaa fi namoonni Israa'el iddoo itti booji'aman biyya gara bitaatii, yommuu dhufan walitti dabalamanii gara biyya isa ani abboota keessaniif dhaala godhee kennetti in galu.

19“Yaa saba Israa'el, ani ofii kootii akka ilma kootti si ilaaluutti, saba lafa irraa gidduudhaas biyya gaarii isa baay'ee miidhagaa siif kennuutti nan gammada; ati yommus,“Abbaye koo” jettee na waamta, “Ana irraas gara hin galtu” jedhee nan yaade.

20Ati garuu yaa saba Israa'el, akkuma dubartiin hin amanamne dhirsa ishee dhiiftee adeemtu, atis ana dhiiftee in adeemte” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

21Sabni Israa'el wanta hamaa hojjetanii, Waaqayyoon gooftaa isaanii waan irraanfataniif, sagaleen boo'icha isaanii fi sagaleen himata isaanii, lafa gogaa isa ol ka'aa irraa in dhaga'ama.

22Waaqayyo,“Isin yaa warra anattii gara gagaltanii, ana irraa gara galuu isa dhukkuba isinitti ta'e irraa isin nan fayyisaatii deebi'aa!” jedhe; isinis,“Ati Waaqayyo gooftaa keenya'o, haa ta'u gara kee in dhufna,

23si Waaqayyo gooftaa keenya malee, Israa'elin kan gargaaru dhugumaan waan hin jirreef, iyyi gaara dheeraa irrattii fi tulloota irratti godhamu dhugumaan gowwoomsaa dha.

24“Bara duriitii jalqabee Waaqayyo tolfamaa, isa yeellaasisaa sanatu wanta abboonni keenya itti dadhabanii hojjetan, bushaayee isaanii, saawwan isaanii, ilmaan isaanii fi intaloota isaanii hundumaa nyaachaa ture.

25Si Waaqayyo gooftaa keenya duratti nuyi cubbuu hojjenneerra; nuyi, abboonni keenyas mucummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti si Waaqayyo gooftaa keenyaaf hin abboomamne; kanaaf kottaa amma yeelloo keenya baanne, salphina keenyas akka uffataatti haguuggannee gad in ciifnaa!” jettaniittu.

Ibsa

3:1-5

Gaabii keessatti, cubbuuwwan nuti ittiin yakka raawwanne, akkasumas bakkeewwanii fi gareewwan isaan itti raawwataman irratti yaaduun gaariidha. Waaqayyo hammam laafinaan isaan sirreesseera! Yeroo warra gaabbii galfatan simatu, Inni Waaqaadha malee nama miti. Hanga ammaatti maaluma iyyuu kan dubbatte yookiin kan hojjette ta'u, ammaa eegalee gara kootti hin qajeeltuu? Ayyaanni Waaqayyoo kun si hin mo'atuu? Amma dhiifamni labsameera, bu'aa isaa hin fudhattuu? Warri gaabbii galfatan, Ilma badee deebi'eef, garaa laafina Abbaa mararfataa isatti argachuuf ni abdhatu. Akka Qajeelchaa dargaggummaa isaaniitti gara isaa ni dhufu: Dargaggummaan qajeelchaa ni barbaada. Cubbamtoonni gaabbii galfatan Waaqayyo dallansuu isaa hanga dhumaatti akka hin tursineen of jajjabeessuu danda'u. Mararfatni Waaqayyoo hundi, bara hundumaa keessatti, jajjabina ni kennu; dargaggootaaf Waaqayyoon Abbaa isaanii fi Qajeelchaa dargaggummaa isaanii gochuu caalaa maalitu kana caalaa barbaadamaa ta'uu danda'a? Maatiin guyyaa guyyaan ijoollee isaanii eebba kana garaa guutuudhaan akka barbaadan haa qajeelchan.

3:6-11 Yoo yakka warra beekumsa amantii isaanii irraa gargar ba'an, akkasumas bu'aa isaa xinxalline, karaa hamaa irraa fagaachuuf sababa gahaa argina. Warra dhugumaan cubbuu isaaniitti badan caalaa yakkaan argamuu baay'ee nama sodaachisaa dha; Haa ta'u malee, adaba bara baraa keessatti, warri kaan isaan caalaa hamaa akka turan beekuun, tasgabbii xinnoo qofa kennata.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በሰው ዘንድ፦ ሰው ሚስቱን ቢፈታ፥ ከእርሱም ዘንድ ሄዳ ሌላ ወንድ ብታገባ፥ በውኑ ደግሞ ወደ እርሱ ትመለሳለችን? ያች ሴት እጅግ የረከሰች አይደለችምን? ይባላል። አንቺ ከብዙ ውሽሞች ጋር … አማርኛ ENGNIV “If a man divorces his wife and she leaves him and marries another man, should he return to her again? Would not the la… English BCV ከምቲ ዝበሃል፦ “ሰብኣይ ንሰበይቱ እንተ ፈትሓ እሞ፥ ንሳ ኻብኡ ኸይዳ ኻልእ ሰብኣይ እንተእተወት፥ ብሓቂ እቲ ቐዳማይ ሰብኣይ መሊሱዶ ኸእትዋ ይኽእል? እታ ሰበይቲ እቲኣ የመና ዝረኸሰትዶ … ትግርኛ BCV GIZ አመ ሰደዳ ብእሲ ለብእሲቱ ወወጽአት እምኀቤሁ ወአውሰበት ካልአ ብእሴ ትገብእኑ ኅቤሁ እንከ ዳግመ? አኮኑ እንከ ትረኵስ ይእቲ ብእሲት? ወአንቲኒ ዘመውኪ በብዙኅን ኖሎት ወተመየጢ ኀቤየ፤ ይ… giz GAZGAZ Waaqayyo,“Namni tokko haadha manaa isaa yoo baase, isheenis baatee nama biraatti erga heerumtee, namichi deebisee ishee… Afaan Oromoo BCV aksum ከምቲ ዝበሃል፦ “ሰብኣይ ንሰበይቱ እንተ ፈትሓ እሞ፥ ንሳ ኻብኡ ኸይዳ ኻልእ ሰብኣይ እንተእተወት፥ ብሓቂ እቲ ቐዳማይ ሰብኣይ መሊሱዶ ኸእትዋ ይኽእል? እታ ሰበይቲ እቲኣ የመና ዝረኸሰትዶ … ትግርኛ AMHNIV “ሰው ሚስቱን ቢፈታ፣ እርሷም ሄዳ ሌላ ሰው ብታገባ፣ ወደ እርሷ ይመለሳልን? ምድሪቱስ ፈጽማ አትረክስምን? አንቺ ግን ከብዙ ወዳጆችሽ ጋር አመንዝረሻል፤ ታዲያ አሁን ወደ እኔ መመለስ ትፈል… አማርኛ SWAHSUV Watu husema, Mtu akimwacha mkewe, naye akienda zake, akawa mke wa mtu mwingine, je! Mtu huyo atamrudia tena? Je! Nchi h… Kiswahili